Hireen Asaadiifi maatiisaa biyyaa baqatanii maal ta'aa?

Madda suuraa, Getty Images
Dilbata darbe Bashaar al-Asaad gaafa aangoorra ka'u pireezidantummaa isaa waggaa 24 qofaaf osoo hin taane dhuma aangoo maatiisaa kan waggaa 50f Sooriyaa bulchaa turaniitis ta'e.
Asaad bara 2000 aangootti osoo hin dhufiin dura abbaansaa Haafeeza waggaa soddomaaf biyyattii bulchaa ture.
Yeroo ammaa kannaatti ammoo Gareen Hidhata Islaamaa Haayaat Taahiir- al Shaam (HTS) mootummaa ce'umsaa hundeessaa jira.
Carraan pireezidantii duraaniifi haadha warraasaa akkasumas ijoolleesaa sadanii ammayyuu hin beekamne.
Raashiyaatti yeroo ammaa koolugaltummaa gaafatanii jiraatanillee, egereen isaanii maal tahuuf deema?
Asaad maaliif gara Raashiyaatti baqate?
Yeroo waraana waliinii Sooriyaa Raashiyaa michuu amanamtuu Asaad turte, biyyattii keessattis buufata waraanaa lama qabdi.
Bara 2015 Raashiyaan Asaad deeggaruun duula qilleensarraa jalqabuun mootummaa kanaan akka michoomtu godheera.
Gareen dhimma kana hordofu UK irraa namoota nagaa 8,700 dabalatee namoonni 21,000 tahan sochii waraanaa Raashiyaatiin waggoota sagal keessatti ajjeefamaniiru.
Amma garuu Raashiyaan waraana Yukireeniin qabamtee waan jirtuuf Asaadiin haleellaa hidhattootaa aangoorra isa buuserra isa hambisuu hin dandeenye.
Gareen hidhattootaa Damaasqoo to'achuun sa'atii muraasa booda miidiyaan Raashiyaa Asaad maatiisaa wajjin Moskoo akka galeefii ''bu'uura deeggarsa namoomaatiin'' koolugaltummaa gaafataniiru jechuun gabaase.
Dubbii himaan Kireemliin Dimitrii Peeskiiv ''murtoon koolugaltummaa eeyyamuun hogganaa biyyaan kan kennamu dha,'' jedhe achi buutee Asaad yoo gaafatamu.
Hariiroon Asaad Raashiyaa wajjin qabu sirriitti waan galmaa'ee jiru dha.
Bara 2018 gaazexaan Faayinaanshaal Taayimis maatiin Asaad gamoowwan mana jireenyaa qananii Raashiyaa keessaa bitatanii akka jiran himee ture. Kunis yeroo waraana Sooriyaa maallaqa miiliyoonaan lakkaa'amu yeroo miliqsaa turanidha jedhe.
Ilimi hangafaa Asaad Haafeez magaalaa Moskoo keessatti barataa PHD tahuu gaazexaan biyya keessaa gabaaseera.
Ijoollee fi maatiin Asaad eenyu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haati warraasaa Asmaan lammummaa Biriitishii fi Sooriyaa qabdi, Asmaan Landan keessatti maatii Sooriyaa irraa dhalattee guddatte.
Hojii baankii invastimantii eegaluusheetiin duras Yunivarsiitii Landanitti baratte.
Asmaan guutummaan guutuutti Sooriyaa kan galte bara 2000 yoo tahu Asaad yeroo abbaasaa irraa pireezidantummaa fudhatu ammoo itti heerumte.
Barattuun yunivarsiitii London School of Economics and Political Science (LSE) Dr Nesriin Alfeeraayii Asmaan ''paaspoortii Biriitish waan qabduuf Raashiyaatti hafuurra gara UKtti deebi'uu dandeessi,'' jedhan.
''Haa tahuu malee UK'n ammoo abbaashee Dr Faawaaz al-Akhaars amma Raashiyaa jira jedhamurratti qoqqobbii keesseetti,'' kanaaf Asmaan Moskoo turuu filatti tahaa jedhan.
Gabaasni Meeyil Onlaayiin akka agarsiisutti abbaan Asmaa hakiima onnee, haatishee Sahaaraan ammoo dippiloomaatii Moskoo dhaqanii intalasaaniifi soddaasaanii ''jajjabessuu'' barbaadu.
Asaadiifi haati warraasaa ijoollee Haafeez, barataa PHD, Zeeyiiifi Kariim jedhaman qabu.
Bara 2022tti gabaasni Koongireesii Ameerikaaf dhiyaate akka agarsiisutti qabeenya maatii Asaad doolaara biiliyoona lamatti siqa.
Akka gabaasichi jedhutti Bashaariifi haati warraasaa ''qaamota diinagdee biyyattii sochoosan waliin dhiyeenya waan qabaniifi dhaabota isaanii maallaqa seeraan alaa ittii daddabarsuuf fayyadamu,kunis bulchiinsa Asaad maallaqaan deeggaraa ture,'' jedhan.
Dabaluunis Asmaan, ''koree rakkoo diinagdee Sooriyaa furuuf hojjetu keessatti dhiibbaa qabdi,'' nyaataafi boba'aa irratti mootummaan deeggarsa maallaqaa akka godhu murtoo dabarsuu keessattis harka qabdi.
Bara 2020 ministarri hajaa alaa Ameerikaa Maayi Poompee ''Asmaan waraanarraa namoota bu'aa buufatan keessaati, kanas deeggarsa abbaa warraasheetiin raawwatti,'' jedhanii ture.
Asaad himtamuu danda'u?
Asaad aangoorra buqqa'uu hordofee hoggantuun olaantuu Amanastii Intarnaashinaal, ''sarbama mirgaa hamaafi gidiraa namaa hin himamne bal'inaan raawwateera,'' jette.
Kunis,''fayyadama meeshaa waraanaa keemikaalaa, boombii fi yakka waraanaa biraa akkasumas ajjeechaa, dararaa, achi buutee dhabsiisuu akkasumas ajjeechaan yakka namummaa irratti taasifamu raawwateera,'' jette.
Hawaasni idil-addunyaa namoonni seera addunyaa cabsan akkasumas sarbama mirga namoomaa raawwatan akka qoratamanii himataman gochuu qaba jette.
Gaafa Kiibxataa hogganaan garee hidhataa Sooriyaa qondaalota hidhamtoota siyaasaa dararaa turan arii'aniiru.
Abuu Mohaammad al-Joolaaniin Mootummaa Fayyisaa Sooriyaa qondaalota biyya gadhiisanii bahan biyyatti akka deebisan hime.
Faransaayi keessatti abbootiin seeraa qorannoo yakka namummaa irratti Asaad raawwateef akka qabamuuf ajaja itti baasaniiru. Kunis haleellaa meeshaa waraanaa keemiklaa bara 2013 Sooriyaa keessatti raawwateefi dha.
Raashiyaan lammii ofii dabarsitee hin kennitu garuu- kunis seerri garuu namni yakka raawwateef mana murtiitti dhiyaachuu akka qabu himus jechuu dha.
Asaad Raashiyaa gadhiisee biyya biraa deebi'aa Sooriyaatti akka fudhatmu taasisu ykn yakkaan akka himatamu godhutti hin deebi'u.












