Dorgommiin olaantummaa biyyoota jajjaboo addunyaa sadan garam deemaa jira?

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Ameerikaan erga hogganaa Veenzuweelaa Nikolaas Maaduroo to'atteen booda Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "olaantummaan Ameerikaan Hemisfeera Dhihaa irratti qabdu kana booda gaaffii keessa hin jiru" jechuun dubbatan.
US humna cimaa qabaachuu ishee guddiftee mul'isuufis yaalaa jirti.
Chaayinaa fi Raashiyaan gama isaaniin biyyoota dhiibbaa qaban ta'uu isaanii mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiran itti fufaniiru.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti biyyoonni sadan haala addunyaa haaraa uumuuf carraaqaa jiru.
Dhiibbaan isaanii Awurooppaa bira darbee guutuu addunyaatti mul'ataa jira.
Gabaasni kun dhiibbaa waraanaa, dinagdee fi siyaasaa US, Chaayinaa fi Raashiyaan ollaa isaanii fi addunyaa irratti qaban dhiyeessa.
Addunyaa 'humnaan bultu'.
Bulchiinsi Tiraamp imaammata alaa fi tarsiimoo nageenyaa Ameerikaa jijjiiraa jira. Xiyyeeffannaan isaas Hemisfeera Dhihaa irratti.
Pirezidaantonni Tiraamp dura turan, Dimookiraatotas ta'e Rippaabilikaanonni, aangoo Ameerikaa sadarkaa idil-addunyaatti babal'isuu irratti xiyyeeffataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsi Tiraamp dhaadannoo 'America First' jedhu qaba. Kunis imaammata isaa kan godaansa, yakka, fi daldala qoricha sammuu namaa hadoochu irratti qabu irratti xiyyeefata.
Gorsitoota olaanoo Tiraamp keessaa tokko kan ta'an Isteevan Miilar dhiheenya kana addunyaan ''cimina, humnaa fi aangoon'' akka bulfamu dubbataniiru.
Gariin haasaa isaanii kana imaammata alaa hogganoota biyyattii duraanii Heenrii Kiisinger fi Riichaard Niiksan waliin wal bira qabanii ilaalu. Poolisiin Ameerikaa bara 1960 fi 1970 keessa ture haala kanaan wal fakkaata ture.
Jijjiirama jaarraa 20ffaa irratti Wiliyaam Maakiinlii fi Teedii Ruuzvelt Ameerikaa akka saba humna guddaa qabdutti ijaaran.
Mayinar Doktiriiniin immamata jedhuu kan bara 1823 ba'een, Hemisfeerri Dhihaa gidduu seenaa biyyoota Awurooppaa irraa bilisa ta'uu akka qabu ibse.
Roozvelti Ameerikaan biyyoota Ameerikaa hunda eeguun dursa akka fudhattu barbaade.
Yeroo sanatti Ameerikaan biyyoota akka Veenzuweelaa fi Rippabiliika Doominiikaatiif gargaarsa maallaqaa taasisaa turte. Akkasumas loltoota Heeyitii fi Nikaraaguwaatti bobbaasti.
Tiraamp yeroo lammaffaaf wayita pirezidaantii ta'an naannolee to'annoo Ameerikaa jala galchuu barbaadan yeroo dubbatan dhaga'amaa tureera.
Tiraamp Sulula Paanaamaa, Giriinlaandii fi Kaanaadaallee ofitti dabaluu akka barbaadan dubbataniiru.

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Tarsiimoon Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus akka jedhutti "Ameerikaan nageenyaafi badhaadhina isheetiif Hemisfeera Dhihaa keessatti adda duree ta'uu qabdi. Kunis naannicha keessatti argamuun amanamaa ta'uu ishee dandeessisa."
Tarsiimoon Ameerikaa addunyaa biyyoota dhiibbaa ishee morman, adda durummaan Chaayinaa waliin dorgomuu dabalata.
Ameerikaan siyaasa addunyaa keessatti olaantummaa qabaachuuf Chaayinaa waliin dorgomaa jirti.
Tiraamp biyyoota adda addaa keessattis nageenyi akka jiraatu hojjechaa jiru.
Sa'uudii Arabiyaa, Kaatar fi Yunaayitid Arab Emireets dabalatee biyyoota Arabaa waliin hariiroo daldalaa fi nageenyaa cimsuuf yaalaa turan.
Akka isaanii fi gorsitoonni isaanii jedhanitti Ameerikaan 'eegduu qaroomina warra dhihaati'.
Imaammata Tiraamp Ameerikaa dursa kennuuf qaban karaa ittiin ibsan keessaa isa tokkodha. Ejjennoo dhuunfaa Tiraamp ejjennoo Ameerikaan imaammata idil-addunyaa irratti qabdu irratti dhiibbaa kan qabu fakkaata.
Seenaa Ameerikaa waggoota 250 keessatti imaammata alaa irratti jijjiiramni guddaan mul'ateera. Ameerikaan ejjennoo adda addaa fudhattee jirti, qoqqobamuu irraa kaasee hanga biyyoota biroo keessa seenuutti.
Waraanni Ameerikaa haala dandeettii fi ga'uumsa isaa waliin wal madaaluun biyyoota biroo keessa akka seenu argameera.
Bulchiinsa Tiraamp jalatti imaammanni alaa Ameerikaa mallattoo jijjiirama agarsiisus, waggoota dhufan keessatti jijjiirama guddaa fiduun isaa hin oolu.
Chaayinaan
Dhiibbaan Chaayinaan waltajjii idil-addunyaa irratti qabdu naannummaa bira darbee biyyoota adda addaas kan hammatedha. Gahee Chaayinaan biyyoota adda addaa keessatti qabdu arguun nama hin dhibu.
Chaayinaan Paasifikii Kibbaa, Giddugaleessa Eeshiyaa, Baha Giddugaleessaa, Laatiin Ameerikaa fi kutaalee addunyaa biroo keessatti gahee yeroo dheeraa qabdi.
Keessattuu akka biyya waa heddu omishaattutti dhiibbaa guddaa addunyaa irratti taasifti. Meeshaaleen addunyaa harka sadii keessaa tokko Chaayinaa keessatti kan oomishamanidha.
Chaayinaan meeshaalee xixxiqqaa irraa kaasee hanga gurguddatti oomishti.
Albuuda uumamaa addunyaa irratti baay'ee hin argamne fi gati jabeeyyii ta'aan tokko tokkos qabdi
Albuudoonni kun bilbila harkaa, konkolaataa elektirikii, jenereetaroota humna qilleensaa fi meeshaa waraanaa oomishuuf kan ooludha.
Chaayinaan taarifa Ameerikaan irra keessa haaloo ba'uuf hamma albuuda Ameerikaatti ergitu daangessiteetti.
Ameerikaan xiyyeeffannoo ishee gara albuuda Giriinlaandiitti kan garagalchite kanaafi. Biyyoonni gurguddoon lamaan dorgommii daldalaa isaanii itti fufaniiru.
Naannoo bara 2000tti Chaayinaan Ameerikaa caaltee addunyaa irratti meeshaalee al-ergii guddaa qabdu ta'uun ishee ni yaadatama. Garuu bara 2026tti wanti jijjiiramu jiraachuu mala.
Pirezidaant Xi Jinping hogganaa gama daldalaa, teeknooloojii fi invastimantii irratti dhiibbaa addunyaa kan qabaniidha
Chaayinaan biyyoota hiyyeeyyii addunyaa keessaa tokko ta'uu irraa kaatee gara industirii fi teeknooloojiin adda duree ta'uutti ceeterti.
Biyyoonni guddachaa jiran Chaayinaa keessatti kan of ilaalan kanaafi.
Chaayinaan gidduu seenummaa warra dhihaa malee akka modeela guddinatti ilaalamti.

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Imaammata siyaasaa fi alaa warra dhihaa osoo hin hordofin guddachuu akka danda'amu biyya agarsiistedha.
Bara 2001tti biyyoota addunyaa keessaa dhibbeentaan 80 (Awurooppaa dabalatee) Ameerikaa waliin michuu daldalaa turan. Amma ammoo dhibbeentaan 70 Chaayinaa waliin hariiroo daldalaa qabu.
Chaayinaan biyyoota guddachaa jiran keessattis invastimantii gochuun beekamti. Pirojektii'Belt and Road Initiative' Eeshiyaa, Awurooppaa, fi Afrikaa lafaa fi galaanaan walitti hidhuu hojjataa jirtuudha
Chaayinaan ijaarsa buufata doonii, daandii fi dhiyeessii anniisaa irratti qooda guddaa qabdu taateetti. Kanarraa kan ka'e biyyoonni hedduun liqaa Chaayinaa ofirraa qabu.
Duula Tiraamp Veenzuweelaa irratti taasisaniin booda Chaayinaan Taayiwaan weeraruu dandeessi? Gaaffiin jedhu ka'aa jira.
Taayiwaan odola walaba taatetti yoo of ilaaltellee Chaayinaan gaaf tokko akka of jalatti deebistu yaada qabdi.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti Chaayinaan Taayiwaan weeraruurra tarsiimoo suuta suutaan laamshessuuf qabdu itti fufti.
Taayiwaan dhiibbaa irra jirtu irraa kan ka'e gara mariitti akka dhaqxus amanama.
Xi Jinping Chaayinaan biyya 'haroomsa guddaa' keessa jirtu ta'uu dubbata. Yeroo agarsiisa waraanaa kana ilaalan, Chaayinaan deebitee ka'uu ishee ''humni kamiyyuu dhaabuu hin danda'u'' jedhu.
Jeequmsa addunyaa Doonaald Tiraamp jalatti uumame ''karaa haaromsaa'' jechuun ibsuun, yeroon addunyaan gara Chaayinaatti garagaltu fagoo miti jedhee amana.
Jinping akka jedhutti addunyaan karaa qaxxaamuraa irra jirti, filannoo hundarra gaariin daandii Chaayinaa hordofuudha.
Raashiyaa
Pirezidaantiin Vilaadmir Puutiin yeroo tokko kufaatiin Gamtaa Sooviyeet ''kufaatii ji'oopoolitikaa jaarraa 20ffaa keessaa isa guddaadha'' jedhan.
Puutiin waa'ee rippabilikoota Sooviyeet duraanii walabummaa isaanii labsan yeroo dubbatan jecha 'The Near Abroad' jechuun fayyadaman.
Ibsa biyyoonni kunneen mirga walabummaa isaanii irratti daangaa murtaa'e akka qaban agarsiisuuf itti fayyadaman yoo ta'u Dhiyoo akka fagoo' jedhamee hiikamuu danda'a.
Raashiyaan dantaa biyyoota kanneen keessatti qabduuf seeratti himatti. Garuu waa'ee daangaa Raashiyaa fi biyyoota ishee maal akka yaaddu ifatti hin ibsine.
Dhiibbaan Raashiyaa ifa waan hin taaneef gadi fageenya isaa ifatti murteessuuf rakkisaadha.
Yeroo tokko Puutiin daangaa Raashiyaa ''daangaa hin qabu'' jedhan. Gariin ibsa isaa akka imaammata babal'inaatti ilaalu.
Adeemsa naannolee fi bakkeewwaan biroo seenaa keessatti qaama Raashiyaa turan Raashiyaa keessatti deebisuu akka ta'e himama.
Kanaafidha Raashiyaan naannoowwan Yukireen irraa fudhatte "akka seenaa" ishee deebifatteetti kan ibsitu.
Raashiyaan walabummaa biyyota kan kabajju ta'uu ibsitus biyyoonni kunneen to'annoo Raashiyaa jalaa ba'uuf yeroo yaalan dhiibbaa dinagdee fi waraanaa taasisti.
Yukireen Gamtaa Sooviyeet keessaa erga baatee waggootaaf imaammata yeroo muraasaaf Kremlin waliin wal dhabde hordofaa turte. Ijaarsi buufata waraana galaanaa Raashiyaa irratti argamu kanaaf fakkeenya guddaa ture.
Gidduu seenuun dinagdee fi siyaasaa bu'aa argamsiisuu yeroo dadhabe Raashiyaan Kiriimiyaa weerartee bara 2014tti naannoo sana ofitti fudhatte.
Akkasumas bara 2022 Raashiyaan Yukireen weerarte.
Bara 2008 Joorjiyaa waliin waraana seente.Yeroo waraanaa sanatti Raashiyaan naannoo Joorjiyaa dhibbeentaa 20 ofitti qabde.
Ergasii as loltoonni Raashiyaa naannoo isaanii daran gara Joorjiyaatti babal'isuuf carraaqqii isaanii itti fufaniiru. Tokko tokko kana "babal'ina suuta jedhu" jechuun ibsu.

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Yeroo Raashiyaan Joorjiyaa fi Yukireen weerarte gidduu seenuun biyyoota dhihaa dhabuun isaa Puutiin ''naannolee dhiyoo jiran'' dabaluun mirga isaa akka ta'e akka itti dhaga'amu taasiseera.
Biyyoota Gamtaa Sooviyeet duraanii keessaa Beelaaruus, Taajikistaan, Kirgistaan, Kaazaakistaan fi Armeeniyaa Raashiyaa waliin walitti dhufeenya cimaa kan qaban yoo ta'u, loltoonni Raashiyaa naannoo isaanii akka buufatan hayyamaniiru.
Joorjiyaa fi Yukireen yaalii jijjiirama dimokiraasii fi biyyoota dhihaa waliin walitti dhihaachuu isaaniitiin Raashiyaa waliin wal dhabaniiru.
Waraana Addunyaa Lammaffaa fi Waraana ololaa booda ummatoonni addunyaa akka wal qixaatti akka ilaalaman sochiin taasifamaa ture.
Meeshaa waraanaa biyyoonni qabaniifi guddina isaanii fi xiqqaa ta'uu isaanii osoo hin ilaalin walqixxummaan kan barbaadamu yoo ta'u, dorgommiin dhiibbaa irratti taasifamu garuu bara dukkanaa sanatti kan deebi'u fakkaata.















