Mikeel Arteettaa fi taphattoonni Arsenaal erga Maan Yuunaayitidiin mo'amanii maal jedhan?

Arsenaal 2-3 Maan Yuunaayitid

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal dirree isaa irratti Maanchister Yuunaayitidiin 3-2'n mo'ame.

Galchii Biriyaan Embuumoo, Doorguu fi Kuunaadhaan Arsenaaliin kan injifate Maanchister Yuunaayitid torbee darbes Maanchsietr Siitii mo'achuun gahumsa guddaa agarsisieera.

Taphattoonni Arsenaalii fi Arteettaan maal jedhan?

Duraan dursee Maan Yuunaayitid injifannoo argattaniif baga gammaddan jedhee jalqabe.

Daqiiqota 30 jalqabaa akka gaariitti taphannee ture. Bakka barbaannerra taphachuun baay'ee isaan caallee ture. Galchiis lakkoofsifneerra. Carraa goolii biraa lamas argannee ture.

Dogogora tokkoon carraa goolii tokko isaaniif kennine. Garuu dogogorris qaamuma kubba miilaati. Yeroo sana irraa jalqabee abdii isaaniif kennine.

Tapha gaarii taphachuufis baay'ee rakkataa turre jedhe Arteettaan.

Boqonnaan booda taphichi banaa ture. Gareen tokko akka jalqabaa caalmaa fudhatee kan taphate miti. Galchii baay'ee babbareedaa lama lakkoofsisisan. Sun gahumsa dhuunfaan tapha guddaa akkasii keessatti waan mul'atudha. Erga taphattoota jijjiiree fooyyofnee turre.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Galchii lammaffaas lakkoofsifneerra. Garuu taphicha gareen tokko mo'achuu carraa banaa qaba ture.

Noonii Maduweekeen carraa guddaa sarara dhumaa keessatti argatee ture. Garuu homaa gooliitti jijjiiruu hin dandeenye.

Sana booda Maan Yuunaayitid qindoomina guddaan taphachuun yeroo kubba argatan dafanii tuqaniima dabarsuun taphachuun Maatiyaas Kuunaas galchii bareedduu lakkoofsise jechuun Arteettaan taphaan booda dubbate.

Taphattoonnikoo injifannoo hedduu, gammachuu guddaa nuuf kennaa turan. har'a garuu mo'amneerra. Gaddineerra. Amma garuu yeroon isaanitti dhiyaadhee isaan jajjabeessudha. Kanatu isaaniif mala jedhe.

Arsenaal osoo maanchister Yuunaayitidiin mo'atee jiraate carraa qabxii torbaan Maan Siitii irraa fagaachuu argata ture.

Torban darbes Nootiingihaam Foorest waliin qixa bahuun isaanii carraa qabxii sagaliin dursuu isaan dhowwateera.

Arsenaal dirree isaa irratti yeroo jalqabaaf mo'ame.

''Amma dhiibbaan Arsenaal irra jira'' jedhe taphataan duraanii Yuunaayitid Rooy Kiin.

''Qabxii warra kaanii hunda arganiiru. Bakka sirrii irra jiru. Waan hunduu akka gaariitti isaaniif deemaa jira ture. Garuu dhiibbaa keessa galaniiru'' jedhe.

Dhiibbaa dandamachuu dadhabuun isaanii waggoota darban keessa waancaa isaan dhabsiiseera jedhe.

''Liigicha irraa bakka jiran yeroo ilaallu haala kanaan ofitti amanamummaa dhabuun isaanii na dhibeera. Sodaachuu fi gadduurra gadi taa'anii bakka morkii jalqaban sanatti deebi'uun hojjechuu qaba'' jedhe.

Paatirik Doorguun Arsenaal irratti galchii bareedaa lakkoofsise

Madda suuraa, Getty Images

Maartiin Odeegaard ''gahumsa gaarii hin agarsiifne. Waan nu mudate qixa sirriin sitti himuuf natti ulfaata.

Amma isa duraanii caalaa yerootti wal qabachuu qabnudha. Jabaannee hojjennee bakka kufnee ka'uu qabna'' jedhe.

Boqonnaa dura gaarii turre. Galchiis lakkoofsifne. Garuu boqonnaan booda haalli ture jijjiirame.

Tapha kanaaf haalaan qophoofnee turre. Haaluma gaariinis jalqabne. Erga galchii lakkoofsisanii xiqqoo haalichi jijjiirame. Miira keessa galle jechuuf na rakkisa. Garuu irraa baranna,'' jedhe.

Waancaa injifachuun takkaa liigii kana keessatti salphatee hin beeku. Taphni hunduu ulfaataa fi kan nama qorudha. Ammas liigicha dursaa jirra. Garuu tokkummaan dhaabbachuun hojjechuu qabna,'' jedhe.

Arsenaal waancaa dhabaa?

Arsenaal bara kana qabxii gaarii galmeessaa turuun gaaffii hin qabu. Shaampiyoonsi Liigii %100 mo'ataniiru.

Kaarabayoo Kaappii tapha marsaa jalqabaan cheelsii mo'ataniiru. Tapha deebiitu hafa. Yoo mo'atan waancaaf darbu.

FA Cup' keessas jiru. Carraa waancaa arfan mo'achuu ammayyuu harka Arsenaal jira.

Akka ragaa Optaatti ammayyuu Arsenaal carraa waancaa Piriimer Liigii injifachuu guddaa qaba.

Arsenaal %84.44 carraa mo'achuu qaba jedhe. Maan Siitii %38.38, Astoon Viilaan %7.09 qaba jedhe.

Bara kana liigicha mo'achuuf qabxii xiqqaan galmaa'uu isaa hin hafu.

Erga Arsenaal waggaa 22 dura waancaa mo'ateen as kilebni qabxii xiqqaan waancaa Piriimer Liigii mo'ate Leester Siitii qofaadha.

Tapha 23 taphanii kan Arsenaal ammaa gadi qabu ture. Kunis bara 2015-16 yeroo waancicha mo'atanidha.

Arsenaal barana waancaa dhabnaan kilebichaaf akka kufaatii guddaatti lakkaa'ama.

Arsenaal xiinxaltoota hedduudhaan tilmaama waancaa Piriimer iigii mo'achuu ammayyuu argataa jira.

Maan Siitii fi Astoon Viilaan qabxii afuriin qofa caalamanii itti haa aanan malee filannoo taphattootaa hedduu hin qaban.

Maan Siitii ittisni isaa sababa dhabamuu Givaardiyoolii fi Ruuben Diyaaziif miidhameera.

Maark Geehii fi Semenyoo erga dabalatanii garuu humna isaan haaressu tokko qabaachuun isaanii shakkii hin qabu. Taphoota hafan muraasa irratti Arsenaal wlaitti aansee injifannaan waancaa harka galafachuu danda'a.

  • Bukayoo Saakaa fi Maartineeliin– Taphoota 13 darban irratti goolii hin lakkoofsifne.
  • Maduweekee- Taphoota 25 darban irratti galchii hin lakkoofsifne.
  • Tiroosaadii fi Giyookeres taphoota 11 darban irratti peenaaliitii malee galchii tokko tokko lakkoofsisan.