Jappaanaatti kumaatamni imimmaan buusani bineensatti maaliif nagaa dhaammatan?

Madda suuraa, EPA
Jaappaanitti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman bineensa paandaa jedhamu lama gaafa Kibxataa gara Chaayinaa deebifamuuf jirutti nagaa dhaammachuuf Dilbata kaleessaa gara dahoo bineensotaa yaa'aa jiru.
Dahoo bineensotaa Uyeenoo, Tookiyootti argamutti namoonni sa'atii sadii oliif hiriira irra dhaabbatanii miiraan dabaree isaanii eeggachaa turan.
Kunis ilmoolee bineensa paandaa lakkuu Shiwoo Shiwoo fi Leeyi Leeyi jedhamanitti nagaa dhaammachuu fi.
Oduun kuni yeroo Tookiyoo fi Beejiing muddama keessa seenanitti dhagahame.
Ministirri Mummee Jaappaan Chaayinaan yoo Taayiwaan haleelte tarkaanfii waraanaa fudhachuu himuun booda hariiroon Jaappaaniifi Chaayinaa akkaan laafe.
Paandaan lakkuu kunneen biiyyaa baanaan baraa 1972 irraa qabee Jaappaan yeroo jalqabaaf Paandaa hin qabaattu. Biyyooti lameen hariiroo dippiloomaasii idilee kan qabaachaa dhufan bara 1972 asi dha.
Mootummaan Riippaabliika Uummata Chaayinaa bara 1949 erga hundeeffameen as bineensa paandaa kana michoota addunyaaf hawwii gaarii agarsiisuuf itti fayyadama.
Haa tahu malee Chaayinaan paandaa biyyoota alaaf ergisaan waan kennituuf biyyooti paandaa ishee qaban waggaatti doolaara miiliyoona tokko kaffalu.
Akka bulchiinsi Tookiyoo jedhutti namoonni 180,000 tahan carraa 4,400 qophaa'e argachuufi ijibaata isaanii paandaa kana argachuuf dhama'aa turan.
''Mucaa koo yeroo inni daa'ima ture irraa qabee as fidaan ture, kanaaf kuni yaadannoo gaarii tahaafi. Har'a kan dhufne isaan yaadachuufi,'' jechuu dubartiin tokko BBCtti himte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartiin biraa tokko ammoo paandaan kunneen otoomasheen argituu akka guddatan himte. ''Xinnummaa isaaniirraa yeroo guddatan arguun gammachuu guddaa ture,'' jette.
Namoota daawwannaaf deeman keessaa gariin yeroo boo'an mul'ataniiru.
Shiwoo Shiwoo fi Leeyi Leeyi bara 2021tti ture dahoo bineensotaa Uyeenoo keessatti abbaasaanii Shiin, Shiin fi haadhasaanii Rii Rii irraa dhalatan. Haati fi abbaan ergisaan ture kan Jaappaaniif kennaman.
Yeroo dhihoon as Chaayinaan yeroo paandaa ergistu waliigaltee daldalaa qabata godhachuuni. Bara 2011 paandaa lama dahoo bineensotaa Iskotilaand, Edanbiraa jiruuf yeroo ergistu dhiyeessii foona qurxummii Saaman jedhamuu, konkolaataa Laand Rooavariifi teeknolojii annisaa walii kennuu irratti waliingaluuni.
Waggoota muraasaa as ammoo bu'uuruma waliigalteen paandaan baayyee Chaayinaaf deebi'aa jiru. Waliigalteen ergisa paandaa waggaa 10 kan turu yoo tahu yeroo garii dheereffama.
Haa tahu malee yeroo ammaa kana muddamni waan jabaateef Jaappaan paandaa ergisaa biraa argachuun waan mirkana qabu miti.
Chaayinaan Taayiwaan bulchiinsa walabaa ofiin jettu akka qaamasheetti kan ilaaltu yoo tahu humnaan ''gara tokkumaatti '' fiduu yaada jedhu ammallee hin dhiisne. Ministarri Mummee Jaappaan dhimma kanarratti yaada kennaniiru.
Sabab biyyoota lameen kana gidduutti muddamni hammaateef Chaayinaan al-ergii albuudota gatii jabeeyyii Jaappaanitti ergitu irratti to'annoo cimsaa jirti.












