Finfinnee Durii fi Amma: Kitaabni Hayyootni 14 qorannoon tumsanii barreessan maal hima?

Waldaan Qorannoo Oromoo AL.I Fulbaana 19, bara 2015 aadaa fi Duudhaa Oromoo irratti qorannoo gaggeessuun uummata biraan gahuu akeekkatee hundaa'e.

Waldichi dhaabbata miti mootummaa yoo ta'u hayyoota Yunvarsiitiilee fi abbootaa qabeenyaatiini kan hundaa'e.

Waldaa kana waliin hojii walfakkaataa kan hojjetu waajjirri mootummaa Instituutii Qorannoo Oromoo jedhamu ammaan dura Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin hundaa'ee hojiirra jiraachuun nibeekama.

Waldaan Qorannoo Oromoo turtii waggoota sadeen darbanii keessatti qorannoowwan taasisaa ture keessaa hojii ijoodha kan jedhameef kitaaba 'Finfinnee Kaleessaa fi har'a' jedhu barreessuun uummata biraan gahuuf jira.

Dhimma Kitaaba seenaa qorannoo hayyoota Yunvarsiitii Finfinnee 14 taasisaa turaniin qindaa'e kanaa fi hojiiwwan waldichi hojjechaa jirurratti Dura Taa'aan waldaa Qorannoo Oromoo Dr. Tafarii Buzaayoo BBC waliin turtii taasisaniiru.

Akka isaan jedhanitti waldaan kuni jalqaba miseensota 33 kan hundaa'e yoo ta'u amma miseensota 150 ta'u qaba.

Finfinnee Kaleessaa fi har'a

Hayyoonni kunneen ilaalcha Oromoo irraa ka'uun seenaa sabichaa qorachuu kaayyoo isaanii ta'us hojii isaanii jalqabaa kan godhatan ammoo Finfinneedha.

Finfinnee irraa eegaluuf sababa qabna jedhu Dr Tafariin.

"Finfinnee har'a kunis sunis ka'ee keenya jedhee abbaa itti ta'uu barbaada waan ta'eef Finfinneen kaleessa akkam turte, har'ammoo maalirra jirti kan jedhu kana qorannoon akka gaggeeffamu boordiin murtaa'e"

"Eegasii Yunvarsiitii Finfinnee irraa hayyoota 14 walitti qabnee matadureewwan ja'a, Falaasama, antiroopoolojii, seenaa, Dinagdee, siivil sarvisii fi amantaadhaan qoodnee Finfinneen kaleessa maal fakkaatti har'ammoo akami kan jedhu qoranne" jedhan.

Hayyoonni Yunvarsiitii Finfinnee kunneen qorannoo waggaa tokkoo oliif taasisan Kanaan ragaawwan qabatamaa qorannoo saayinsaawaan deegarame walitti qabuus himan.

"Kaleessa osoo Addis Ababaa hin jedhamin dura Waa'ee Finfinnee seenaan maal jedha kan jedhu, eenyufaatu bulchaa ture, falaasamni isaan hordofanii qe'ee abbaa muudaa kana bulchaa turan maali, amantii akkamiitu ture, hubannoon hawaasaa yeroo sanii akkami kan jedhu qaba"

"Gara ammaatti yoo deebinummoo dinagdeedhaan Abbootiin qabeenyaa Finfinnee keessa jiran eenyu fa'a kan jedhu ragaadhaan, Oromoon kana keessatti hammami, warri kaan hammami kan jedhu adda baasneerra" jedhan.

Kana malees hojjetaan mootummaa, kan miti mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaa keessa hojjetan hammamii fi kana keessaa Oromoon Hagami kan jedhus kitaaba qorannoo Kanaan adda baheera.

Dhaabbilee amantaa kan ilaaleenis ragaan duraan turee fi kan ammaa seecca'amee garaagarummaa uumamee fi waan Oromoon dur magaalattii keessatti hordofaa turee fi amma hafe kan adda baase ta'uu eeran Dr. Tafariin.

Ktaabni Finfinnee Kaleesaa fi Har'a jedhuu fi qorannoo Hayyoota Yunvarsiitii Finfinnee 14'n barraa'e kuni afaanota sadiin kan qophaa'edha.

Kitaaba kana keessatti qorannoon taasifame ragaa qabatamaa fi qorannoo saayinsaawaadhaan kan deeggarame waan ta'eef kanneen imaammata qopheessaniifis galtee guddaa ta'a jedhan.

"Nuti kaayyoon keenya beekumsa maddisiisuudha. Kaleessa kanatu ture, har'ammoo kanatu jira kan jedhu beekumsaan utubnee dhiheessine. Warri imaammata baasu asirra dhaabbatanii waan fayyadaman jiraachuu mala"

"Kitaabni kuni warra Imaammata baasuuf baayyee murteessaadha. Maalif yoo jette, seenaatu qoratame, amantaatu qoratame, falaasamatu qoratame waan hedduutu qoratame. Achi keessaa fudhatamee sirna barnootaa keessa kan oolu hedduutu jira" jedhan

Finfinneen har'a Oromoo harka hin jirtu

Qorannoo waggaa tokkoo fi walakkaa fudhatee fi hayyootni 14 kallattii adda addaa irratti fuulleffachuun qoratanii tumsaan kitaaba barreessan kanarratti 'Finfinneen qabatamaan amma Oromoo harka akka hin jirre hubanne' jedhu Dr Tafariin.

"Waan haaraa maal fidee dhufe kan jedhu kitaabni kuni erga uummata bira gaheen booda qorannoo taasifamuun beekamuu mala. Nuti garuu wanti haaraan nuti finne jennu Finfinneen kaleessa Oromoo harka turte, har'ahoo yoo jette 'Hin jirtu' jenna. Kitaabichis kanuma jedha" jedhu.

Kitaaba 'Finfinnee kaleessaa fi Har'a' jedhu Kanaan alattis qorannoowwan ammaan dura waa'ee Oromoo irratti barreeffaman 3,000 caalu seecca'uun guduunfaan hojjetamee akka kitaabaatti maxxanfamuus himan.

"Abumti arge ka'eeti waanuma arge barreessa, irra deddeebii jira. Maaltu hin barreeffamne kan jedhus wanti beekamu hin jiru. Kanaaf 'Oromo study Status' lafaa kaasnee bu'uura kanarraa kaanee deemna kan jedhuun xiinxala kana bifa kitaabaan qopheesine" jedhan.

Fuula duratttis waa'ee Oromoo irratti qorannoo cimsuu, kitaabilee barreessuu, maxxansawwan adda addaa qopheessu, wikipidiyaa oromoo Qopheessuu fi bakka kitaabni itti gurguramu magaalotarratti babal'isuu irratti hojjenna jedhan.

Kitaabni Seenessa Magaala Finfinnee qorannoo saayinsaawaadhaan utubee fide kuni Dilbata ayyaana Masqala Barii Finfinneetti akka eebbifamu Himan Dr. Tafariin.