Magaalaan Finfinnee badhaasa Afrikaa Ismaart Siitii 2024 mo'atte

Magaalaan Finfinnee dorgommii ‘Africa Smart Cities Investment Summit’ jedhamu bara 2024 magaalaa Naayiroobiitti gaggeeffame irratti tokkoffaa bahuun badhaafamte.

Magaalaan Finfinnee dorgommii magaalota ismaartii Afrikaa magaalonni biyyoota Afrikaa 36 irratti hirmaatan kana irratti bu’aa gaarii pirojektii kooridarii galmeessiteen magaalaa filatamtuu Afrikaa tahuun badhaafamteetti.

Odeeffannoo Imbaasii Itoophiyaa Keeniyaa, Naayiroobiitti argamu irraa BBC'n argate akka agarsiisutti, bara kana hojii pirojektii koridarii Finfinneetti hojjetamaa jiruun badhaasicha injifatte.

‘’Misoomni koridarii kallattii MM Abiy Ahimed kennaniin akkasumas gaggeessumma jabaa kantiibaa magaalichaa Aadde Adaanech Abeebee kennaniin haala gaariin hojjetamuun isaa beekamtii kana akka argatuuf gargaareera,’’ jedhe odeeffannoon imbaasichaa.

Dorgommii kana irratti magaalonni Afrikaa 36 hirmaataniiru.

Ministirri Dijitaalaa duraanii Ruwaandaa Jiin Fiilbert, sagantaa badhaasa kana irratti akkas jedhe.

''Ji'a Waxabajjii keessa magaalaa Finfinnee deemeen ture. Daandiin hunduu diddiigameera. Dhagaa fi cirracha, simmintoon daandiirra guuteera. Halkanis guyyaas hojjetu. Tiraafikiin rakkoo guddaa taheera. Jalqaba ji'a Fulbaanaatti deebi'ee yoon deemu magaalaa haaromten arge miti. Magaalaa haaraan arge,'' jechuun ibse.

Yoo hojjenne Afrikaa keessatti waan hunduu ni danda'ama jedhe.

Kantiibaa magaalaa Finfinnee bakka bu’uun badhaasicha kan fudhatan Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinnee kan hoggananinii fi Itti Aanaa Dhimmoota Kaabinee kan tahan Obbo Mokonnin Yaa’ii, magaalaan Finfinnee magaalota Afrikaa kaaniif dhimma ashaaraa magariisaa fi misooma koridarii irratti muuxannoo qooduuf qophii tahuu himaniiru.

Magaalaa Finfinnee jiraattotaaf mijattuu taasisuu, daandii imaltootaa, baayiskilii fi misooma magariisaan hojii hojjetame ilaalamee badhaasichi akka kennameef qindeesitoonni sagantichaa himaniiru.

Bulchiinsa ismaartii, Ismaarti teeknoloojii, kalqa, carraa hojii uumuu fi naannoo jireenyaaf mijattuu taate,'' qabxiileen jedhamanii fi ulaagaa ismaarti siitii tahan waan guutteef Finfinneen morkattoota ishee akka Kigaalii caaltee badhaasicha fudhatte jedhan.

Badhaasni kun Magaalaa Naayiroobii fi Naayiroobiitti kan argamu UN-Habita, Konza Teeknolojii fi Dala jedhamaniin qophaa'e.

Kantiibaan magaalota Afrikaa adda addaa fi ministiroonni IT biyyoota adda addaa saganticha irratti argamaniiru jedhe odeeffannoon Imbaasii Itoophiyaa Naayiroobii jiru irraa arganne.

Dorgommiin Ismaarti Siitii Afrikaa bara 2025 Fulbaana keessa magaalaa Finfinneetti akka qophaa'us murtaa'eera.

Itti Aanaa Ambaasadara kan tahan Amabasadar Dammaqaa Axinaafuu magaalaan Finfinnee teessoo Gamtaa Afrikaa qofa osoo hin taane addunyaa irraa magaalaa sadaffaa teessoo dippilomaatotaa akka taates eeraniiru.

Magaalaan Finfinnee misooma koridarii dhiyeenya kan eegalte yoo tahu miidhagina magaalittii yeroo gabaabaa keessatti jijjiiruu dandeesseetti.

Sagantaa misooma koriidarii marsaa lammataa kan hojjetamaa jiru yoo tahu iddoowwan misooman kiilomeetira 43 uwwisu.

Misoomni kun bulchiinsota Boolee, Lammii Kuraa fi Aqaaqii Qaallittii akka dabalata.

Misoomni marsaa lammataa kun sararoota shan irratti kan hojjetamu yoo ta'u, kanneen keessaa dheerina guddaa kan qabu ''toora Anbassaa Gaaraj- Maabraat Haayil-Gooroo- Boolee'' qabatee kan deemudha.

Daandiin kun kiilomeetira 14.8 kan uwwisudha.

Booleerraan ba'ee karaa Bulbulaa gara adda babayii Koyyeetti kan fulla'u ammoo bal'inaan lammaffaadha. Kiiloomeetira 12.8 dheerata.

Qaama misooma koriidarii marsaa lammataa kan ta'e keessaa kan biraan ammoo ''Boolee Dildiy'' irraa ka'ee karaa ''Boolee Hooms'' seensa VIP daandii qilleensaa irraan darbuun hanga Goorootti kan fulla'uudha.

''Adda babayii Gooroo'' irraa kan ka'u ammoo sarara afraffaadha. Kiilomeetira shan akka ta'e qorannoon kun ni mul'isa.

Toorri kun ammoo ''Adda babayii Gooroo'' irraan karaa naannawa ''Sabaa Hulet'' irra darbee Warshaa Lallaafaa Samiit keessa qaxxaamuree hanga naannawa ''Fiyyal Bet'' fi ''CMC'' kan uwwisudha.

Iddoowwan daangaa bulchiinsa magaalaa Finfinneerratti argaman kan of keessatti hammate misoomi koriidarii marsaan lammataa kun, misooma magaalaa shaggar kan amma hojjetamaa jiru waliin walitti hidhuun kan hojjetamu ta'uu qorannoon gaggeeffame ni mul'isa.