Pirezidant Isaayaas Sa'udiin dhimma Laga Abbayaarratti ga'ee akka qabaattu gaafatan

Pirezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqii fi ilma mootii Sa'uudii Mohammad bin Salmaan

Madda suuraa, Yemane G. Meskel/X

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afaworqii ilma mootii Sa'uudii Mohammad bin Salmaan waliin mari'ataniiru

Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afaworqii Sa'uudii Arabiyaan dhimma laga Abbayyaa fi Galaana Diimaa dabalatee dhimmoota naannawa Gaanafa Afrikaa keessatti dhiibbaa uumuu dandeessu akka cimsitu gaafatan.

Akkasumas biyyoota Arabaa keessaa biyyi guddoo taate kun nageenya naannawa kanaa keessatti qooda olaanaa akka gumaachitu Pirezidant Isaayaas gaafataniiru.

Sa'udiinis dhimmoota naannawa kana keessatti ijoo ta'an kanarratti mari'achuuf jila tokko gara Ertiraa akka ergitu ibsiteetti.

Daawwannaa guyyaa afuriif Riyaaditti kan argaman Pirezidant Isaayaas gaaffii kana Roobii kaleessaa (Muddee 10, 2025) dhiheessan.

Yaada kana kan isaan dhiheessan wayita ilma mootii Sa'uudii Mohammad bin Salmaan waliin mari'atan akka ta'e Ministeerri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee Gabramasqal karaa toora miidiyaa hawaasummaasaanii ibsaniiru.

Pirezidant Isaayaas gaafa Wiixataa gara Sa'uudii kan imalan affeerraa Mohammad bin Salmaan taasisaniif fudhachuuni.

Turtiisaanii Sa'uudii kanaan Riyaaditti aanga'oota Sa'uudii waliin dhimmoota garaagaraa irratti akka mari'atan ministirri odeeffannoo Ertiraa kun ibsaniiru.

Pirezidant Isaayaas masaraa mootummaa Sa'uudii Arabiyaa Al Yamaamaa jedhamutti argamuun ilma mootii faana bal'inaan mari'ataniiru jedha barreeffamni ministira odeeffannoo Ertiraa kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mariin aanga'oota lameenii ''walitti dhufeenya biyyoota lameenii cimsuu fi dhimmoota faayidaa biyyoota lameenii mirkaneessan,'' irratti akka xiyyeeffates ibsaniiru.

''Marii bu'a qabeessa'' gaggeessuu kan ibsan Obbo Yamaanee Gabramasqal, ''walitti dhufeenyi seenaa fi hariiroon obbolummaa'' xiyyeeffannoo marichaa ture jedhan.

Biyyoonni lameen ''hariiroo diinagdee gidduusaanii jiru daran bal'isuu fi cimsuu ilaalchisee carraa fi abdii qaban'' irratti xiyyeeffachuun mari'achuu Obbo Yamaaneen ibsan.

Dureewwan Sa'uudii fi Ertiraa dhimmoota Gaanfa Afrikaa irratti xiyyeeffachuun marii gaggeessan keessatti ''haala yeroo ammaa irratti odeeffannoo waljijjiiruu'' irratti xiyyeeffachuun akka hojjetan qondaalli Ertiraa kun ibsaniiru.

Dhimmoota naannawa Gaanfa Afrikaa jedhamuun kanneen eeraman ''yaa'a laga Abbayyaa, dhimma Gaanfa Afrikaa, Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Arabiyaa'' fa'i.

''Gareen lameenuu dhimmoota eeraman kunneen keessatti ga'een Sa'uudii maal ta'uu akka qabu irratti mari'ataniiru,'' jedhan Obbo Yamaaneen.

Pirezidanti Isaayaas kanaan dura Sa'uudii Arabiyaan dhimmoota Gaanfa Afrikaa kunneen keessatti ga'een ba'ataa turte laafaa ta'uu akka kaasanis qondaalli kun maxxansa isaanii keessatti ibsaniiru.

Yamaanee Gabramasqal ''guddina diinagdee amansiisaa ta'e mirkaneessuuf nageenyi waaraa mirkaneessuun haala duree jalqabaati,'' jechuun yaada Pirezidant Isaayaas kaasan ibsan.

Pirezidant Isaayaas ''Dhimma waliigalaa naannawa Gaanfa Afrikaa fi keessattuu dhimma nageenyaa fi tasgabbii ollaa keenyaa irratti Sa'uudiin ga'ee olaanaa akka ba'attu,'' gaafataniiru.

Ilmi mootii Sa'uudii Mohammad bin Salmaan gamasaaniin ''dhihootti jila tokko gara Ertiraa akka ergan,'' dubbachuu Obbo Yamaaneen ibsaniiru.

Jilli gara Ertiraa imalu kun ''waa'ee dhimma naannawa Gaanfa Afrikaa'' Prezidant Isaayaas kaasan irratti ''marii bal'aa fi bilchaataa ta'e'' akka gaggeessu ilmi mootii Sa'uudii ibsuu qondaalli Ertiraa kun eeraniiru.

Ertiraan buufata doonii Asab, kan Itoophiyaan naaf mala jechuun gaaffii irratti kaasaa turtee fi kaasaa jirtu, Sa'uudii Arabiyaa waliin ta'uun misoomsuuf yaada akka qaban gabaasonni mul'isaniiru.

Pirezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqii Sa'uudii Arabiyaatti xiyyaara irraa bu'uun wayita aanga'oota mootummaa biyyattii waliin deeman

Madda suuraa, Yemane G. Meskel/X

Ibsa waa'ee suuraa, Amma Sa'uudii Arabiyaa daawwataa kan jiran Pirezidantiin Ertiraa Isaayaas Afaworqii Onkoloolessaa fi Sadaasa darbe Masirii fi Sudaan daawwatanii turan

Pirezidant Isaayaas Afaworqii ji'oota lama keessatti daawwannaasanii gara biyyoota alaa yeroo sadaffaaf Sa'uudii Arabiyaatti kan taasisan wayita, michuu Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) kan taate, Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti muddamni hammaatee jirutti.

Waliigaltee Tiritooriyaa waraana Tigraay dhiiga hedduu dhangalaase dhaabsiseen as kan hammaate hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa, moootummaan MM Abiy Ahimad Galaana Dimaarraa ulaa galaanaa aragachuudhaaf fedhii qabaachuu ibsuu hordofee biyyoonni lamaan muddama caalu keessa galaniiru.

Ulan galaanaa Itoophiyaaf "dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu" ta'uu kan ibsan MM Abiy, Galaana Diimaarratti "dogoggorri umami akka sirreeffamu" dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos gamasaaniitiin ulaan galaanaa Asab mootummaa Itoophiyaatiin "dhimma adda-durummaan xiyyeeffanaan itti kenname akka ta'e Sadaasa darbe waltajjii qaphaa'e tokkorratti ibseera.

Sochii Itoophiyaan ulaa galaanaa waliin taasiftu akka dubbii barbaachaatti ibsaa kan jirtu Ertiraan gamasheetiin qaamolee hariiroon isaanii Itoophiyaa waliin gaarii hin taaneefi laafe waliin hariiroo cimsatteetti.

PirezidantIsaayyaas yeroo darbe gara Masiriitti yeroo imaletti biyyoonni ollaa Galaana Diimaa hin taane "nageenyaafi bulchiinsa" qama bishaaniirratti hirmaachuun akka isaaniirra hin jirre waliigaluusaanii ibsamee ture.

Aanga'oonni Jibutiifi Somaaliyaa gara Masiriitti wayita imalanitti ejjennoon wal fakkaatu calaqqisiifamee akka ture hin dagatamu