Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daawwannaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Tigraayiifi suphaa Masjiida Najaashii
Manni Maree Waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa kan pirezidaantii mana marichaa Doktara Kabajaa Sheeh Hajjii Ibraahim Tufaatiin durfamu, lola Kaaba Itoophiyaa tureen booda yeroo jalqabaaf naannoo Tigraayitti imale.
Mana marichaatti miseensa Koree Hojii raawwachiistuu fi waamamaa qunnamtii Ummataa kan tahan Sheeh Huseen Hasan BBCtti akka himanitti, jilli mana marichaa Amajjii 29, bara 2016 gara Tigraayi imale.
“Kaayyoon daawwannaa kanaa lola amma dura Tigraayi keessa tureen hawaasa musliimaas ta’e hordoftoota amantii biraa miidhaan irra gahe gaafachuufi.
‘‘Addatti ammoo sababa lola kanaatiin adda citee kan ture hariiroo mana marii olaanaa dhimmoota Islaamummaa Tigraayi waliin qabnu haaromsuufi,” jedhan.
Lola Kaaba Itoophiyaatti mudatee ture hordofuun manni maree olaanaan dhimmoota Islaamummaa Tigraay, hariiroo mana marii waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waliin qabu adda kutee ture.
Sheeh Huseen akka jedhanitti, sababni adda cituu hariiroo dhaabbilee lamaanii yeroo rakkinaa sanatti manni marii dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa nucinaa hin dhaabbannee fi nun gaafanne kan jedhurraa akka madde himu.
“Manni marii waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa mana marii olaanaa dhimmoota Islaamummaa Tigraayi dhiifama gaafate jechuun, balleessaa balleesse jechuu osoo hin taane, miidhaan irra gahee dafnee qaqqabuu dhabuu keenyaafi.”
“Nageenyi dhabamee waan adda nu daangessetu ture. Sababa lolaa sanaatiin yeroo sanatti qaqqabnee waan hin gaafanneef dhiifama gaafanna kan jedhudha. Ergaa biraa hin qabu."
"Manni maree olaanaan dhimmoota Islaamummaa naannoo Tigraayis dhiifama kana gammachuun fudhateera,” jedhan.
Jilli gaggeessitoota olaanoo mana Marii waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa kuni wayita Maqalee gahettis pirezedaantii yeroo ce’umsaa naannichaa Obbo Getaachoo Raddaatiin simatameera.
“Naannoon Tigraayi simannaa hoo’aa nuuf taasise. Pirezidaantiin yeroo ce’umsaa naannoo Tigraayi Obbo Getaachoo Raddaa nu simatanii haala naannichaa irratti jila kana waliin marii taasisaniiru,” jedhan.
Manni Marii waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa daawwannaa kanaan namoota sababa lola kanaatiin qe’ee isaaniirraa buqqa’anii rakkoo keessa jiraniif kan ta’u midhaan kuntaala 4,000 fi qorichoota adda addaa waliigala deeggarsa birrii miiliyoona 67 ta’u taasisuus himan.
Kaampii namootni sababa lolaatiin buqqa’an keessa jiranii fi masjida seena qabeessa Najaashii kan yeroo waraana Naannoo Tigraayi keessa tureen miidhaan irra qaqqabes daawwateera jilli kuni.
Manni marichaa Masjiida seena qabeessa sababa waraanaan miidhaan irra gahe kana suphuuf gaggeesitoota naannoo Tigraayii fi mana marii olaanaa dhimmoota Islaamummaa naannoo Tigraayi waliin mari’achuu fi kanaafis deeggarsa birrii miliyoona sadii taasisuu himan Sheeh Huseen.
Waraana Sadaasa 4, 2020 naannoo Tigraayiitti eegaluun badii lubbuu namootaafi barbadaa'uu qabeenyaa olaanaa qaqqabsiise hordofuun, Manni maree olaanaa dhimmoota Islaamummaa Tigraayi, Mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waliin walitti dhufeenya qaban adda kutuu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Waldhabdeefi mudannaa dureewwan amantaa naannichaafi kan jidduugalaa jidduutti yeroo waraanaa nu waliin hin dhaabbannee jechuun mudate kunis kan amantaa Islaamaa qofa hin ture.
Waraana waggoota lamaaf naannichatti gaggeeffamee tureen wal qabatee, kutaa biyyattii kaaniin adda citanii kan turan abbootiin amantaa Ortodoksii naannoo Tigraayis, tibba waraanichaatti wayita bataskaanaa fi amantoota naannichaa irra badiin qaqqabuutti bataskaanni jidduugalaa balaaleeffachu dhiisuutti komachuun Mana Lubummaa ofiisaanii hundeessaniiru.