Saatalaayitiin basaastuu Kooriyaa Kaabaa galaana irratti kuftee caccabde

Saatalaayiitii Kooriyaan Kaabaa gara hawaa erguuf turte irra balaan gahee galaana irratti kuftee caccabde.

Gaafa Waxabajjii 11 ture saatalaayitii gara hawaa erguuf karoorsitee akka turte Magaalaan guddoo biyyattii Piyoongyaang kan himte. Kunis sochii waraanaa Ameerikaaa basaasuuf ture.

Biyyattiin yeroo gabaabaa keessatti yaalii lammaffaa akka taasiftu himteetti.

Yaaliin Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii gara hawaa erguu kuni Kooriyaa Kibbaa keessaatti rifaatuu yoo uumu, jiraattonni Jaappaan, Okinaawaa gara Kibbaa jiran immoo akeekkachiisni kennameeraafi.

Magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa Soowulitti sagalee guddistuu fi ergaan yeroo balaa jiraattotatti ergamuun iddoo jiraniitii baafamuuf akka qophaa'an itti himame. Tahus daqiiqaa 20 booda dogoggoraan akka itti ergame itti himame.

Biyyoota lameen kana gidduu muddamni waggoota 70 oliif kan ture yoo tahu akeekkachiisni sobaa akkasii amantee uumatni sirna akeekkachiisa yeroo balaa irraa qabu ni miidha.

Kooriyaan Kibbaa sodaa Kooriyaa Kaabaa qabdi, gara fuulduraatti akeekkachiisni wal-fakkaataa yoo ergame uummanni dhugaa dha jedhee fudhata moo waan sobaati jedhee itti dhiisa kan jedhu gaaffii guddaa dha.

Haati ganna 33 magaalaa Soowul keessa jiraattu yeroo akeekkachiifni ergame ''sodaadhaan achii bahuuf miyashee qixeeffachaa,'' akka turte BBCtti himte.

''Waraanni nutti dhufa jedhee hin yaadun ture, waraan Yukireeniin booda garuu Kooriyaan Kaabaa ykn Chaayinaan gaaf tokko nu weeraru jedheen yaada,'' jette.

Ministirri Mummee Jaappaan Fumiyoo Kishidaa Kooriyaan Kaabaa misaayila baalaastikii waan furguggiste fakkaataa odeeffannoo dabalataa argachuuf qorachaa jirra jedhan.

Dabaluunis ammaaf miidhaan qaqqabe hin jiru jedhaniiru. Kanaan dura Jaappaan waan daangaasheerra dhufu kamiyyuu dhooftee lafa akka buustu akeekkachiifteetti.

Gaafa Kibxataa hogganaan itti aanaa koomishinii waraana gidduugalaa, Kooriyaa Kaabaa bulchuu kaayyoon saatalaayitii gara hawaa erguu ''gochaa waraanaa dhimma hin qabnee,'' Ameerikaaafi Kooriyaa Kibbaaf deebii kennuufi jedhan.

Biyyoota lameen kana ''ifatti weerara raawwachuuf barbaaduu,'' isaan himateera.

Ameerikaan ''waliigaltee mana maree Mootummoota Gamtoomanii qaanii malee sarbiteetti,'' jechuun Jaappaaniifi Kooriyaa Kibbaa waliin Kooriyaa Kaabaa balaaleffatteetti.

''Dippiloomaasiidhaaf ammallee hulaan banaa dha garuu Piyoongaayang maree irraa dubbii barbaaduu kana dhiisuu qabdi,'' jedhan dubbii himan Nageenya Biyyaalessaa Adaam Hooji.

Dabaluunis Ameerikaan ofiif michootashee eeguudhaaf jecha ''tarkaanfii barbaachisu mara ni fudhatti,'' jedhan.

Barreessaan Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuteerees tarkaanfii Piyoongyaang fudhatte waliigaltee mana maree nageenyaa dhaabbatichaa ni sarbaa jedhan.

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joon-Uun saatalaayitii waraanaa kana qaama guddaa ittisa biyya isaanii tahuu himan.