Jifataan haaraa Yunaayitid Hoyilaand, Halaand morkachuu danda'aa?

Hoyilaand fi Halaand taphattoota rifeensa daalacha qabaniifi hojjaan dhedheeroodha. Lamaanuu dirree morkataa keessa balaa buusu.

Pirimiyeer Ligiin Hagayya 11 gaafa eegalu kilaboota Maanchistar lamaaniif yeroo taphatan isaan arguuf deemna.

Gaafa Sambataa ture taphataan ganna 20 Hoyilaand £72m'n Atilaantaarraa irraa gara Yunaayitid seenuun kan mallatteesse.

Garuu taphataa akkamiiti? Gara Yunaayitid, darbees Pirimiyeer Liigiif maal fidee dhufa? Ga'umsa attamii qaba? Halaand morkachuu danda'aa?

Jalqaba itti jabaatee ture

Hoyilaand bara dargagguummaa isaa kilaba 'Boldklubben af 1893' fi 'Brondby' jedhaman keessatti dabarse.

Erga umriin dabaleemmoo kilaba biyya Denmaark, Koppenhaangen jedhamu keessatti yeroo ganna 17 ture taphachuu eegale. Kuni bara 2020 keessa ture.

Supparliigaa Denmaark keessatti garuu galchuu rakkatee ture.

Taphoota 19 taphate keessa galchii homaayyuu hin galchiin hafe. Eegasii booda Amajjii 2022 liigicha gadhiise.

Achii kilaba Ostiriyaa Sturm Graz jedhamu seene. Achitti haalaan jijjiirame.

Bara dorgommii 2021-22 keessumaa gara xumuraatti galchii galchuu amaleeffate. Si'a 17 jalqabumarraa hiriiree taphatee sagal galche.

Hoyilaand kubbaa miilaa miila bitaan taphatuun beekama, hubannoo kubbaa jabaas qaba.

Dirree morkataan hin mil'anne cabsee seenuun carraa galchii uumuun maqaa horate.

Sochiin isaa kuni gara kilaba Xaaliyaanii Atilaantaa paawundii miiliyoona 15'n akka imalu taasise.

Maallaqi kuni kan kilabni Ostiriyaa kanfalaafi ture dachaa kudhan itti deebi'a.

Bara dorgommii darbe garee Xaaliyaaniifi Denmaarkiif walumaagala tapha 47 taphatee 20 galche.

Bitootessa tapha gulaallii Shaampiyoonaa Awuroppaaf taphatee kan Filaandiirraa galchii sadii galche dabalatee, Denmaarkiif shan galche.

Hoyiluun Halaand waliin walbira yoo qabamu

Garaagarummaan Hoyilaand fi Halaand waliirraa fagoodha.

Lammiin Norweey Maanchistar Sitiif si'a 35 hiriiree taphatee 36 galche. Kana jechuun daqiiqaa 77'tti tokko galcha jechuudha.

Dabalataan, bara dorgommii darbe Halaand rikardii danuu caccabse.

Kilabiin Waancaa Chaampiyeens Liigii mo'ate, Siitiif, taphata. Umriidhaanis Hoyilaand dhaan waggaa lamaan caala.

Serie A Xaaliyaanii irratti Hoyilaand daqiiqaa 204 keessatti tokko galcha.

Hoyilaand akka taphataa pirofeshinaalaatti bara dorgommii lama qofa taphate.

Halaand bara dorgommii lammataa isaa taphate kilaba Norweey Moldeef si'a 25 hiriiree taphatee galchii 12 qofa galchee ture.

Sababa kanaaf Hoyilaand adaaduma taphachuu itti fufu kana caalaa fooyya'uu mala.

Taphataan lammii Denmaark Hoyilaand garee taphattoota Yunaayitid 11 keessaa tokko ta'u danda'a.

Hoyiluun ga'umsa kana caalu akka gabbifatuu danda'u agarsiistuuwwan jiru.

Galchiin bara dorgommii darbe Laaziyoorratti galche kanuma Halaand fakkaatti.

Maanchistar Yunaayitiditti deeggarsa Maarkas Raashford, Alehaandiroo Garnaachoofi Saanchoo irraa argatuun jifannaa kilabaa isaa cimsuu danda'a.

Hoyiluun hammi tuttuqqaafi kubbaa gaggaragalchuun (dribble) kan Halaand ni caala.

Dandeetti taphataa lakkoofsa sagal qabaatus ga'umsa taphataa qarqararra taphatuus ni qaba.

Yunaayitid yeroo jifataa gidduu barbaadaa jirutti taphataan kuni kilabicha seene.

Antoonii Maarshiyaal bara dorgommii darbe gara caalu miidhamaan erga dabarse booda Raashforditu jifataa jabaa kilabichaa ta'e.

Taphattoota 56 keessaa galchiiwwan 30 galcheera. Kunis daqiiqaa 143 keessatti tokko galcha jechuudha.

Yunaayitid barana jifataa Barnileey Wout Weghorst ergisaan malee waliigaltee turuun isa mallatteessifachuu hin feene.

Jifattoota maqaa guddaa qaban; Kiliiyaan Imbaappeefi Haari keenis hin feene.

Wanti amma Hoyiluun irraa argachuuf deeman hanga jifataa maqaa guddaa qabuus ta'u baatu tumsa taphataa faara guddinaa qabu argatu.