Maayik Haamer dhimma nageenya Oromiyaa, Amaaraa fi waliigaltee Piriitooriyaa irratti mari'achuuf

Maayik Haamer, Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa kan tahan Maayik Haamer gamaggama raawwii waliigaltee mootummaa Itoophiyaafi TPLF irratti argamuun achumaanis dhimma nageenyaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa irratti mari'achuuf jedhu.

Waraanni naannoo Tigiraay akka dhaabbatuuf shoora olaanaa kan bahatan Maayik Haamer, kaayyoo guddaan imala gara Finfinneetti taasisanii raawwii waliigaltee Piriitooriyaa maal akka fakkaatu hordofuuf tahuu ibsi ministera Dhimma Alaa Ameerikaa eereera.

Akkasumas walitti bu'insa naannoo Amaaraa keessaa hammaataa dhufee fi rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa waggoota lakkoofsise furuuf mootummaa waliin marii akka gaggeessan eegama.

Raawwiin waliigaltee Piriitooriyaa qopheessummaa Gamtaa Afrikaan Guraandhala 28- Bitootessa 4 bara 2016 gaggeeffama.

Ambaasadar Maayik Haameis achirratti argamuun raawwiin waliigaltichaa maalirra akka jiru hordofu.

Waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa erga mallattaa'e waggaa tokko guuteera. Raawwiin isaa ammoo bakka qaamoleen jaarsummaa taa'anii fi taajjabdootni jiranitti akka ilaalamu himamaa ture.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa imala Maayik Haamer ilaalchisuun ibsa baaseen erga waliigaltee Piriitooriyaa sagaleen dhukaasaa dhagahamuu baatus, nageenya waaraa fiduuf garuu tarkaanfii dabalataa fudhachuun barbaachisaadha jedhe.

Waliigaltichi hidhattoota meeshaa waraanaa hiikkachiisuu, gara jireenya isaanii idileetti deebisuufi adeemsi haqaa yeroo ce'umsaa akka jiraatu taasisuufi buqqaatota gara qe'ee isaaniitti deebisu dabalata.

Dabalataan Maayik Haamer aanga'oota mootummaa federaalaa waliin wal arguun rakkoo nageenya naannoo Oromiyaafi Amaaraa akka furmaata waaraa argatu mari'atu.

Walakkaa waggaa darbeerraa eegaluun naannoo Amaaraa rakkoo nageenyaa hamaa keessa galeera.

Amma naannichi bulchiinsa komaandipostii jala kan jiru yoo tahu, haleellaa hidhattootaan yeroo adda addaatti lubbuun namoota nagaas darbaa jiraachuu gabaafameera.

Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessaa amma waggoota shanii ol lakkoofsiseera.

Waldhabdee humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota WBO gidduu jiru furuuf mariin marroo lama taa'ames bu'aa guddaa hin argamsiifne.

Maayik Haamer mari nagaa jalqabe itti fufsiisuun naannichatti nageenya deebisuuf akka hojjetan himaniiru.