Abjuun maali, namni hunduu abjuu ni abjootaa?

Abjuu keessaniin maatiin walitti qabamee yoo shubbisu ykn isin, namni beektan ilkaan yoo buqqifatu ykn ammoo maatii marqaa fal'aanaan nyaatu argatanii hiika isaa wallaaltaniittuu?

Nama waliin yoo maaddii nyaattan, ykn namni asheeta boqolloo dheedhii qabatee yoo dhaabatu fa'ahoo abjuun argitanii beektuu?

Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa hogbarruufi Afoola Oromoo kan ta'an Dr Darajjee Fufaa bara ijoollummaa isaanii obboleettiin isaanii hangafaa du'aan boqochuu ishee dura abjuun arganii akka turan yaadatu.

''Yeroon ani kutaa sadii baradhu Golfaa dhukkubsanna ture (waan akka taayifooyid, taayifas jedhamu) galgala tokko qeesiin wayii ixaana baatee, maal baatee osoo karaa mana keenyaa darbu qe'ee keenya seene. Ganama abbaakoottin hime. Abbaan koo sana kana hin jenne. Guyyaa ittaanu mucaan kun ni boqotte.''

Jiraattuu magaalaa Gimbii kan ta'an Aadde Jaalannee (maqaan isaanii kan jijjiirame) ammoo guyyaa tokko namni boqqolloo asheet kaasuudhaan baatee mucaa isaaniif yoo kennu abjuun arguufi guyyaadhuma sana oduu garii mucaa isaanii biraa bilbilaan dhagahuu BBC'tti himan.

''Galgala abjuu kootiin namni boqqolloo asheeta qola isaa waliin kaasuudhaan mucaa koof yoo kennuun arge. Ganama isaa abbaa warraakootiin waan akkasiin arge. Eebba, dhala ta'a jedheen itti hime. Galgala mucaan koo bilbiltee garaatti baachuu natti himte,'' jedhu.

Akkasuma yeroo biraas abjuu isaaniin maatiin isaanii walittti qabamee foon osoo nyaatuu argu, ''Achiis waan akkasiin arge maal ta'a laata jedheen maatii yeroon gaggaafadhu gaddatu dhufa naan jedhanii,'' jedhu. Achiis guyyoota booda soddaan isaanii boqochuu dhagahan.

Abjuun akkamitti hiikama?

Namni akki itti abjuu hiikkatu gargari. Jechamoonni ''Abjuun hiika baddi'', ''Abjuun bara beelaa biddeen biddeen jetti'' kan jedhanis kanuma agarsiisuu jedhu Dr. Darajjeen.

Haayyuun aadaa Obbo Dirribii Damissees abjuun faallaatti akka hiikamu amma dura waan isaan mudaterraa hubachuu BBC'tti himan.

''Yoon sirba arge boohatu jira, ilkaan koo yoo buqqa'e fira dhiyootu du'a kana bira darbees hin beeku. Kana dura obbolaan koo yeroo du'an argeera. Ilkaansaayyuu isa gara fuulduraa yoo ta'emmoo fira baayyee sitti aanu obbolaa fa'a ta'a'' jedhu.

''Jaarsolii biyya keenyaa biratti foonan arge yoo jette safudha kun hooddadhu. Waan gaarii miti jedhama. Keessumaa garaacha taanaan ammoo fira sitti aanuu,'' jedhu.

Hayyuun argaa-dhageettii Booranaa Aab Borbor Bulees hawaas Booranaa biratti abjuun faallaadhaan akka hiikamu BBC'tti himan.

''Objuun sirba yoo agarte booha ta'a, yoo objuun bootte ammoo dansa. Aadaa keessa jira. Warri objuu hiikus jira jedhu''

Sabni jiruufi jireenya isaa keessatti wantoota addunyaarra jiraniif hiika itti kennurratti hundaa'ee wanna hirriba keessa abjuun itti dhufuuf hiika kennaa.

Obbo Dirribiin ''abjuun uummata tokko akka xiinsammuu hawaasa saniin walfakkaata. Dhugeeffannoo uummata sanaatiin. Waan inni gaariidha jedhuu fi waan inni badaadha jedhuun walfakkaata.''

Yunivarsiitii Finfinneetti damee xiinsammuu hawaasummaa (Social Psychology)tti barataa PhD kan ta'eefi dhimma abjuu irratti kan qoratu Obbo Geetaa Waalelliny akkuma hawaasni adda addaa abjuu tokko akka adda addaatti kan hiikkatu bakka bu'uumsa wantootaaf kennurratti hundaa'uun akka ta'e hima.

Akkamitti abjoonna?

Obbo Geetaa Waalelliny abjuun akkamitti akka uumamuufi sammuun keenya keessatti sochiileen yeroo abjuun mudatu meeshaalee ammayyaan qo'atamaa jiruu jedha.

Hirribni sadarkaaleee afur qabaa kan jedhu ogeessi kun, abjuun kan uumamu sadarkaa hirribaa 'Rapid Eye Movement' jedhamu irrattii jedha.

''Sadarkaa kanatti hirriba jabaa keessa taanee sammuun keenya garuu si'ayinaa guddaa keessa jiraata. Sammuun keenya dammaqaa ta'ee addunyaa waliin qunnamtiin qabu akkamitti cufaa ta'a kan jedhu garuu gaaffii ta'eera. Yaadi jiru yeroo kanatti abjuu argina kan jedhuudha.''

Wanti abjuu saayintistotaafi ogeeyyii xiinsammuuf ammallee guutummaatti hin hubatamne. Namoota jalqaba waayee abjuu hubachuuf yaalan keessaa kan maqaan isaa dhahamu Sigmoond Fruudi.

Bara 1899'tti kitaaba ''The Interpretation of Dreams'' jedhu kan barreessee oogeessi xiinsammuu kun ''jiruuf jireenya idilee keessatti ta'ii jiru, ta'ii namni dhuunfaan isa mudatu, miira qaama ofii keessa jiruufi sochii sammuu namni yeroo rafu jiruun'' abjuun uumamaa jedha.

Qo'attootni waayee abjuu qoratan hedduun abjuun addatti miira gaddaa waliin hidhamiinsa akka qabu dubbatu.

Namni maaliif abjuu arga gaaffii jedhu deebisuuf ogeeyyiin tiyooriiwwan hedduu dhiyeessu.

Marsariitiin Medical News Today jedhamu qorannoolee hanga ammaa jiran waabeffachuun Abjuun:

Hawwiifi fedha hin to'atamnee agarsiisa.

Mallattoolee tasaa sammuufi qaama gidduutti wayita namni rafu uumamuudha.

Ta'iifi odeeffannoo guyyaa guutuu sassaabaa oolle hubachuuf yaalii godhamu.

Hojii Xiinsammuu ofii waldhaanuuti ibsa jechuun gabaabsee lafa kaaha.

Tiyooriin Maark Blaagroov 'Threat Simulation Theory' namni kan abjootu yaaddoo ykn sodaa qabu irra aanuufi jedha.

Kanaaf leenci yeroo isaan ari'atu yookan namootni isaan ajjeesuuf yeroo fiigsisan fa'a argu kuni ammoo yeroo namni hirriba keessa hin jirre waan sodaatu dura akka dhaabatu gahumsa dabalaaf jedha.

'Memory Consolidation Theories' kan jedhaman ammoo abjuun adeemsa sammuun itti tasgabbaa'ee yaadannoowwan walitti sassaabuudha jedhu.

Ogeeyyiin sirna narvii namni yeroo abjootu kutaan sammuu dammaqaa ta'e ni jiraata jedhu. Sochiin sammuus ni saffisaa jedhu. Mallattoolee sammuu keessatti uumamaniin namni tokko abjoochaa akka jiruufi hin jirre adda baasuun danda'ama.

Haata'u malee maaltu kutaa sammuu kana dammaqsee abjoochuun akka jiraatu godha kan jedhu ammallee ifatti adda hin baane.

Namni hunduu abjuu ni abjootaa?

Namootni gariin ''abjuu abjoodhee hin beeku'' yeroo jedhan ni dhagaahama. Ijoolleen yeroo abjoonne jedhanii maatiitti waa himan namni guddaan ''atuu abjuudha maal abjootta'' yeroo jedhanis dhageenyeerra ta'e.

Ofii namni hunduu ni abjootaa jennee obbo Geetaa gaafanneerra. Deebiin isaanii ''eyyeen namni kamuu ni rafa taanaan abjuu ni arga'' kan jedhuudha.

''Namootni abjuu abjoodhee hin beeku jedhan waan hin abjoonneef osoo hin taane, abjuu san waan hin yaadanneefi. Warri abjuu irra deddeebiin argu jedhaman ammoo kan hirribaa dammaqan REM sleep keessa osoo jiranii waan ta'eef ni yaadatu.''

Sababni namni gariin akka abjootu kaan ammoo akka abjuu hin argine yaaduuf sadarkaalee hirribaa namni namni itti dammaqu irratti hundaa'a jedha ogeessi kun.

''Namni hundi abjuu ni arga garuu hunduu hin yaadatu.''

Qaajja'uun abjuudhaan walfakkaataa?

Hirriba keessa namni waan miira isaa jeequ argee iyyuu, baqachuuf yaaluufi dubbii adda hin baane yeroon haasa'u ni mudata.

Wanti akkanaa kun qaajja'uu jedhama malee qaama abjuu mitii jedhu obbo Geetaan.

''Qaajja'uu akka abjuutti hin laallu. inni kun wanta sodaachisaa hirriba keenya keessa dhufuudha. Inni kun wanta yeroo hundumaa dhufee nu sodaachisu malee akka abjuu ergaa ykn mallattoo ta'ii tokko bakka bu'u miti.''

Inumaayyuu yeroo kanatti namni rakkoo kana keessa jiru gargaarsa ogeessa xiinsammuu barbadaa jedha Geetaan.

Qaajja'uun kun sodaa xiinsammuu keenya qabee, hiikas dhabee nama dhiphisu ta'uu isaatiin abjuurraa adda jedhan ogeessi kun.