'ABO shaneen akka araaraan galu maqaa uummata keenyaan gaafachuun barbaada'- Pireezidant Shimallis

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa yaa’ii Caffee Oromiyaa 4ffaa har’a gaggeefame irratti hidhattotni WBO isaan ''ABO Shanee'' jedhan akka araaraan galan gaafatan.

‘’Kabajamaa Caffee kana fuulduratti qaamoleen hidhatanii naannoo keenya socho’an, ABO shaneen akka araaraan galu maqaa uummata keenyaan gaafachuun barbaada.

''Qaamoleen nageenyaa sadarkaa addaa addaa jiranii fi uummata keenya aarsaa guddaa kaffalanii fi ammas kaffalaa jiran kabajamaa Caffeen kun akka naaf galateeffatu gaafadha,'' jedhan viidiyoo gabaabaa OBN qoode irratti.

Dubbiin pirezidaantichaa kun erga torban darbe waraana naannoo Oromiyaa keessaatti xumura gochuu akka barbaadan ibsanii dhagahame.

Obbo Shimallis qaamni hidhate karaa nagaa akka galu gaafatan malee haala akkamiin mariin nageenyaa kun akka gaggeeffamuu qabu irrattii fi qophii kanaaf qaban irratti waanti jedhan hin jiru.

WBO ibsa yeroo garaagaraatti baaseen bakka qaamni sadaffaa idil-adunyaa jirutti marii nagaaf taa’uuf fedha akka qabu himeera.

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmuu fi US maandheffate OLLAA wal dhabdeen mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu karaa nagaa furamuu akka qabu xalayaa banaan gaafateera.

Xalayaan hawwaasa Itoophiyaa biyyicha keessa jiraatan waliin tahuun barreessan kunis mootummaa fi WBO dhaqabuu garichi marsariitii isaa irratti ibseera.

Qaamoleen lameen carraa amma jirutti fayyadamuun marii nagaaf taa’uun rakkoo hammaataa waggoota arfan darban Oromiyaa keessa turan furuu qabu jedhe.

WBO tibbana ejjennoo isaa ''Qabsoo Hidhannootii Hanga Marii Nagaa'' barbaachaatti jedhu baase irratti rakkoo wal xaxaan Itoophiyaa bifa hedduu qabu furmaata siyaasaa hunda galeessa taheen qofa hiikama jedhe.

Dhiyeenya kana miseensotni mana maree naannoo Oromiyaa irraa Paartii Badhaadhinaa bakka bu’uun filaman ibsa ejjennoo qabxii kudhan qabu baasuun MM Abiy Ahimediifi hoggantoota mana mareef dhiyeessaniru.

Kunis mariin nageenyaa akkuma TPLF waliin godhamuun nagaan bu’e Oromiyaa keessattis marii wal fakkaataan taasifamuun nageenyi waaraan akka bu’u kan gaafatan ture.

Ergasii gama mootummaanis gama WBO marii nageenyaaf qophii akka tahan himama. Garuu qabatamaatti qaamni kana hogganu ykn qindeessu ramadamuun hojiitti hin galle.

Akkasumas ji’a Amajjii keessa ministeerri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinken yeroo bilbilaan MM Abiy waliin mari’atan walitti bu’insi Oromiyaa keessaa furmaata argachuu akka qabu kaasaniiru.

Waamichi pireezidant Shimallis alanaa dhugumatti haaraadhaa?

Waggoota afran darban waraana Oromiyaa keessatti humnoota WBO fi mootummaa gidduu gaggeefamaa ture xiyyeeffannoo miidiyaalee fi dhaabbilee idila addunyaa dhabee gaaga'ama guddoo geessisaa ture.

Mootummaan waraana hidhattoota riphee lolaa jedhuun dhabamsiisuuf opireeshiniiwwan adda addaa raawwachuu ibsuus humna kana dhabamsiisuun hin danda'amne.

Ji'a Bitootessaa bara 2022 miseensota Caffeef haasaa godhanii kan turan Pireezidant Shimallis ''Guyyaa guyyaadhaan uummatni keenya aarsaa kaffalaa jira. Guyyaa guyyaadhaan caasaan nageenyaa akka baalaatti harca'aa jira. Qaamni nageenyaa madaa'ee, aarsaa kaffalee jiru lakkoofsa hin qabu,'' jedhanii ture.

Furmaata ta'a kan jedhanis dhiyeessanii ture. Humna nageenyaa naannichaa cimsuun barbaachisaa ta'uu kaasanii ''dubbii kana garuu qawwee duwwaan hin hiiku, siyaasatu xumura'' jedhan.

Achumattis humna kana buqqisuuf toftaa riphee lolaa dhabamsiisuun danda'amuun duulli akka godhamu dubbatanii ture.

Guraadhala 6/2023 yaada miidiyaa biyyaalessaa irratti dhimmoota adda addaa irratti dubbatanii tamsaafame irratti ammoo ''Uummatni keenya dararameera. hin gaha,'' jechuunis waamicha dhiyeessan.

Mootummaan naannoo fi kan Federaalaa dhimma kana irratti kallattii lama hordofaa jirra jedhan.

''Uummata keenyaaf jecha karaa nagaan wanti hin furre hin jiru. Qaamni fedhe karaa nagaa galee dhaaba ijaaree qabsaa'uu danda'a jennee daandii nagaa filannoo dursa kenninuuf gooneerra.''

Kan lammataa ammoo olaantummaa seeraa kabachiisuu akka ta'e dubbatan.

Waamichi isaanii alanaa kun mootummaan ifatti hidhattoota kana waliin ta'ee marii nagaa gaggeessuuf qophaa'aa ta'uu fi tarkaanfii fudhachaa jiraachuu isaaf garuu agarsiistuun hin jiru.

Waamichi ''rakkoo kana nagaan haa furru'' jedhu gama mootummaarraa yeroo dhagaahamu kun kan jalqabaa miti.