Sirreeffamtoota Halaabaatti poolisootarratti mimmixa naquun miliquuf yaalan keessaa tokko ajjeefame

Mimmixi gosa mi'eessituu foon yookiin aannanitti naqamee nyaatamudha. Garuu ijatti yoo butame ija ni guba.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mimmixi gosa mi'eessituu foon yookiin aannanitti naqamee nyaatamudha. Garuu ijatti yoo butame ija ni guba.

Sirreefamtoota seeraa afur miseensota poolisiirratti mimmixa bittinsuun miliquuf yaalan keessaa tokko ajjeefamuun kan biraa madaa'ee qabamuu poolisiin hime.

Taateen kuni Naannoo Ummatoota Kibbaa Halaabaa keessatti mudate.

Komishinii Poolisii Naannoo Kibbaatti Komaandarri I/Aanaa Taaju Nagaash BBC'tti akka himanitti, taateen kuni ALI Amajjii 01, 2015 yeroo beellama mana murtiitii deebi'an mudate.

Sirreeffamtoonni seeraa afran kunneen kana dura badiiwwan garagaraan yakkamaa ta'anii Mana Amala Sirreessaa Walaayittaa Soddootti adabbii isaanii dabarsaa turan.

Ta'us, achumatti bombii harkaa dhoksaan galchuun poolisiirratti darbatanii miliquuf yaalanii akka turan himan.

Eegasiis himanni yakkaa irratti banamee sirreeffamtoonni seeraa Walaayittaa Soddoo jiran waan irratti ragaa bahaniif nageenya ragaa baatotaaf jecha gara Halaabaa geeffamuu himan.

Dhimmuma kana dura miliquuf yeroo yaalan himata itti banamee hordofuuf mana murtii Halaabaa oolanii osoo deebi'aniiti mimmixa bittinsuun isaanii kan dhagahame.

Sirreeffamaan miseensota poolisii irratti mimmixa osoo facaasanii miliquuf yaalan keessaa ajjeefame, kana dura Halaabaattis bombii darbachuun mana hidhaatii miliqee kan lammata hidhame ta'u poolisiin himeera.

''Hidhamaan du'e mana sirreessaa Halaabaa irratti bombii erga darbatee booda hordoffii cimaa poolisoota Kambaataa Xambaarroo, Haadiyyaafi Halaabaan qabamee deebi'e hidhame kan turedha,'' jedhan.

Sirreeffamtoota miliqan keessaa tokko waggaa 20 kan itti murame, kan biraa immoo kan beellama qabu ta'uutu ibsame.

Miidhaa sirreefamtoonni seeraa yeroo baqatan poolisoota irraan gahan yoo deebisan, ''miidhaan hammana jedhamu poolisootarra hin dhaqqabne,'' jedhan.

Komaandarichi kanneen hidhaman keessaa tokko akkamiin akka ajjeefame, kaan immoo akkamiin akka madaa'e odeeffannoo dabalataa kennuurraa of qusataniiru.

Haa ta'u malee, hidhamaan madaa'ee to'atame hospitaala geeffamee yaalamaa akka jiru ibsan.

Qondaalli poolisii BBC'n dubbise, hidhamtoota miliqan deebisanii qabuuf suuraan isaanii akka bittimfamu himan.

''Hidhamtoonni kuni amala akkaan hamaa waan qabanif, hawaasni poolisiif akka eeruu kennu,'' jechuun dhaaman.