Gondar Kibbaatti hidhamtoonni 17 mana hidhaa qotuun miliqan

Gondar Kaabaa magaalaa Daabaat jedhamtutti hidhamtoonni 17 keenyaan/girgiddaa mana hidhaa qotanii miliquusaanii odeeffanne.
Guyyaa kaleessaa mana hidhaa magaalattii keessatti argamutti yakkoota garagaraan hidhaa jalatti kan argaman kunniin miliquusaanii, Ajaja Poolisii Godinichaa irraa Komaandarri Ittaanaa Dassee Muluyyee BBCtti himaniiru.
Akkas isaan jedhanitti, manni hidhaa kun daran waan dulloomeef jarreen kun salphumatti cabsanii ba'aniiru.
Kanneen miliqan keessaa lama kan yakka ajjeechaan shakkamanii to'annoo jala turan ta'uu ajajaan poolisiin kun dabaluun nutti himan.
Kanneen hafan 15 ammoo yakkoota garagaraan shakkamanii kan to'annoo jala turanidha.
Dabalataanis mana hidhaa kana keessa walumaa galatti hidhamtoonni 25 kan turan yogguu tahu, kanneen 8 tahan osoo hin miliqin hafaniiru.
''Isaan saddeet hafan carraa miliquu kan qaban ta'uus, seera waan kabajaniif achumatti hafan,'' jedhaniiru.
Komaandarri Ittaanaa Dassee, ''hidhamtoota ajjeechaan shakkaman alatti kaan qonnaan bultoota. Teessoo wayita qabamanitti galmeessisaniin, gara iddoo dhufanitti deemuun irra deebiin ni qabamu,'' jedhaniiru.
Kana malees, miseensoonni poolisii abbaa dabaree turanis, itti gaafatamummaa bahachuu dhabuusaaniitiin ni gaaafatamus jedhaniiru.
Warreen miliqan kunniin tarii gargaarsa alarraa godhameefi kan miliqan tahuu fi dhiisuu gaafannee, koomaandarichi, ''Manni hidhaa kun kan qotame gama keessaatiin. Alarraa gargaarsi taasifameef hinjiru,'' jedhaniiru.















