Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ruutoon nama akka Zakkiyoos isa Macaafa Qulqulluu keessaa qaraxa funaanutti fakkeeffaman
Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo qarata guddaa lammiilen biyyattii akka kaffalan gochuusaanirraa kan ka'e 'nama akka Zakkiyoos gabira funaanuu jaalatu' jechuun namoonni itti qoosan.
Zakkiyoos Macaafa Qulqulluu keessatti nama gibira funaanun beekamu. Pirezidant Wiiliyaam Ruutoo bara 2022 erga gara aangoo dhufanii as seera gibiraa haaraa fiduusaanirraa kan ka'e lammiilee biyyattii biratti fudhatamummaansaanii gadi bu'eera.
Inumaayyuu Ruuton waan yeroo filannoo waadaa gale waadaa nyaate jechuun kan komatan hedduudha.
Yeroo duula na filadhaa gaggeessaa turanitti, warra galii gadi aanaa qabaniifi hojii guyyuun jiraataniif diinagdee keessaniin foyyeessa jechuun waadaa galanii turan.
Seerri gibiraa haaran bulchiinsi isaanii hojiirra oolche "ulfaataa" ta'uu kan dubbatan Ruutoon, idaa biyyattiirra jiru hir'isuufi liqaa xiqqeessuf akka gargaaru ibsan.
Liqii biyyattiirra jiru Shilingii tiriliyeena 10 (dolaara biliyeena 65) gahe gadi xiqqeessuf gibira olaanaa kaffaluun dirqama akka ta'etti amanu.
"Keeniyaa hallayyaa idaa keessatti kufuuf boollarra geesse baraaruuf, yeroo tokko tokko murtoo jabaa fi nama dhukkubu fudhachuun sirriidha, murtoo sirrii fudhanne," jedhan.
Waa'ee Zakkiyoos isa Macaafa Qulqulluurratti qaraxa funaanutti fakkeeffamuusaanii ilaalchisees yaada kennaniiru.
"Bakkeewwan tokko tokkotti Zakkiyoositti ergan fakkeeffamee, tarii guyyaa gibira sassaabuu qabaachuu malla," jedhan Wiiliyaam Ruutoon.
Erga mootummaa Wiiliyaam Ruutoo gibira haaraa hojiirra oolchee as Keeniyaatti qaala'iinsi jireenyaa baay'ee dabaluurraa kan ka'e namuu guyyaan waa'edhuma gibiraa haasa'a.
Daballiin gibiraa jireenya uummataa fooyyessuurra mootummaa maallaqa uummataa qisaasessu utubuudha jedhu namoonni heddu.
Pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo waggaa tokki keessatti si'a 40 ol biyyoota garaa garaa hojiif deemuusaanin wal-qabatee maallaqa uummataa qisaasessaa jira kan jedhu komiin irratti ka'aa ture.
Gama biraan ammoo carraa hojii dhuunfaa 70,000 ta'anifi biizinasiiwwan biroos sababa qaala'iinsa gatiin cufamuusaanii Federeeshiniin Hojjachiiftota Keeniyaa ibsuun mootummaan gibira akka hir'isuuf waamicha taasise.
Ogeessa diinagdee kan ta'e Keen Gichaangaa mootummaan gibira olaanaa sassaabuun hojii daldalaa kuffisaa akka jirutti amana. Sababni inni dhiyeessu ammoo sababa gibiraan dhaabbileen daldalaa carraa hojii dabalataa uumus ta'ee bu'aa argachuuf ni rakkatu.
Sababa gibirri olka'eef kanneen biizinasii haaraa jalqabuuf turan yaadicha akka dhiisaniifi kanneen gabaa keessa turan ammoo gibira mootummaaf kaffaluu dheessuf jecha karaa qaxxaamuraa fa'aa yaalaa akka jirantu himama.
Maayik Muriikii waggoota kurnan darbaniif dhaabbara siliindarii gaazii nyaata ittiin bilcheessan raabsu qaba ture. Dur guyyaatti siliindarii 700 kan raabsu amma namoonni bitachuu waan hin dandeenyef guyyaatti gara 200 raabsitti gabaan isaa akka gadi bu'e BBCtti hime.
Lammiilen Keeniyaa heddu akkuma Zakkiyoos inni Macaafa Qulqulluu keessatti gibira funaanu [gabaabaa waan tureef tuuta namootaa keessaa] Yesuus arguuf muka yaabee gaafa Yasuus waamu mukarraa bu'e, Ruutonis akkumasaa muka yaaban kanarraa bu'anii bu'uunsaanii waan hin oolledha jedhu.