Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Oromootu isaan wallaale malee Ormaan Oromoo sirriitti beeku'
- Barreessaa, Ammayyuu Ittaanaa
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Taanaa Riivar, Keeniyaa
Dhiiraa dubartii namni hin hafne. Kanneen shubbisan keessa haadha mucaas argeera.
Nama walleewwan godinaalee Oromiyaan shubbisaa jiran kana argeef qe'ee Oromiyaa keessa waan jiru itti fakkaatuu mala.
Garuu fagoo. Finfinneerraa 1,800km fagaatanii argamu. Garuu yaadaan hin fagaanne.
Yooyyaa!
Harka isaan fuune. Ho’isanii nagaa nu fuudhan. Akka fira walirraa fagaatetti ofitti nu qabanii nu dubbisan.
Teessuma taa'anirraa ka’anii nu teessisan. Kuni ergaan isaa ifa - jaalalaafi kabajaadha. Isallee anis isaan arguuf guddoon hawwe.
‘’Gogaa keenya malee afaan keenya gargari,’’ nuun jedhan maanguddoon nagaa nu fuudhan. Afaan garagara dubbanna jechuu isaaniiti. ‘’Lakki. Tokkuma,’’ jenneen.
Isaan daawwachuun keenyas kanumaaf ture. Jiruufi jireenyi, uffatiifi waan marti irraa mul’atu waanuma ummata Oromoo keessa jirudha.
Ammoo yeroo dheeraa dura waan godaananif aadaan bakka durii hin jirtu, ya laafte jedhu jaarroleen.
Waggoota dheeraa dura yeroo godaanan biyyii amma Itoophiyaa jedhamtu hin turre. Daangaan Keeniyaas hin tolfamne.
‘’Sirna Gadaa eedda dagatanii turaniiru. Maqumaa Oromootuu nyaaphaan [diinaan] beeku’’ naan jedhan maanguddoon jilarratti argee dubbise.
‘‘Oromoon Ormaa dhalootaan Oromoodhuma. Oromoomuma kan Wardaati.
‘’Yoo amma seenteti ilaalte Arsiin kessuma jirti, Gujiin keessuma jirti, Booranni keessuma jira, Shawaa, Wallaggaa, Harargee yoottan keessuma jirti,’’ jedhu Boruu Waariyoon.
Yeroos didanii bahan dhiigi dhangala’eera. Jaarroleen namoota mufatani kanaan akka deebi’an namayyuu itti erganii turan. Garuu, didani.
‘’Nami warra kana dhaqqabnaan‚ 'nuyi ya ormine‘ [jedhan]. Maqaan Ormaa guyyaa sun bahe. Maqaa dhalootaan jiru miti. Maqaan isaanii Wardaa,‘‘ jedhu.
Walirraa fagaachuun garuu aadaa dagachiise, eenyummaas laaffise.
‘’Ati kan eenyuti, kan ebeluuti. Ebeluu kami yoo jette akaakuu ishee achi dabarsiteeyyuu hin beektu [ijoollee]. Maal? Akki isin baratteetu akkas. Akka warri itti guddiseetu akkas, ‘’ jedhu Abba Boruun.
‘’Abbaa ofiitiin abboo jechuu lakkiftee ‘buudaa, Mikubuwaa [Afaan Siwaahiliin nama guddaa]’ jettee waamti. Haadha ofii aayyoo hin jedhan 'Maadey' jedhan. ‘’
Ijoolleen amma afaan ni dubbattiimi?
‘’Ni dubbatti. Amma tana hin dubbatti, harkumaa qabdi. Yoo immoo armatti hin dhaqqabiin afaanuma kana nafa dhabani.‘‘
Amma waggaa dheeraa booda barris, warris jijjiiramaa jira fakkaata. Amma barri bara wal barbaaduu ta’e.
Giddugala Oromiyaatti wallee isaan kan beekamu Artist Caalaa Bultumee kana dura hawaasa Ormaa kana beeka.
‘’Oromootu hinbeekne malee isaan Oromoo sirriitti beeku,’’ naan jedhe. Waa’ee isaanii bal’isee natti haasa’e.
‘’Ani sirriittan ummata kana beeka. Warra Mombaasaa jiran, naannoo Odaa warra jiran. Lafa galaana Xaanaa [Taanaa] .. warra marsanii jiran nan beeka.
‘’Ani Mombaasaattis hidhameera. Yeroo sana Ali Waariyootu mana hidhaati kan na baase,’’ naan jedhe. Caalaa itti deebina.
Ani amma Bangaliin jira, bulchiinsa Keeniyaa Taanaa Riivar jedhamtu keessatti. Magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobiirraa 300km fagaatti.
Gaafan dura dhufe magaalaa keessa nama Afaan Boorana [gara Keeniyaa Afaan Oromoo Afaan Booranatti beeku] dubbatu hin dhageenye.
Afaan Somaalee yookiin Siwaahiliitu bal’inaan dhagahama. ‘’Sagantaan as jira jedhanii hin turree?‘‘ jedheen yaadeeyyuu ture. Dhimmicha boodan hubadhe.
Dargaggoonni waan Itoophiyaa keessa adeemaa jiru isaan dammaqsee ‘aadaa badde deebisna’ jechaa jiru.
Yeroo jalqabaafis ‘Irreecha’ jedhanii cidha qopheessanii turan. Bishaanis, irreeffannaanis garuu hin turre. Ammoo 'Oromoo waliin jirra' ergaa jedhu dabarsuuf yaadaniiti.
Sagantaa kanarratti ‘Oromoon Itoophiyaa jira, Keeniyaa keessammoo bakkana jira‘ jedhanii hawaasa of dagateef dhaamu. Oromoon dur akkana jiraata jedhanii buna danfisan, ichimas guban.
Sammuu ol adeemtota keessa eenyummaa isaanii keessarri horuu yaadameeti jedhu kanneen qopheessan.
Dhiibbaa Afaan Somaalee
Wanti kanaaf ka'umsa ta'emmoo dhalooti warra fakkaatu dide jennaani naan jedhan.
Xunnaa Hajii Qoloomboo jaarsa biyyaati. ‘‘Afaan Somaalii kana nutti guddatee aadaa keenyayyuu ya lakkifne,‘‘ jechuun BBC’tti himan.
Sababa kanaan dargaggoonnis Afaan Somaalee dubbatu. Walleewwan Afaan Somaalees caqasu. Dargaggoonni ani dubbisees kanuma naa himan.
Anis kana taajjabeera. Miidiyaa hawaasaa gubbaas Afaanuma Somaaleen katabu, miidiyaa afaan somaalees hordofu.
Jaarroleen kanatti yaaddoo qabu. Ijoolleen nu hin fakkaattu jedhu.
Waggoota shan dura jijjiiramni siyaasaa Itoophiyaa keessatti mudateefi sochiin hawaasa walirraa fagaate walitti fidu dalagame immoo dammaqiinsa uume jennaan sagantaan akkanaa qophaa‘e.
Keessumaa sagantaa kanarratti kan na hawwate walleewwan godinaalee Oromiyaa danuutu taphatamaa ture. Kan shubbisuus, kan dhaabatee daawwatuus gara hin qabu.
Magaalaan xiqqoon kuni gaafas guddoo ho’ite. Aduunis, sagantaanis ho’aa ture.
Walleen garuu dhaloota aadaa dagatee aadaa dheebotaa jiru bakkatti deebisaa?
Diimaa Omaar bulchiinsa kanatti guddate. Kanneen gaafas sagantaa gaggeessaa turan keessaati.
‘’Walleewwan amma artistoonni Oromoo sirban hariiroo keenya Oromoof baay’ee cimsee jira. Duri ummati keenya dargaggeessi keenya keessattuu sirba gosa biraa sirba kana akka Somaalee, Siwaahilii dhaggeeffachaa turani.
‘’Gaafammoo sirboonni Oromoo Taanaa Riivar, yookiin Keeniyaa dhufan baay’ee gammadani. Maaliifi afaan suni ni dhagahani. Garuu loqodi addaan bahee jira. Saniif baay’ee gammadani.
‘’Hagayyoosi kunoo sanuma dhaggeeffachaa jirani. Xiqqishoo tokko malee sirba Afaan Somaalee dhiisanii jirani,‘‘ jechuun BBC’tti hime.
Dargaggoota sagantaa sanarratti argaman dubbise waa’ee Itoophiyaa na gaafatan. Itoophiyaa dhaqanii daawwachuu guddoo hawwu.
‘’Abiy Ahimad Oromoo? Ammas Tigree lolaa jiraa?’’ naan jedhe tokko.
Dubbii isaaniirraa waa’ee Itoophiyaa jala bu’anii akka hordofaniin hubadhe. Tarii, kanneen Boorana Marsabit qubaterraa caalaatti jechuudha.
Dargaggoon alaabaa ABO gara caalu ‘’mallattoo diddaa’’ jedhamee ibsamu qabataniiru.
Tarii, siyaasa walxaxaa Itoophiyaa keessa adeemaa jiru sirnaan hubatu jedhee anis hin eegne.
Ammoo haasaa keessa Afaan Siwaahilii yookiin Afaan Ingilizii keessa yoo buusan malee wal hubachuun ni rakkisa.
Gaafan Afaan Oromoon dubbisu, ‘’Siwaahilii Siwaahilii’’ naan jedhe dargaggoon tokkicha. Afaan Siwaahilii akkan itti dubbadhu fedheeti.
Hajii Dendolee dargaggoota sagantaa kanarratti dubbise keessaa tokko. Ganna 25 dha. Inni magaalaa Hoolaa jedhamturraa dhufe.
‘’Gaafi duraa sunniin abbootiin keenyallee ni caqafti. Hogga suni nuun xiqqaa,’’ jedha.
Keeniyaatti akka Itoophiyaa afaan dhalootaan barumsi hin jiru. Miidiyaaleen Afaan Booranaan tamsaasanis xiqqoodha. Kunniin afaanicharratti dhiibbaa ofii qabaatuu mala.
Walleewwan kana garuu hangam hubattu? Gaaffiin itti aanse.
‘’Afaanii guddaanii afaan kana hin dhageenna. Waanni takka takka tokkichiyyuu nu muraammoo,‘’ jechuun deebise.
Diimaanis kanaan waliigala. ‘’Hedduun isaanii 80% akkas sirboonni suni hin galuufi. .. Loqodi addaan bahee jira. …
‘’Artistoonni bakka tokko tokkotti rukuta [rukuttaa] dheeressani yookiin dubbiillee dheeressani. Kanaaf hin galuufi. Garuu 20% akkana hin galaniif [ni galaafi].‘‘
Asitti walleewwan Caalaa Bultumee, Hacaaluu Hundeessaa, Galaanaa Gaaromsaa, Keekiyyaa Badhaadhaa, Qamar Yuusufiifi kaan sirriitti beekamu.
Walleewwan artistoota kanaa caqasuun immoo waa’ee ummata Oromoo akka baran akka isa ‘‘qarqaare‘‘ Hajii Dendoleen dubbata.
Fedhiin isaa garuu kanarra guddata. Artistoonni Oromoo akka dhufanii sirban hawwii guddaa akka qabu natti hime. ‘’Argaa feena’’ naan jedhe.
Gaaffii kana Caalaafin dhiheesse. Qaamaan dhaxxee ummata kanaaf weellisuu yookiin daawwachuuf yaada qabdaa?
‘’Rakkoo hin qabu.’’
'Ormaaf walleen qaba'
Aartiin calaqqee ummataati. Artistiinis akkasuma. Akkuma hawaasa ummatoota Afrikaa hedduu wallee Oromoo keessa aadaa, eenyummaafi duudhaatu jira.
Waggoota dheeraaf muuziqaan akka miidiyaatti hawaasa tajaajilaa ture, jiras.
Weellistoonni sagalee guddistuu qabsoo ta’urra kan darbe ummanni akka dammaqu, aadaa isaa akka cimsu, duudhaa isaa akka jabeeffatuufi seenaa isaa akka yaadatu hojjetu.
Hawaasa akka Ormaa aadaa isaa dagate kana bakkatti deebisuuf gaheen artistii maali?
‘’Artistiin namoota hedduu walitti qaba. Wiirtuu dugdaa saba tokkooti. Hundumaaf utubee kan of jalatti qabudha.
‘’Gaafa roorroo gaafa xiiqii gaafa dhiphuu, gaafa gaddaa, gaafa gammachuu keessattuu Oromoodhaaf yaada garaasaa kan ibsu artistii Oromooti,’’ jedha Caalaan.
Qabsoo hidhannoo keessa kan ture Caalaan ‘’Hojii haaraa kanan ani qabutu jira,’’ jechuun BBC’tti hime. Hojiin isaa kuni hawaasa Ormaa kan ilaallatudha.
‘’Afaan Kiswaahiliifi Afaan Oromoo, Ingiliffa waliin makanii sirbu waan ta’ef aadaa ummatichaa naannawa sana ture yeroon Sololoo ture kanin barreesse jira waan ta’ef kana hojjechaan jira.
‘’Gara hojii sadii afurii. Ummata kana kan walitti hidhu kana hojjedhe hin jira.’’
Caalaan walleen addatti hawaasa Ormaa ilaallatu akka qabu malee yoom walleen isaa akka gadhiifamu ifatti natti hin dubbanne.
Sagantaa kana dura yeroo duula filannoo Keeniyaa bara 2022 keessumaa bulchiinsa Taanaa Riivar jedhamu kanatti dorgomaa kan ta’na Ali Waariyoon walleewwan Oromoo duulaaf itti dhimma bahaa turan.
Kunimmoo, daran waa’ee wallee kanaa, waa’ee ummata kanaa akka baruu fedhan akka kakaase amanama.
Caalaan kan isaa alatti kan ‘’Eebbisaa Addunyaafi Muluu Baqqalaa, Maaramee Harqaa, Nuhoo Goobanaa,’’ fi kaanis akka beekan dubbata.
‘’Aartii Oromoof kabajaa qabuufi.’’