Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saayintisitoonni jaldeessa qaccee dhala namaatti dhiyaatu qabu uuman
Saayintisitoonni Chaayinaa jaldeessa resuus jedhamu kan qaccee dhala namaatti dhiyaatu qabu mala kilooniing jedhamuun uuman. Argannoo kunis qorannoo fayyaarratti taasifamu saffisiisa jedhameera.
Gosti jaldeessaa kun haalli qaamasaa kan dhala namaa wajjin kan walitti dhiyaatu yoo ta’u, kanaan duras qorannoo wal’aansa fayyaa bal’inaan sababa kanaaf sanyii jaldeessa resuus jedhamuu kanarratti gaggeeffama.
Jaldeessi laabiraatoorii keessatti koppiin isaa hojjatame kun qorannoon dawaa akka saffisiisuuf gargaaru, sababiin isaas bineensonni qacceen sanyiin isaanii walfakkaatan firii qorannoo walfakkaataa laatu jedhame.
Yaaliin kanaan dura jaldeessa resuus jedhamu fakkaatasaa mala kiloonii jedhamu kanaan baayyisuuf yaalame dhala otoo hin uumiin hafe yookaan ammoo ilmoon dhalate sa'aatii muraasa booda du'e.
Jaarmiyaan kunuunsa bineensotaaf quuqamu tokko hojii kanatti ''baay'ee yaadda’eera'' jedhe.
Hoosiftoonni wal horuuf saalqunnamtii erga raawwatanii booda qacceen abbaa fi haadha wal fudhachuurra ilmoon uumamti.
Mala kilooniing jedhamu keessatti garuu bineensa tokkicharra ilmoo qacceen isaa wajjin guutumaan guutuutti wal fakkaatutu uumama.
Tooftaan kilooniing jedhamu kanaan hoolaan baayyee beekamtu 'Doolii' jedhamtu bara 1996 uumamte.
Saayintistoonni seelii gogaa hoolaa biraa irra deebi'anii saganteessuun ykn caasessuun gara micireetti geeddaran.
Micireen seelii ijaarsaa gara kutaa orgaanizimii kamittiyyuu guddachuu danda'udha.
Sana booda micireen kun gadameessa haadha Doolii keessa kaa'ame.
Qorattoonni barruu Nature communications jedhamurratti akka barreessanitti bu'uuraan waanuma kana hojjetan garuu jaldeessa resuus jedhamurratti kun hin milkoofne ture.
Isaan akka jedhanitti bineensi kun waggoota lamaa oliif fayyaa ta'ee turuun isaa adeemsi kilooniingi milkaa'uu agarsiisa jedhan.
Yunivarsiitii Chaayinaa Akkaadaamii Saayinsiirraa Dr Faalong Lu BBC tti akka himanitti, bu'aa milkaa'aa kanaan ''fuulli nama hundaa gammachuudhaan ife ture'' jedhan.
Garuu dubbi himaan dhaabbata UK tti miidhaa gara jabummaan bineensota irratti raawwatamu ittisuurratti hojjjatu (RSPCA) akka jedhanitti, gidiraan bineensotaarratti fidu faayidaa battalaatti namaaf fidu kamiyyuu ni caalaa jedhe amana.
Jaldeeyyiin Resuus jedhaman bosona Eeshiyaa keessatti kan argaman yoo ta'u, baay'inni isaanii Afgaanistaan, Hindii, Taayilaandi, Veetnaam fi Chaayinaatti argamu.
Jaldeeyyiin kanarratti qorannoo Infeekshinii fi dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu irratti gaggeeffameera.
Gosti jaldeessa makaaqi yeroo jalqabaaf bara 2018tti fakkaataan isaa mala kilooniing jedhamuun umame, garuu qorattoonni yaalii qorichaaf jaldeessa resuus filatan.
Sababnisaa qacceen jaldeessa kanaa kan dhala namaa wajjin walfakkaata.
Seelii gara miciree guddatu irra deebi'anii caasessuun dogoggora yeroo yaalii hunda caala mudatu.
Yaalii akkasii keessaa baay'ee muraasa qofatu xumurarratti ilmoo ta’ee dhalata.
Kan dhalatan keessaayyuu muraasa qofatu fayyaa ta'ee dhalata - hoosistoota baay'ee keessatti %1 hanga 3 ta’anitu haala kanaan dhalata.
Jaldeessa resuus jedhamurratti ilmoo haala kanaan uumuun ammallee ulfaataa ta'uun isaa mirkanaa'eera, hanga gareen qorattoota kun waggaa lama dura milkaa'utti dhala tokkollee haala kanaan jaldeessa kanarraa uumuu hin danda’amne.
Yaalii resuus irratti gaggeeffame fashalaa'e keessatti, ofkaltii(placenta) qaamni micireen oksijiinii fi soorata akka argatu gargaaru adeemsa kilooniingi jedhamu kanaan sirriitti akka hin caaseffamne qorattoonni bira qaqqabaniiru.
Qorattoonni kunneen micireewwan 113 kan fayyadaman yoo ta’u, isaan keessaa 11 garaa keessa kan keessa kaa’aman yoo ta’u, ulfa lamaa uuman, isaan keessa tokko qofatu jiraa dhalate.
Qorattoonni jaldeessaa kanaaf maqaa "ReTro" jedhu moggaasan, kun malli saayinsii, "trophoblast replacemement" jedhamu, bineensicha horsiisuuf oolu hordofeeti.
Dhaabbanni miidhaa gara jabummaan bineensotarratti raawwatamu ittisuurratti hojjatu RSPCA’n qorannoo kana irratti shakkii guddaa akka qabu ibseera.
"Qorannoo kun battalatti hojiirra hin oolu. Namoonni dhukkubsatan yaalii kanarraa bu’aa argatu jennee yoo tilmaamneyyuu, garuu hojiitti hiikuuf waggoota dheeraa gaafata, teeknooloojiiwwan kana guddisuuf bineensotaa biroo dabalataa barbaachisaa ta'uun isaanii hin oolu" jedhan dubbi himaan RSPCA.
"RSPCA’n bineensota yaalii kana keessatti gidiraa fi dhiphinni mudatuu ol'aanaadha, garuu milkaa'inni yaalii kanaa baay'ee xiqqaadha. Bineensonni kun qareeyyiidha malee meeshaalee qorannoo miti" jedhan.
Inistiitiyuutii Firaansis Kiriik Landanitti argamutti Profesara kan ta’an Robiin Lovel-Baaji, qorannoo bineensotorratti gaggeeffamu cimsabii deeggaru, garuu yaaddoo qabu.
"Bineensota qaccee sanyii walfakkaataa qabaachuun garaagarummaa yaalii keessattu umamu ni hir'isa. Garuu dhuguma gatii qabaachuu isaa hubachuu qabda" jedhan.
''Lakkoofsi yaalii isaan gaggeessanii danuudha. Bineensa lubbuun dhalate tokko argachuuf miciree hedduu fayyadamuun haadholii ilmoo kana garaa keessatti guddiisanii, dhalan hedduu qabaachuu barbaachisa'' jedhan.
Pirofesar Lovel-Baaji, saayintistoonni qorannicha gaggeessan ilmoo lubbuu n dhalatte tokkitti qofa uumuu isaaniis yaaddoon qabna jedhan.
''Yeroo ilmoo tokko qofa uumtee, waa'ee milkaa'ina tooftaa kanaa gudunfuu hin dandeessu.
Yoomiyyuu haala kanaan ilmoo uumuun akka dandeessu yaada dhiheessuun waanuma hin taanedha. Yoo xiqqaate lama si barbaachisa, garuu kana caalaa yoo ta'e filatamaadha''jedhan.
Deebii kanaaf Dr Falong Lu BBCtti akka himanitti, kaayyoon garee qorannoosaanii baay'ina micireewwan qorannoof ittifayyadamanii hir'isuun, ilmaan jaldeessaa danuu baay'isuu akka ta’e himan.
Itti dabaluudhaanis qorannoo kanaaf eeyyamni naamusaa hunduu kennameera jedhan.
" Qorannoo keenya keessatti hojjetaman hundi qajeelfama koreewwan itti fayyadamaafi kunuunsa bineensotaa Inistiitiyuutii Saayinsii Baayoloojii Shaangaayi, Akkaadaamii Saayinsii Chaayinaa (CAS), fi Inistiitiyuutii Niwuroo-Saayinsii, Giddugala Niwuroo-Saayinsii fi Sammuu Gahumsa CAS keessatti kaa'ame kan hordofeedha"jedhan.