Eeruun loltoota dubartoota Israa’el angawoota raayyaa ittisaan dhageettii dhabe akkamiin Israa’el haleellaaf saaxile?

Loltoonni shamarran Israa’el waggootaaf iddoo daangaa Gaazaatti hojii tokko hojjetaa turan. Innis sa’aatiiwwaniif buufataalee hordoffii keessa taa’uun sochiiwwan namootaa shakkisiisoo ta’an ilaaluudha.

Ji’oota haleellaa Hamaas Onkololeessa 7 dura turan keessatti shamarran kun sochiilee haaraa ilaaluu eegalan. Shaakalliiwwan weeraraa, nama butuu fi sochii qonnaan bultootaa kana dura mul’atee hinbeekne dallaa Israa’eelin gamatti ilaaluu eegalan.

Noowaan (maqaanshee kan jijjiirame), isheefii waahillanshee sochiilee haaraa argan kunneen angawoota basaasaa fi Raayyaa Ittisaaf gabaasanillee tarkaanfiin fudhatame jiraachuu dhabuu himti.

“Akka afuuffee dhoohuuf jedhuutti” sochiileen tibba sanaa wanti tokko uumamuuf akka ta’e sirriitti kan akkeekan akka turanis dubbatti.

Baay’achuu sochiilee shakkisiisoo Onkololeessa 7 dura turan, gabaasawwan loltoonni shamarran kunneen angawoota Raayyaa Ittisaa Israa’eliif erganfii ‘dhageettii dhabuu gabaasa isaanii’ ilaalchisee BBC’n loltoota dubartoota kunneen waliin gaafif deebii taasiseera.

Ergaawwan loltoonni kunneen moosaajii Whatsapp fayyadamuun angawoota isaaniif erganis BBC’n ilaaleera. Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) gama isaatiin “ammatti yaaddoo gama dhaabbata shororkeessaa Hamaasiin jiru dhabamsiisuurratti xiyyeeffadheen jira” jechuun gaafii BBC’f deebii kennuurraa ofqusateera.

BBC’n kan haasofsiisefii ajajduu buufataalee naannoo daangaa kan turte, “Rakkoon jiru raayyaan ittisaa taatteewwan mul’atan walitti fidee haala jiru hubachuu dhabuu isaatii” jechuun himte.

“Osoo hubataniiru ta’ee, Hamaas waan hin eeggamne tokkoof qophaa’aa akka jiru ni baru ture” jechuunis himti.

Dubartii ganna 19 kan taate Shaayi Ashraam, loltoota gaafa Onkololeessa 7 hojiirra turan keessaa tokko. Haasaa bilbilaan maatiishee waliin taasifteen “shororkeessitoonni buufaticha keessa jiraachuufii wanti guddaan uumamuuf akka ta’e” dubbatte.

Wayita bilbilaan haasoftu kanatti maatiinshees bilbila keessaa sagalee dhukaasaa dhagahaa kan turan yemmuu ta’u, Shaayi Ashraam loltoota hordoffii guyyichatti ajjeefaman keessaa tokko turte. Kanneen biroommoo butamanii fudhatamaniiru.

Wayita Hamaas buufata loltoota dubartoota Nahal Oz jedhamufii daangaa Gaazaarraa fageenya kilomeetira tokko ta’urratti argamu yemmuu haleelutti, dubartoonni garee Whatsapp irratti nagaa walii dhaammachuu eegalan.

Gaafas dirqama hojiirra kan hinturrefii manasheetii ergaawwan garicharratti qoodman dubbisaa kan turte Noowaan garuu wanti yeroo dheeraaf sodaatte raawwatamaa jiraachuu barte.

'Hojiin keenya jiraattota hunda tiksuudha'

Loltoonni dubartoonni hojii hordoffii hojjetan kunneen kutaa manaa naannoo daangaa Gaazaatti argamu keessa taa’uun viidiyoowwan kaameeraa hordoffii dallaa Israa’el irratti argamanfii afuuffeewwan kaameeraan irratti hidhamee samii Gaazaarra naanna’aniin waraabaman hordofu.

Gareeleen loltoota Israa’el hojii kana hojjetanis naannolee daangaa Israa’el garagaraatti kan argaman yemmuu ta’u, hundi isaanii dubartoota umriinsaanii naannoo waggaa 20 ta’edha. Loltoonni kun qawwees hin hidhatan.

Shamarran kunneen yeroo boqonnaa isaanii shubbisa shaakaluun, akkasumas nyaata qopheessuufii sagantaalee televiziyoonaa daawwachuun dabarsu. Dubartoota kunneen keessaa baay’eensaanii maatiin adda bahanii kan jiraatan yeroo jalqabaaf waan ta’eef hariiroo obbolummaa akka uummatan himu.

Haa ta’u malee hojiisaaniif iddoo guddaa laatu. “Hojiin keenya jiraattota hunda tiksuudha. Hojii baay’ee ulfaataa ta’edha. Dabareekee ta’ee wayita hojiirra jirtutti ijuma keetillee xiqqoo sochoosuu hin dandeessu. Yeroo hunda xiyyeeffannoo kennuu qabda,” jetti Noowaan.

Dubartoonni kunneen wanta shakkisiisaa tokko yemmuu arganitti dhimmicha ajajaa isaanii beeksisu, gama kompiitaraan erguunis dhimmichi angawoota olaanoon akka hordofamu taasisu.

Ji’oota haleellaa Hamaasiin dura turan keessatti angawoonni waraanaa Israa’el, yaadoon nageenyaa Hamaasiin danqame to’atamuusaa himaa turan.

Haa ta’u malee naannoo daangaatti sochiileen waa jiraachuusaaf eeruu kennan mul’achaa turaniiru.

“Weerarri taasisuuf deeman kan akkamii akka ta’u yemmuu shaakalan guyya guyyaan isaan ilaalaa turre” jechuun BBC’tti kan himte Noowaan, “Taankii akkamiin fudhachuu akka danda’anillee moodeela taankii irratti shaakalaa turan” jetti.

“Meeshaalee dallaarra jiranis akkamitti dhoohinsaan akka haleelan moodeelarratti shaakalaa turan. Gurmuun ta’uun akkamiin loltoota akka ajjeesanfi butanis shaakalaa turan” jechuunis himti.

Ji’a Hagayyaa keessa loltummaa keessaa bahuusheen dura buufata hordoffii keessa hojjechaa kan turte Eden Hadar, tibba hojii eegaltutti loltoonni Hamaas naannoo isheen hordoftutti turan shaakkaliiwwan jabeenya qaamaa qofa hojjechaa akka turan, boodarra garuu “leenjii loltummaa” fudhachaa akka turan himteerti.

Dubartiin kan biraa Rooni Lifshiz jedhamtu ammo torbeewwan haleellaa Onkololeessa 7 dura turan keessatti, loltoonni Hamaas konkolaataarratti fe’amanii naannoo buufata hordoffii Israa’el dhaabbachuun gamas ilaalaa akka turan himti. Kunis ishee yaaddessaa akka ture dubbatti.

“Harkasaanii gara kaameeraafii dallaatti qiyyaafachuun haasa’aafii suuraa kaasaa turan” kan jettu dubartiin kun, namoonni kun uuffata humna sadarkaa olaanaa Hamaas kan Nukbaa jedhamuun beekaman kan uffatan waan ta’eef adda baafattee akka isaan beektus himti.

Israa’elis gareen kun garee “adda durumaan” haleellaa ji’a Onkololeessaa duuba jiru akka ta’e himteerti.

Dubartoonni sochii kaameeraawwan Israa’eliin waraabaman hordofan kunneen haleellichaan dura qonnaan bultoota Gaazaa birattilee sochiiwwan haaraa arguu himu.

Tibba sanatti qonnaan bultoonni Gaazaa gara dallaa qarqara daangaatti dhidhiyaachaa turuu kan himan dubartoonni kunneen, ammarra ta’anii yemmuu of duuba ilaalan qonnaan bultoonni waqtii sanatti odeeffannoo walitti qabuun hojii basaasaa hojjechaa akka turan amanu.

“Tokkon tokkoon (qonnaan bultootaa) bifa isaanii, haala oolmaa guyyuu isaanii akkasumas yeroo hojii isaanii ni beekna. Akka tasaa garuu namoota simbirroota adamsanfii qonnaan bultoota kana dura arginee hinbeekne arguu jalqabne. Gara iddoowwan haaraatii yeroo socho’an ilaalleerra. Haalli oolmaa isaaniis jijjiirameera” jetti loltuun Israa’el isheen biraan Abigaayil jedhamtu.

Haa ta’u malee dubartoonni hordoffii hedduun haleellaan cimaan raawwatamuu akka malu sodaa qaban himanillee dhageettii akka dhaban BBC’tti himaniiru.

Dhimma loltoota Hamaas konkolaataan fe’amanii gara kaameeraatti qiyyaafatan ajajootasheef gabaasuu kan himtu Rooniin, gabaasawwanshee eessa akka gahan akka hinbeekne himti.

Hooggantootasheef gabaasawwan sochiilee shakkisiisoo al baay’ee erguu kan himtu Noowaanis, “dhimmicha akka waan guddaatti ilaalee nan gabaasa garuu (namoonni garee isheetiin ala jiran) waa’eesaa wanti godhan tokkollee hinjiru” jetti.

“Gara buufataa yemmuu dhufan ajajuma kennanii deemu” kan jettu Abigaayiilis, ajajoonnishee wayita gara buufata dubartoota hordoftoota kunneenii dhufanitti yaada akka irraa hinfuunefii haala jirurrattis odeeffannoo osoo hin kenniniif akka ofirra deebi’an himteerti.

'Erga namuu nun dhaggeeffanee maal asii goona?'

Ajajduu garee kan taate Gaal, odeeffannoo dubartoonni hojii hordoffii hojjetan ishee biraan gahan isheenis hoggantootasheetti akka dabarsitu himti.

Haa ta’u malee eeruun dubartoota hojii hordoffii hojjetanirraa argame “sakkattaa haalaa” keessatti ilaalamullee isa bira darbee garuu tarkaanfiin fudhatamu akka hinjirre himti.

Dubartoonni baay’eenis yaadani isaanii dhagettii dhabuusaatti muufachuun yaaddoo qaban maatiisaaniitti himaa turaniiru.

Harmee Shahaaf kan ta’an Ilaanaan intallisaanii, ‘Erga namuu nun dhaggeeffanee maal asii goona?’ jechuun dubbachuushee yaadatu.

Haa ta’u malee maatiin Shahaaf akkuma maatiiwwan biroo Raayyaa Ittisaa fi mootummaa Israa’elirraa amantaa guutuu qabu turan. Dabalataan wanti karoorfatame yoo jiraatellee deebiin hatattamaa akka itti kennamu amanaa turan.

“Ji’oota darban keessa irra deddeebbiin ‘waraanni ni jiraata, ni ilaaltu’ nuun jechaa turte. Nuti akka malee waan arbeessiteef itti kolfaa turre” jedhan Ilaanaan.

Shahaaf gaafa Onkololeessa 7 wayita Hamaas buufata hordoffii Nahal Oz haleeletti namoota jalaqabarra ajjeefaman keessaa tokkodha.

Akka raggaa waajjira ministira mummee biyyattiitis guyyichatti Israa'eloota1,200 ol ta'an yemmuu ajjeefaman kanneen 240 ta'an immoo butamaniiru.

Haleellaa lafoofii qilleensarraa Israa’el haleellicha booda fudhatteen immoo Gaazaa keessatti namoonni 23,000 ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Hamaasiin hogganamu himeera.

Gabasni New York times akka mul’isutti odeeffannoo garee dubartootaa ‘tatzpitaniyot’ jedhamaniin ergameen dabalataan odeeffannoon karoora Hamaas agarsiisu harka angawoota Israa’el erga seenee waggaa tokko darbullee odeeffannichi cinaatti godhameera.

Dubartoonni ‘xiyyeeffannoo argachuu malan hin arganne’

Haleellaa Onkololeessa 7 dura mallattooleen waa uumamuuf akka jedhu agarsiisan mul’achaa turuu kan himu miseensi Raayyaa Ittisaa Israa’el amma sooramarra jiru Meejar Jeneraal Itaan Dangot, “yemmuu mallattoolee hunda walitti qabdu wantichi osoo hin uumamin dura dhaabuuf dursitee murteessita. Haa ta’u malee kuni hin hojjetamne” jedhe.

Qorannoon guutuu ta’e taasifamuu baatullee gabaasni dubartoota hordoffii taasisanii xiyyeeffannoo barbaachisu akka hin argannes himeera.

Hogganaa Ramaddii Gaazaa kan ture Birgaader Jeneraal Amiir Avivi ammoo, ‘kufaatiin guddaan yaada Hamaas dadhabsiifameera jedhudha. Yaadni kun ‘eeyyen leenji’aa jiru, eeyyen karoora qabu garuu hojiirra hin oolchan’ kan jedhudha” jedhe.

Humni Waraana Israa'el gaaffii BBCn dhiyeessef ilaalchisee gara fuulduraatti qorannoon akka gaggeeffamuufi "Gaaffileen akka kanaa sadarkaa olaanatti ilaalama" jedhe.

Dubartoonni Israa’el hojii hordoffii hojjetan kunneen gabaasni isaanii dhageettii dhabuusaaf sababoota garagaraa kennanillee, Abigaayil garuu deebii baay’eensaanii BBC’f kennan cimsitee dubbatti.

“Sababnisaa sirnicha keessatti nuti loltoota sadarkaa gadii waan taanefi. Kanaafis wanti nuti dubbannu akka waan guddaatti hin ilaalamu” jetti.

"Hunduu akka tiksee [nama daangaa eeguu] malee akka loltuutti kan nu ilaalu hin jiru," jetti Roona.

‘Yeroo mara na waliin jira’

Noowaan mana jireenyaa maatiishee keessa taa’uun viidiyoowwan shubbisaa wayita buufata hordoffii turtetti waahillanshee waliin ta’uun waraabanii marsaalee hawaasaarratti qoodan ilaalti. Kutaa ciisichaashee keessa qofaashee rafuu waan sodaattufis yeroo hunda soofaarra rafti.

‘Yeroo mara nawaliin jira: yaadaanis, abjuudhaanis. Namummaan koos jijjiirameera” jetti.

Ergaawwan garee Whatsapp irratti waahillanshee waliin walii barreessite keessa deemun maqaa hiriyootashee waamuunis “ajjeefamteerti” yookiin “butamteerti” jetti.

Kutaan hojiishee buufata hordofii Nahal Oz’itti ture immoo barbadaa’era. Iskiriiniiwwan isheefii waahillanshee wayita Hamaas haleellaaf qophaa’u ittiin ilaalaa turanis gubataniiru.

Loltoonni Hamaas buufata Nahal Oz weeraran buufaticha keessatti namoota heddu ajjeesaniiru.

Kunneen du’an keessaammoo dubartoonni daangaa biyya Israa’el itti dhiyeenyaan hordofaa turanfi haleellaan akkanaa mudachuu akka malu sodaachaa turan ni argamu.

**Odeessa kana gulaallii lakoofsaa taasifameera.