Mesii fi Mbappe keessaa eenyutu mirgaan gala jettu?

Mesii moo Mbappe mo'ataa?

Madda suuraa, BBC/Getty

Waancaan Addunyaa 2022 Qaataar keessummeessaa turte kan ji'a tokkoo oliif qalbii addunyaa haalaan hawwachaa ture har'a xumurama.

Galgala kana sa'aatii 12:00 ta'uu daqiiqaan 10 yeroo hafutti biyyi Laatiin Ameerikaa, Arjentiinaa fi biyyi Awurooppaa, Faransaay waliif ba'uuf jiru.

Arjentiinaan Liyooneel Mesii, Faransaay ammoo Kiliyaan Mbappe qabataniiru.

Taphattoonni kunneen lamaan kilaba Faransaay guddicha Paris St. Germain keessatti waliin taphachaa jiru.

Har'a garuu biyya isaaniitiif hiriiranii Waancaa Addunyaa 2022 harka galfachuun seenaa hojjechuuf wal falmuuf jiru.

Mesiin yoo mo'atee Arjentiinaan erga bara 1986 yeroo jalqabaatiif Arjentiinaa akka waancaa argattu taasisa. Mbappe yoo mo'ate ammoo biyya isaa Faransaay walitti aansuun Waancaa Addunyaa mo'achuun seenaa haaraa akka galmeessitu gargaara.

Dorgommiin Waancaa Addunyaa 2022 kun haala kanaan dura hin baramneen hawwataa akka ture namoonni hedduun ni dubbatu.

"Dorgommii Waancaa Addunyaa kana fakkaatu arginee hin beeknu. Hedduu wantonni hin eegamiin mul'ataniiru. Taphoonni garee biyyoota gara garaa gidduutti taasifaman kan qalbii nama rarraasan turan," jechaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Qaataar Waancaa Addunyaa 2022 qopheessiti" jedhamee yeroo labsametti lammileen biyyattii dabalatee waan hin eegne ta'uu isaatiin ajaa'ibsiifannaafi naasuun uumamee ture.

Namoonni hedduun dorgommiin Waancaa Addunyaa gara 'Barahaa' Dohaa geeffamuun isaa srrii miti jechuun gungumuurra darbanii, Qaataar kabaja mirgoota namoomaatiif giroo hin qabdu jechuun himatan.

Kana malees, sababa qilleensa ho'aa biyyattiirraa kan ka'e yeroo dorgommii Waancaa Addunyaa kan duraan barame Waxabajjiifi Adoolessa irraa gara Sadaasaafi Muddeetti akka gaggeeffamu taasifamuun isaa sirrii miti jechuun mormii dhageessisaa turaniiru.

Qaataar oduu diinaaf gurra hin kennine. Waancaa Addunyaa akkaan miidhagaa ta'e kana qopheessuudhaaf waggaaota kurnan darban ko'oommachaa turteetti. Guyyaan isaas gahee uummanni addunyaa gara Dohaatti dacha'an.

Addunyaa irratti ammoo iji miliyoonoyaa TV irratti hafe. Waancaan Addunyaa Qaataar kun mudannoowwan hedduu namoota hedduu ajaa'ibsiise kan irratti mul'ates ta'e.

Mudannoo ture keessaa tokko ammoo biyyi amma xumura Waancaaf dhiyaatte Arjentinaa irratti waan ta'e ture. Arjentiinaan amma waancaa harka galfachuuf daqiiqaa 90 qofa eegaa jirtu kun Sa'ud Arabiyaatiin mo'amte.

Sa'ud Arabiyaan Arjentiinaa warra Mesii mo'achuun addunyaa osoo ajaa'ibaa jiruu Jaappaan ammoo korommii kubbaa miilaa Awurooppaa kan ta'an Jarman lafaan dhoote. Kunis ajaa'ib jedhame.

Yoom kana qofa ree. Kooriyaan Kibbaa ammoo tulluu Awurooppaa biraa jigsite. Ispeeniin yeroo mo'attu eenyu danda'ee amanaree?

Taateewwan hin eegamiin kunneen ammoo qeeqa osoo walirraa hin citiin Qaataar irratti dhiyaatullee dagachiiseera. Ijaafi qalbiin addunyaa gara garee biyyootaafi taphattootaa, akkasumas gara kubbattiitti deebiye.

Morookoon pirezidaantii Faransaay fi US'n jajamte

Wanti biraan ajaa'iba jedhame cimina biyyi Afrikaa Morookoon agarsiifte ture.

Morookoon Waancaa Addunyaa irratti biyya Afrikaafi Arabaa yeroo jalqabaatiif xumura walakkaa qaqqabuu dandeesse ta'uun seenaa haaraa galmeessiteetti.

Torban darbe Faransaay kan amma xumura Waancaaf dabarteen adabamtee, kaleessa ammoo Kirooshiyaa waliin sadarkaaf taphattee mo'amuun afraffaan xumurtus, seenaa namuu hin eegiin ol kaawwatteetti Morookoon.

Morookoon Waancaa Addunyaa bara 2022 Qaataar kana irratti xumura waancaa osoo hin ga'iin haftus sadarkaa haaraa galmeessiteen garee biyyattiin boonaa jirti.

Gareen biyyaaleessa Morookoo Afrikaa fi biyyoota Arabaa keessaa yeroo jalqabaatiif dorgommii walakkaa xumuraa qaqqabuun seenaa hojjachuu isaaniitiif Morookoo Mohaammad 6ffaan garee biyya isaan toora tiwitaraa gubbatti galateeffatan.

Hooggantoonni biyyoota biroollee otoo hin hafiin ga'umsa gareen Morookoo argarsiisan dinqisiifatan.Pirezedantiin Faraansaay Imaanu’eel Maakiroon gareen kubbaa miilaa Morookoo dorgommii Waancaa Addunyaarratti seenaa dalaganiif galateeffatan.

‘’Michuuwwan keenya warri Morookoon sadarkaa miidhagaa kanarra qaqqabuu keessaniif baga gammaddan Kkubbaa miilaa keessatti seenaa dalagdaniittu," jedhan Maakiroon.

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden,’’ milkaa’inni gareen kun gonfate wayita ilaalamu qalbii namaa kan booji’udha,’’ jedhanii jajan.

Taphataan sarara fuulduraa Faransaay Kiliyaan Mibappee, waayila isaa kilaaba kubbaa miilaa Faransaay PSG’f taphatu Asharaaf Hakiimiin akkas jedhe:’’namni kamiyyuu kan isin hojjataniin ni boona, seena hojjatan,’’ jedheen.

Galgala falmii dhumaa

Sabaa-himaaleen hedduu xumura Waancaa Addunyaa 2022 kana falmii jara lamaan PSG-Liyooneel Mesii fi Kiliyaan Mbappee akka ta'etti gabaasaa jiru.

Kilaba PSG keessatti waahellan fi michuuwwan kubbaa waliif dabarsanii ykn waliif oogaa taphatanidha. Har'a garuu masaanota walii ta'anii dhiyaatu.

Taphataa collee umuriin isaa waggaa 23 ta'e dargaggeessi Faransaay Kiliyaan Mbappe, Waancaa Addunyaa lamaffaa isaa fudhachuuf qophaa'aa jira.

Umuriin waggaa 12 kan isa angafuufi maqaa mootii kubbaa miilaa jedhamuurra gahaa kan jiru Liyooneel Mesiin ammoo Waancaa Addunyaa isaaf kan jalqabaafi kan xumuraa ta'e harkaan ga'achuudhaaf kaka'aa jira.

Waancaa Addunyaa kanaan dura walitti aansuun kan mo'atte Biraazil qofa turte. Barri isaa ammoo bara 1958 fi 1962 ture.

Faransaay bara 2018 Kirooshiyaatiin 4-2n mo'achuun waancaa yeroo fudhateetti taphattoota goolii lakkoofsisan keessaa tokko Kiliyaan Mbappe ture.

Addunyaa kanarratti taphataan Waancaa Addunyaa si'a sadii mo'ate taphtaa Biraazil Peelee qofa ture.

Peelee dabalatee taphattoonni Waancaa Addunyaa tokkoo ol carraa mo'achuu argatan ammoo 21 ta'u.

Kiliyaan Mbappee umurii ijoollummaa isaatiin seenaa kanatti makamuuf jiraa?

Mesiin garuu umuriin isaa waan deemeeruuf kophee isaa rarraasuu/fannisuutti dhiyaateera.

Mesiin Waancaa Addunyaa malee waancaa biroo hedduu guurrateera.

Mesiin bara 2014 xumura Waancaa Addunyaatiif qaqqabee Jarmaniif kennee deebiyuun isaa ni yaadatama.

Mesiin taphni Waancaa Addunyaa har'aa kun isa dhumaa akka ta'eef dubbateera.

Mesiin tpha har'aa kana mo'atee Arjentiinaan akka waancaa argattu taasifnaan, taphataa bara kamittiyyu filatamaa akka ta'u deeggartoonni kubbaa miilaa himaa jiru.

Waancaan Addunyaa 2022 kun kanaafidha kan qalbii nama rarraasuufi haalaan eegamuufis.

Waancaan Addunyaa 2022 Qaataar kun waan tokko nama barsiiseera.

Eenyuyyu eenyu waliin haa taphatan, garee biyya kanaati mo'ata jedhanii tilmaamuun rakkisaadha.

Ta'us garuu isin tilmaamuu hin dhiisiinaa. Waancaa har'aa eenyutu mo'ataa? Mesii moo Mbappe?