Lammilee Iraan gareen biyyaalessaa isaanii mo'amuu gammachuu ibsataa turan keessaa namni tokko ajjeefame

Madda suuraa, Social Media
Gareen biyyaalessaa isaanii Waancaa Addunyaa keessaa dursee gaggeeffamuu isaatiin mormitoota mootummaa Iraan gammachuu isaanii ibsataa turan keessaa namni tokko qaama nageenyaatiin ajjeefamuun ibsame.
Kibxata galgala rogeessi uummata daddammaqsuun beekamu Mehiraan Samaak Baandaar Azaalii keessatti yeroo ‘xurumbaa’ konkolaataasaa afuufutti rasaasaan adda keessa rukkutamuun himame.
Akka viidiyoowwaniifi suuraawwan magaalota biroo keessaa argaman agarsiisanittis, namoonni hedduun daandiitti bahanii gammachuu isaanii wayita ibsatan mul’ataniiru.
Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Iraan kun mallattoo Rippabilika Islaamaati jechuun lammileen Iraan hedduun deeggarsa kennuufiifirraa of qusataniiru.
Humnoonni biyya keessaafi biyya alaa jiran gareen biyyaalessaa Iraan kun tapha ramaddii dhumaatiin Ameerikaan 1-0 akka mo’amuuf dhiibbaa taasisuu isaanii miidiyaan mootummaa gabaasaniiru.
Tapha garee Ingiliiz waliin taphatanii 6-1n mo’aman irratti ammoo taphattoonni Iraan faaruu biyyaalessaa biyyattii hin faarsine.
Kun ammoo deeggarsa mormitootaaf qaban agarsiisa jedhameera.
Tapha Welsiin 2-0 ittiin mo’ataniifi muddama siyaasaa kan qabu Ameerikaa waliin taphatan irratti garuu faaruu biyyaalessaa faarfataniiru.
Miseensonni garichaa humnoota nageenyaan dhiibbaan irra gaheeti jedhamus mormitoonni tokko tokko garuu gareen kun faaruu biyyaalessaa kana faarsuu isaatiin miira nu ganeera jedhu itti uumeera.
Iraan keessatti hokkarri kan jalqabame torbanoota kudhaniin duradha.
Shamarreen umuriin ishee wagga 22 taate Maahisaa Amiinii danbii ittiin hijaaba uffatan cabsiteetti jedhamuun harka poolisoota naamusa eegsisaniitti darbuun dheekkamsa kaaseera.
Aanga’oonni Iraan “hokkarri” kun humnoota alaatiin kan deeggaramudha jechuun ibsu.
Gareen mirga namoomaa Iraan teessoon isaa Noorway ta’e daa’imman 60 dabalatee yoo xiqqaate namoonni 448 mormii kana keessa akka ajjeefaman ibseera.
Namoonni kuma 18 ol ta’an ammo hidhamuun isaanii himameera.
Mo’amuu garee biyyaalessaa Iraan ilaalchisuun gammachuu isaa ibsachuuf xurumbaa konkolaataa isaa dhageessisaa kan ture dargaggeessi wagga 27 Mehiraan Samaak humnoota nageenyaatiin ajjeefamuu isaa Mirgi Namoomaa Iraan gabaaseera.
BBC tajaajila Afaan Pershiyaa ammoo viidiyoo sirna awwaalchaa Roobii ganama dargaggeessa ajjeefame kanaaf taasifame arguu danda’eera.












