Pireezidantiin waggoota 43 addunyaarraa riikardii qaban ammallee filannoof qophaa'an

Madda suuraa, AFP
Pireezidantii biyya Afrikaa Ikuwaatooriyaal Giinii bara dheeraa aangoorra turuun riikordii addunyaa harkaa qaban ammallee filannoof qophaa'aa jiru.
Maanguddoon ganna 80 Teodoro Obiang Nguema Mbasogo waggoota 43 darbaniif pireezidantii Ikuwaatooriyaal Giinii ta'uun tajaajilaa jiru. Addunyaa kana gubbaas pireezidantiin hanga isaanii aangoorra ture hin jiru.
Pireezidantichi morkattoota isaanii muraasa waliin filannoof qophaa'aa kan jiran ta'us, isaanumatu hiree aangoo dheereffachuu qaba jedhameera.
Pireezidantichi bara bulchiinsa isaanii sarbama mirga namoomaan, dararaafi achi buutee namaa balleessuun ni himatamu.
Biyya boba'aan badhaate kanas maatii isaanii hedduu aangoo mootummaatti galchuun bulchaa jiru jedhamu.
Ilmi isaanii amala addaa qaba jedhamu "Teodorin" Nguema Obiang Mangue, pireezidantii itti aanaa ta'uun cinaatti, US fi Awurooppaatti jireenya qananii jiraata.
Haguuggii harkaa (crystal-covered glove) gatii qaalii kan Maayikil Jaaksan tures of biraa qaba jedhu aanga'oonni UK.
Piroofeesar Anaa Luusiyaa Sa BBC'tti yoo himan filannichi waan jijjiiru hin qabu jedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yunivarsiitii Liizbanitti sirna abbaa irrummaa Afrikaa fi siyaasarratti kan qoratan Luusiyaan ''Obiyaang sagalee dhibbeentaa 95 olii irra deebiin filatama,'' jedhu.
Rogeessi Tutu Aliccante jedhamus yaada kanaan waliigala.
Yaada Rooyitarsiif kenneen: ''Dilbata namni hunduu akkuma mootummaan eegu sagalee isaa kenneefii gala, sababni isaas Ikuwaatooriyaal Giinii keessatti yaada isaa bilisaan hin ibsatu,'' jedha.
''Warri mormituu hiree hin qaban. Aangoo gadhiisuu dhiisuuf wanta gochuu qabu hunda ni godha.''
Miidiyaan biyyattii keessa jiru gariin kallattiin kan mootummaa waan ta'eef kan hafe ammoo warra mootummaa deeggaru harka waan jiruuf, siyaasni mootummaa mormu rakkoo jabaa jala jira, pireesiin walabaas hin jiru.
Pireezidant Obiyaang maqaa isaanii fuula hawaasa idila addunyaatti dhimma mirga namoomaa fi filannoo waliin dhahuun xuraa'ee sirreessuuf xaaru.
Adabbii du'aa ji'oota dura kaasuu isheetiin Ikuwaatooriyaal Giiniin UN irraa galata argatteetti.
Hiyyummaa akka meeshaa siyaasaatti
Pireezidant Obiyaang bara 1979 fonqolcha mootummaa eessuma isaanii Francisco Macias Nguema raawwateen walqabatee aangoo qabatan.
Ergasii biyya sirni duraanii ajjeechaafi godaansa hamaaf saaxile keessatti riiforomiiwwan adda addaa gaggeessaniiru.
Piroofeesar Anaa Luusiyaa Sa Obiyaang seera tapha siyaasaa to'achuu waan danda'aniif aangoorra bara kana hunda turanii jedhu. Itti dabaluunis hiyyummaa biyyattii akka miishaa siyaasaatti itti fayyadamaniiru jedhu.
''Seerri filannoos Obiyaang aangoo akka hin dhabnetti mijeeffameera'' jedhu.
Maanguddichi bara 2002'tti sagalee filattootaa dhibbeentaa 97 argachuun injifachuun isaanii labsame. Morkattootni isaanii waliin dhahameera jedhanii filannichi keessaa bahan.
Bara 2009 fi 2016'tti waanuma walfakkaatutu ta'e.
Srini isaanii malaammaltumaanis kan komatamuudha. Ilmi isaanii Pireezidantii Itti aanaan duraanii, maallaqa uummataan Awurooppaa keessa qana'ni'a jedhamee mana murtee Faransaay keessatti adabbiin irratti murameera. Qabeenyi biyyattii keessaa qabus akka hin sochoone dhorkameera.












