Dubartii sababa namni afaanshee beeku dhibeef hospitaala sammuu keessa waggoota 12 turte

Madda suuraa, PIANO PRODUCTIONS
Ameerikaatti poolisiin Kaansaas dubartii umuriin jaarte tokko waldaa Kiristaanaa keessatti arga. Dubartiin kun bibirrachaa kan jirtu qofa osoo hin taane uffata xuraa’e uffatteetti.
Dubartiin kun jechoota namni kamiyyu hin beekne muraasa dubbatte. Poolisiin afaan Ingiliziitiin ishee gaafata, isheen garuu afaan hin beekamneen deebisti.
Afaan isheen dubbattu namni beeku ykn hubatu waan dhibeef bilisummaashee waggoota 12f dabarsitee kennuuf dirqamte.
Riittaa Paatiinoo Kuwintereroo jedhamti. Dhalattuu hawaasa Raaraamuurii (Taaraahumaaraa) jedhamu Meksiikoo keessatti argamuuti.
Guyyaa poolisiin ishee qabe dubartiin kun Waldaa Kiristaanaa Metodist kan magaalaa Maanter jedhamtu Kansaas Lixaa keessatti argamtu keessa kutaa tokko keessa turte.
Gara buufata poolisii geeffamte. Boodara qondaala poolisii uffata irraa miicanii qaamallee dhiquuf ture ofirraa reebdee dhorkite jedhe dubartii kana ilaalchisuun Meksiikootti fiilmii kan hojjete Saantiyaagoo Istaayin.
Saantiyaagoon dubartii Riittaa jedhamtu kana ilaalchisuun fiilmii “Dubartii Urjiifi Tulluu” jedhu qopheessee daawwattootaaf dhiyeesseera.
“Uumama keessa jiraachuu”
Daarektarri fiilmii kanaa waraabbii kan jalqabe bara 2016 ta’us, pirojektiin kun kan xumurame bara 2022 ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Ani hin dhukkubsanne. Uumama keessa waanan jiraadhuuf miira baayyee gaarii ta’etu natti dhaga’ama,” jechuun yeroo dubbattu ni mul’atti.
Riittaan kana kan dubbatte bakka dhalootasheefi dhalattoonni Raaraamurii jiraatan kutaa bulchiinsaa Kaaba Meksiikootti argamtu Chiwaawaarraa yoo ta’u, kan dubbattu ammoo afaan dhalootaashee (afaan abbaashee) kan ta’e afaan Raaraamuriitiinidha.
Raaraamurii jechuun “fiigdota ifaa” akka jechuuti. “Raaraa” jechuun miilla jechuu yoo ta’u, “Murii” jechuun ammo ifa akka jechuuti.
Warra Raaraamuriitiif fiigichi faayidaawwan hawaasummaafi aadaa qaba. Dubartiin kun naannoo gaarreen Taaraahumaaraa bakka Seeraa jedhamu jiraatti ture. Teessuma lafaa walxaxaa ta’e waan qabuuf lageen qaxxaamuruufi gaarreen ba’uun akkuma hawaasichaa dirqama jireenyaa dubartii kanaa ture.
Kansaas keessatti wanti Riittaa mudate garuu aadaafi haala qilleensaa faallaa biyyasheetii ta’e ture.
Kun ammoo waggoota 12 wiirtuu wallaansa dhibee sammuu Ameerikaa keessatti akka hidhamtee turtu ishee taasiseera.

Madda suuraa, PIANO PRODUCTIONS
Afaaniin waliigaluu dhabuu
Riittaan afaan Raaraamurii bareechitee dubbatti.
Mana-murtiifi hospitaala Kaansaas keessatti garuu nama afaan isheef hiiku argachuu hin dandeenye. Riittaan maaltu ta'aa akka tureefi maaliif akka hidhamtellee hin beektu.
Ogeessi ishee hubachuu danda'a jedhamellee afaanshee hubachuu hin dandeenye ture.
"Yeroo mana-murtii geeffamtetti abbaab seeraa sammuun ishee sirrii akka hin taaneefi ofiisheefillee balaa ofirratti fiduu dandeessi jechuun ibsuu isaatiin gara hospitaala wallaansa sammuu haa geeffamtu" jedheera jechuun Saantiyaagoon BBC Mundoof ibseera.
Jireenyishee isaan booda qofummaa, wallaansa fayyaafi biirookiraasii dhaabileen keessa darbuu ture.

Madda suuraa, PIANO PRODUCTIONS
Riittaan eenyu?
Riittaan beekumsa sheekkoo (durdurii)fi dhimmoota icciitii ta'een beekamti.
Tiksituu hoolotaa, deessiftuu, ogeettii biqiltootaa, ogummaa hojii harkaafi uffata miicuun beekamtis.
Fiilmiin Santiyaagoo Riittaan waan baayyee akka hojjette firootasheefi ollootashee gaafatee dhiyeesseera.
Riittaan bara 1930 akka dhalatte amanama. Qe'een itti dhalatte ammoo ganda Pidiraas Verges taate Chiwaawaa turte.
Boodarra garuu bulchiinsa Hurriikaa jalatti argamtu Serokaahuyitti dhiyoo jiraachaa turte.
Akka daarektarri fiilmichaa jedhetti, abbaa warraafi ilmoo dhiiraa qabdi ture.
Hoolota baayyee qabdi waan tureef, sadarkaa hawaasa sanaatti "soorettii" kan jedhamtu turte.
Guyyaa tokko garuu wanti hundi ni jijjiirame. Waan Riittaan "sodaattuufi hin barbaadnetu" ta'e.
Hoolonnishee jalaa saamaman. Olloonnishee ammoo abbaa warraashee ajjeefteetti jechuun hamachuu jalqaban. Kun dhuguma ta'uu garuu hanga har'aatti wanti mirkanaa'eeru hin jiru.
Ollaa Riittaa kan tureefi fiilmicharratti kan hirmaate Piroosooppiyoo Maansiinaas, "akki itti ilaalamaa ture hamaa ture. Abbaa warraashee waliin wal loltee reebdee akka ajjeeftetti dubbatama."
"Riittaan abbaa warraashee Paatiinoo Jerooniimoo Reenteriiyaas hin ajjeefne. Riittaan hoollotaafi re'ootashee garuu saamamteetti. Uffatashee osoo hin hafiin saamamte," jechuun dhugaa ba'aaf ollaanshee namni ture kun.
Akka qorannoo Saantiyaagootti taanaan, abbaan warraashee Chiwaawaa keessatti du'uusaa ilaalchisee ragaan galmaa'eeru hin argamne.
Dubartiin kun "humna [asmaatii]" ta'e tokko akka qabdutti ilaalamaa turte.
Dhugaan ture garuu Riittaan miidhama qaamaa hanga tokko qabdi jedha Saantiyaagoon.
Riittaan rakkoo dubbachuu kan qabdu yoo ta'u, ilmashee waliin jooruu jalqaban. Hawaasichi ammoo ija sodaan ishee ilaaluu jalqabe. Eessattiyyu simannaan gaarii akka hin taasifamneef dubbatu olloonnishee.
"Namoonni tokko tokko ishee simachuu hin barbaadne; karrasaaniis itti cufatan. Ishee ajjeesuuf akka barbaadanillee ni ibsu ture. Isheefi ilmishee garuu beela'anii nyaata barbaacha manaa manarra jooru ture," jedha Maansinaas.
"Sababa waan ishee mudateefi waa'eeshee odeeffameen aanga'oonni ilmashee jalaa fudhatan" jedha namni fiilmii hojjetu kun.
Maaliif Meksiikoo gadhiistee akka baateefi gara Kaansaas akkamiin akka qaqqabde hanga ammaa hibboo ta'ee hafuu Saantiyaadoon himeera.

Madda suuraa, PIANO PRODUCTIONS
Bilisummaa
Manni-murtichaa jalqaba dubartiin kun hospitaala wallaansa sammuu ji'oota sadiif akka turte murteesse.
Murteen kun yaada ji'oota sadiin booda haalli fayyaa sammuushee ni gamagamama jedhuun ture.
Abokaatoon isheef ramadames mana-murtiitti waliin hin dhaabanne.
Sababa namni afaan hiiku dhabameefis namni ishee waliin waliigale dhabame.
Ogeessonni fayyaas waa'ee dubartii kanaa ragaan omaa akka hin qabne ibsuudhaan, miseensa maatiishee kamillee argachuun rakkisaa akka ture ibsan.
Ji'oonni darbanii, baroonni lakkaa'aman.
Riittaan dubbachuu hin dandeenye.
Sababa rakkoo afaaniitiin qorannoon qabatamaa osoo hin taasifamiiniif qoricha fudhachaa turte.
"Loogiifi dhiibbaa baayyee argeera. Dhimma Riittaa keessa qaamoleen baayyeen turaniiru. Isheen Ingiliffa kan hin dubbanne, iyyeettiifi baqattuu kan taate, tarii ammoo miidhama qaamaa kan qabdu taati," jedha Saantiyaagoon.
Dhaabbanni mirga qaama miidhamtootaaf falmu bara 1994 dhimma namoota wallaansaaf waggoota shanii ol hospitaala keessa turan gamagamuu murteesse.
Dhaabbatichi abokaatoo Tooriyaa Mirooz jedhamu Riittaaf akka dhaabbatu godhe.
"Wantota jalqaba raawwate keessaa tokko galmee fayyaashee ilaaluu ture.
"Odeeffannoon akka Chiwaawaa irraa dhufteefi dhalattuu Taarahumaaraa ta'uushee mul'isu ture," jechuun dubbata Mirooz.
"Waggaan kudhan darbeellee achuma jirti. 'Yeroo hunda eessaa akka dhufteefi afaan isheen dubbattu hin beeknu' jedhu ture," jechuun ibsa namni abokaatummaa dhaabbateef kun.
Dhaabbann mirgoota qaama miidhamtootaaf falmu kun hospitaalichaafi hojjetootasaa 30 himate. Miidhaa qaqqabeefis dolaara miliyoona 10 gaafate.
Riittaan mana-murtiitti dhiyaattee ragaa ba'uudhaaf waan hin dandeenyeef adeemsi seerichaa mataan isaayyu daanqaa hedduu qaba ture.
Yeroo sanatti Raaraamuurii (Taaraahumaaraa) dandeettii hubachuu qaba kan ture hakiima sammuu tokko qofa ture jedha Saantiyaagoon.
Riittaan hospitaalaa baatee bara 1995 Meksiikoo geesse. Dhimmi manamurtichaa garuu hanga bara 2001tti itti fufe. Dhumarrattis mariitiin fala argate.
Riittaan beenyaa dolaara kuma 90tu kaffalameef. Isa keessaa ammoo dhaabbata miti-mootummaa isheef dhaabbateef dolaara kuma 32 fi 641 kennameeraaf.
Maallaqani hafe Riittaa biyyasheetti akka ittiin gargaaramtuuf kenname.












