Yaalaaf alatti kan geeffame Zarihuun Wadaajoo haala yaaddessaa keessa jira jedhan maatiin

Artiist Zarihuun Wadaajoo waggootee dheeraaf geerarsaa fir sirba qabsoo sirbuun beekama

Madda suuraa, HIRIYA PICTURES

Ibsa waa'ee suuraa, Artiist Zarihuun Wadaajoo waggoota dheeraaf geerarsaa fi sirba qabsoo sirbuun beekama

Geerarsaafi walleewwan qabsoo sirbuun kan beekamu Artist Zarihuun Wadaajoo dhukkubiin isaa itti hammaatuu maatiin BBC'tti himan.

Weellisaan waggoota 45 olif weellisaa ture kuni dhukkubbiin erga itti jabaate booda baatii tokko dura yaalaaf gara Hindii geeffameera.

Jaalattonniifi dinqisifattoonni isaaf akka dafee fayyu hawwii isaanii ibsaafi jiru.

Haati warraa isaanii Zarihuun waliin garas kan imalan Aadde Olaantuu Gammachuu haala fayyaa isaa yaaddoo isaanii ibsaniiru.

Dhibeen isaa ijoo sireerratti isa ciibe dhibee kalee ta'u kana dura maatiin ibsaniiru.

Isuma wal'aannachuuf ture ara Indiyaa hospitaala Supparmaaksi jedhamu kan geeffame.

Erga Indiyaa qaqqabanii booda garuu ogeeyyiin fayyaa waa tokko maatiitti himan - wal’aansa kalee dura Artisti Zarihuun milli isaa lamaan yaalamuu akka barbaachisu.

Sana booda miila isaa lamaaniif wal’aansi baqaqsanii yaaluu godhamuuf haati warraa BBC'tti himaniiru.

''Ergasii ni dhukkubsate, nutti dubbachullee hin dandeenye,'' jedhan Aadde Olaantuun, dhukkubbiin isaa ittuu cimuu wayita himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Olaantuun amma ''Zarihuun of wallaalee haala sodaachisaa keessa jira, dubbachuu hin danda’u, ogeeyyiin garuu yaalii gochaafi jiru'' jedhan.

''Ogeeyyiin dhukkuba isa mudate yaaluuf waan danda’an gochaa turan, Yoo waaqa biraa dhufe inuma fayya,'' jechuun amantaa qaban ibsan.

Wal’aansa isaaf walumaagalatti birri miliyoona 2 kan deeggare abbaa qabeenyaa bishaan saamsame gurguramu ‘Gold’ ta'u maatiin himu.

Ammallee ogeeyyin wal’aansaaf maallaqa dabalataa Doolaara Ameerikaa 14,000 akka barbaachisu itti himamuu Aadde Olaantuun BBCtti himaniiru.

Namoonni biroos deeggarsa maallaqa wal’aansaaf barbaachisu kana dabalataan akka gargaaran gaafatan.

Zarihuun fayyaasaa duritti akka deebi’u ''hawaasni Oromoo kadhannasaaniitiin na cina haa dhaabbatan.''

Zarihuun waggoota muraasa darban rakkoo fayyaa isa mudateen bakka adda addaatti yaalamaa kan ture ta'us rakkoon fayyaa walirratti daddabalamaa adeemuu maatiin ni himu.

Waggaa tokko dura yeroo dhukkubsatee ture rakkoon isaa dhibee sombaa fi qaama keessa akka ture itti himamee Adaamaatti yaalamaa turuu kan yaadatan Aadde Olaantuun, kaleen isaa lameen hojii dhaabuun cinaatti rakkoo onneen jiraachuus dubbatan.

Intalli Artist Zarihuun Wadaajoo shamarreen umrii ganna 23 yunivarsiitii barattu jirtu ''abbaan koo naaf hin fayya taanaan kalee koo nan gumaachaaf'' jechuu maatiin ibseera.

Garuu adeemsa kana irratti qorannoon dabalataa godhame akka hin jirre dubbatan.

Ogeeyyiin fayyaa aartisticha hordofan dursanii biyya alaa imalee waldhaansa malu akka argatu kana dura gorsanii turuun ni yaadatama.