Dhibeen nama qurceessu (leprosy) maaliif dhala namaarraa fagaachuu dide?

Saayintistootni waa'ee dhukkuba qurcii (Leprosy) erga qorachuu eegalanii barrisaa tureera. Gara waggaa 3,500ti. Garuu ammallee waa'ee dhukkubichaa wantoota bu'uuraa qixa sirrii ta'een hin hubatin jiru.

Dhibeen gogaa namaa akkaan hubu kun jalqaba bineensa armadillo jedhamtuun dhufuu akka hin oolle himama.

Armadillon kun bineensa bosonaa baattoo baakteeriyaa dhibee qurcii, Mycobacterium leprae jedhamuuti.

Dhibeen qurcii dhaloota kiristoos dura 1400tti eegale, hanga guyyaa har'aatti waa'een dhibee kanaa hundaaf iccitiidha.

Biyya kam keessatti akka heddummaatu, akkamiin akka tatamsa'u, eenyu akka qabamee jiru beekuun saayinstootaaf qorumsa guddaadha.

Bineensi ilbiisota soorachuun jiraattu armadillo jalqaba biyya Ameerikaa Kibbaa keessa turte, amma giddu galaa fi Kibba Ameerikaa keessa guutte.

Indiyaa fi Indoneezhiyaa faana taatee dhibee qurcii waggaa waggaan addunyaa mudatu 200,000 gara caalu kan qooddattu Biraaziil keessatti armadillo foon isheef adamsu.

Armadillowwan adamsamanii ajjeefaman keessaa dhibbeentaa 62 kan ta'an vaayirasii dhibee qurcii fiduun faalamoodha jedha qorannoon dhimma kanarratti gaggeeffame.

Biyya waggaatti namoonni hanga 250 ta'an qabaman- US keessatti bineensa adamsamtu kana keessaa dhibbeentaa 20 kan ta'an baakteeriyaa kana baatu.

Bulchiinsa Filooriidaa keessatti lakkoofsi namoota qabamanii dabaluusaaf bineentii kanatu komatamti.

Garuu akkuma waa'een qurcii iccitii ta'e, bineentiin kun baakteeriyaa kana hagam, akkamiin dabarsiti kan jedhus ifa moti.

Qurciin maaf iccitii ta'e? Furmaata maaliif dhabe?

Kubbaaniyyaa qorichaa Novartis jedhamutti hoogganaa kan ta'e saayintistiin oomisha qorichaa Gangadhar Sunkara, ''dhibeen qurcii walxaxaa fi hanga yoonaa hibboo ta'ee kan jirudha,'' jedhe.

Yeroo ammaa addunyaarratti waggaa waggaan ammoo namoota 200,000 ta'antu qabamu jedha ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO).

Kanneen waggaan qabaman keessaa yoo xiqqaate 15,000 kan ta'an daa'immani.

Waggoota kurna afran darban addunyaan dhibee qurcii to'achuuf guddoo ifaajjeetti.

Erga Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) bara 1982 yaalii dhibee qurcii isa hammaataaf (Multibacillary) qorichoota adda addaa ifoomsee as dhibee kana to'achuuf yaaliin garaagaraa taasifamaa jira.

Qorichi WHO labse kun qoricha liqimsamu gosa sadi yoo ta'u lameen ji'atti yeroo tokko, tokko ammoo guyyaa guyyaan kan fudhatamuudha.

Dawaan kun tatamsa'ina dhibee kanaa hir'iseera, namoonni isaan qabaman gara fayyuutti akka siqan taasiseera, akkasumas namoonni qabaman qaama hir'achuuf akka hin saaxilamne gargaareera.

Garuu dhibee haaraan qabamuurraa nama hin baraarre jedhe WHOtti dursaan garee Sagantaa Ittisa Dhibee Qurcii addunyaa Venkata Pemmaraju.

Dhibeen bara durii kun akka itti fufu kan godhe maali?

Akka Sunkaran jedhutti kanaaf sababoota hedduutu eeramu. Inni jalqabaa dhibeen kun dafee of hin mul'isu.

Namni tokko dhibeen kun isa qabee waggaa lamaa hanga 20 gidduutti irratti barama.

Baakteeriyaan dhibee qurcii nama seenee hanga baramutti giddu galaan yeroo waggaa shanii fudhata.

Yeroo tokko tokko baakteeriyaan erga nama seenee waggaa 20 boodallee dhibeen kun qaama namaarratti baramuu dhiisuu mala.

Baakteeriyaan dhibee qurcii fidu kun yeroo dheeraaf of dhoksee qaama namaa keessa turuun ammoo isa dhibameef qofa osoo hin taane, nama naannoo jiruufis rakkoodha.

Wayita baakteeriyaan hin mul'atin turu kana keessatti namni qabame namoota biroo dhiheenyasaa jiran, keessattuu miseensota maatii hedduu faaluu danda'a.

Dhibeen qurcii sadarkaa hammaataa- Multibacillary jedhamurra geenyaan yaaluuf hanga waggaa lamaa fudhachuu danda'a. Qorichoota farra baakteeriyaa hedduudhaanillee dafee yaalamuu dhiisuu mala.

Qormaati kan biraan ammoo qoricha farra baakteeriyaa- Antibiotic dapsone jedhamuun walbaraa dhufaa dhibee qurciiti.

Antibiotic dapsone kan jedhamu qoricha jalqabaa dhibee qurcii wallaanuuf bara 1940oota keessa oomishameedha. Isa dura dhibeen kun hin wallaanamu ture.

Bara 1960oota keessa garuu dawaan kun dadhabaa dhufe.

Har'a dawaan gosa adda addaa jira, garuu dhibechi nama yaaddessuun hin hafne.

Gama kaaniin dhibeen qurcii osoo yeroodhaan baramee yaalamee carraan dhabamsiifamuusaa olaanaadha jedhu saayintistoonni.

Garuu akka carraa ta'ee dhibee dafee baramu miti. Saayintistoonni mala ittiin dhibeen qurcii nama qabuu yeroon baran qabatanii as ba'aniiru, garuu akkaan qaalii waan ta'eef namoota muraasatu carraa aragta.

Malli kun tishuu qaama irraa fuuchuun laaboraatooriitti qorachuun tajaajilli kan itti kennamu- biopsy fudhachuun kan wal'aansa kennuudha.

''Kanarraa ka'uun namoonni hedduun erga gogaa fi qaamni isaanii miidhamee booda qurcii qabaachuunsaanii baramee wal'aansaaf deemu,'' jedha Sunkaran.

Karaa biraan ittiin daddarbu...

Dhimmi yaaddessaa ta'e hanga har'aatti dhibeen kun akkamiin akka babal'atu saayinstoonni hubannoo dhabuusaaniiti.

Maaliin akka daddarbu, eenyu dhibecha akka qabu baruuf ifaajee barootaa gaafata.

Saayintistoonni dhiheenya yaadi irratti walta'an tokko, dhangala'aa namni dhibee kana qabu wayita qufa'uu fi haxxiffatu qilleensatti facaasuun daddarbuusaati.

Tuttuqqaa gogaatiin daddarba yaadi jedhus jira.

Kana malees dhiheenya kana saayintistoonni akka adda baasanitti, bineensi red squirrels jedhamtu kan UK keessatti argamu baatoo dhibee kanaa ta'uuda.

Qorannoon UK, Baangilaadash fi Indiyaa keessatti qoratame ammoo baakteeriyaan dhibee qurcii fidu biyyee keessatti argamuu mirkaneesse.

Qurcoonni haga yoomii qoollifatamu?

Dhibee dhala namaa akkaan qoruu fi bara dhufaa darbaa nama biraa hin hafin jiru kana qolachuuf hawaasi idil-addunyaa tattaaffiin taasisaa jiru baayyotatti abdii horeera.

Rakkoon hanga yoonaa hin furamin jiru tokko ammoo dhukkubsattoota qoolifachuu fi moggaatti baasuudha.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti qondaalli jaarmiyaa duula farra qoollifannaa namoota dhibee qurcii qabanii Aliis Kiruuz ''dhibeen qurcii dhimma dhiittaa dhala namaa waliin walqabachuun ammallee hin hafne,'' jette.

Addunyaarratti seerri dhukkubsattoota qurcii qoollifatuu fi mirgasaanii sarbu dhibbaa oltu jiru jetti oqndaalli UN kun.

Kanarraa kan ka'e yaala argachuuf carraa dhabaniiru jette.

Biyyoota garii keessatti dhibeen qurcii walhiikuu maatiif sababa ijoo ta'eera.

Indiyaa keessatti hanga seeronni adda addaa mirga namoota dhukkuba qurcii qaban ilaallatu bara 2019 fooyya'anitti dhimmi kun rakkoo guddaa ture.

Namoonni dhibee kanaan miidhaman hedduun hanga yeroo ammaatti hojii argachuuf guddoo qoramaa jiru, tajaajila fayyaa argachuu fi barachuuf baayyee rakkataa jiru jetti Aliis Kiriiz.

''Biyyoonni martinuu seerota namoota kunneen qoollifatu haquu qabu. Bakkasaa seerota mirga hirmaannaa diinagdee fi hawaasummaa isaanii mirkaneessan baasuu qabu,'' jette.

''Sirni kenniinsa tajaajila fayyaa keenya namoota qurciidhaan miidhaman ni hirmaachisaa? Carraa ni kennaafii? gaaffilee kunneen of gaafachuu qabna. Sababni isaa qurciin dhibeedhaan oil, Namummaa namaa kan namarraa haqaa jiruudha,'' jette Aliis.