Dhukkuba lubbuu namaa balaarra buusu yaaluuf bobbaan namaa akkamiitti fayyadaa jira?

bobbaa namaa qorannoof oolu
Ibsa waa'ee suuraa, Namoota bobbaa arjooman qorannoo dhiigaa fi bobbaa dabalatee qorannoo hedduu godhan. Kunis paraasitii adda baasuuf taasifama.

Hojjettoonni dhaabbata tokkoo yeroo hunda arjooma bobbaa namaa namootan wal'aanuuf argatu.

Wal'aansi hin baratamne kun jireenya namoota infekshinii lubbuu namaa galaafachuu danda'uun rakkatan jijjiiruu danda'a.

Bobbaan kun Kiloostiriidiyeem difiisiilii (C. difficile, baakteeriyaa garaacha keessatti argamu kan garaa kaasaa lubbuu namaa galaafachuu danda’u yaaluu irratti fayyadamuu danda’ama.

Dr Jeems Maakiilroo erga qorattoonni bobbaa namoonni fayyaan arjooman garaacha namoota dhukkuba kanaan qabaniitti dabarsuudhaan C. difficile yaaluun milkaa'ina argataniin booda dhaabbata EnteroBiotix jedhamu hundeesse.

Kaayyoon adeemsa kanaa baakteeriyaan bobbaa arjoomtootaa keessa jiru C.difficle mo’ee garaacha fooyya’aa fi fayyaa qabu akka uumudha.

"Dhukkubsattoota garmalee dhukkubsatan keessaa dhibbeentaa 90 ol karaa bobbaa jijjiiruu kanaan infekshinii isaanii irraa fayyaniiru," jechuun ibsu Dr Maakiilroo.

‘Waan hin taane keessa baafna’

Saamudni bobbaa digrii seentigireedii -80 keessatti kuufama

Madda suuraa, MTC/UNIVERSITY OF BIRMINGHAM

Ibsa waa'ee suuraa, Saamudni bobbaa digrii seentigireedii -80 keessatti kuufama

Yeroo bobbaan dhufu hogganaan oomishaa Niik Roobinsan fi gareen isaa kallattiin hojiitti seenu.

''Baakteeriyaan [bobbaa keessatti argamu] haala qulqulluu ta'een akka turuuf hunduu sa'aatii jaha keessatti hojjetama.”

Sagaraan sun gara suspension sirritti makamee filtara keessaa dhiibama.

Bobbaan sun gara dhangala'aatti sirritti daakamee kana booda dhimbiibama.

“Waan gurguddaa hin barbaaddu,” jedha Niik. “Boqqolloo keessa baasna!”

Bobbaan qophaa’e kun diilalleeffamee ogeeyyii fayyaatti ergama. Isaanis karaa mar’umaanii dabalatee adeemsa adda addaatin namootaf kennu.

'Barumsi barbaachisaadha'.

Riik Daalaweey dhukkubsataa Ingiliziiti bobbaa jijjiirrate

Madda suuraa, RICK DALLAWAY/GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Riik Daalaweey dhukkubsataa Ingiliziiti bobbaa jijjiirrate
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ogeeyyin fayyaa gariin ammallee wal’aansa kana amananii hin fudhanne.

“Kun qoricha ogeyyin fayyaa guyyaa guyyaan kennan irraa baay’ee adda,” jedhu Dr Maakiilroo

"Ogeeyyii kilinikaa, ogeeyyii saayinsii fi tarii dhukkubsattootaa fi ummata keessattis barnootatti barbachiisa."

Baay'een keenya bobbaa jijjiirrachuu yaaduu kan nutti dhaga'amu ta'us, Dr Maakiilroo namoonni rakkatan shakkii akkasii akka hin qabne dubbata.

"Dhukkubsattoonni dhukkuboota kanaan qabaman yaala kana argachuuf gammadu, sababiin isaas wanti isaan baay'ee fedha fayyaa argachuu," jedha.

"Yaadni bobbaa jijjiirrachuu dhuguma ajaa'iba," jedha Riik Daalaweey namichi ganna 50 kan mallattoo dhukkuba kalee sclerosing cholangitis jedhamu yaaluuf Yunivarsiitii Barmiingihaamitti ji'a lamaaf torban torbaniin bobbaa jijjiirrachaa ture.

"Bobbaa qofa miti" jedhee kolfa yeroo adeemsa bobbaa jijjiirrachuu kana ibsu. "Waan hojjetameedha kan mana yaalaa keessatti adeemsa keessa darbe.”

Yeroo ammaa kana dhukkuba inni qabuuf kalee dhukkubsataa jijjiiruu malee qorichi hin jiru.

Dhibeen kun UK keessatti namoota 100,000 keessaa namoota jaha hanga torbaa kan miidhu yoo ta'u, umrii waggaa 17 hanga 20 hir'isa.

Daalaweey waggaa saddeet dura yeroo umuriin isaa waggaa 42 ture dhukkuba kanaan qabame.

"Baay'een na'e, waa'ee egeree baay'een yaaddaa ture," jedha

Bobbaan mili giraama 50 yeroo ammaa naannoo doolaara Ameerikaa 1,700 kan baasu yoo ta'u, kun baasii antibaayootikii fi wal'aansa hospitaalaa irraa gadi ta'uu ogeeyyiin himaniiru.

Buufanni fayyaa tokko tokko kiniinii afaaniin fudhatamu kan baakteeriyaa fayya qabeessa bobbaa namaa keessatti argamu irraa hojjetame dhiyeessu.

Dhimma Bobbaa

Bobbaan kun muramee, dhimbiibamee limmootti harkifama

Madda suuraa, MTC/UNIVERSITY OF BIRMINGHAM

Ibsa waa'ee suuraa, Bobbaan kun muramee, dhimbiibamee limmootti harkifama

Namoonni kalee, tiruu ykn onnee haaraa barbaadan yeroo baayyee arjooma mijaawaa argachuuf ji'oota ykn waggootallee eeguu danda'u.

Qaamolee baay’ee barbaadaman kana irraa adda ta’ee, bobbaan namaa salphaatti argama. Garuu bobbaa nama biraa fudhachuu yaaduun namoota garii rifachiisuu danda'a.

Namoota hedduu biratti kan barame ta'uu baatus, Daalaweey saayinsii ni amana. Haati warraa fi hiriyyoonnisaa carraaqqii isaa kana deeggaraa turan.

""Salphinni hin jiru." jedha Daalaweey. "Carraan inni hojjechuu danda'uu yoo jiraate maaliif hin yaalle?