Iraan yeroo bufataaleen ishee Iraaqiifi Sooriyaa keessaa USn haleelamanitti maal yaadaa jirti?

Iraan irra daddeebiin Ameerikaa waliin waraanatti galuu akka hin feene ibsiteetti, garuu haleellaa lafa ishee irratti ykn bakkeewwan fedhiishee Baha Giddu Galeessa keessa jiran irratti taasifamu kaamifuu deebii cimaa akka kennitu ibsiteetti.

Jimaata Pirezdaanti Ibraahim Raayisi, “Nuti waraana hin eegallu. Garuu yoo biyyi tokko nu qoccoluu ykn cunqursaan ykn nu cunqursuu barbaade, deebiin keenya cimaa ta’a,” jechuun hogganaa Iraan biraa erga kana deebise cimse ta’eera.

Pirezdaant Raayisi kana kan dubbatan erga oduun US qiyeeffannoo Iraan kan Iraaqifi Siiriyaa jiran irratti haleellaa walitti fufaa raawwachuuf karoorsa jirti jedhu dhaga’amee boodadha.

Kun deebii US haleellaa diroonii Dilbata darbe wiirtuu waraanaa ishee Tower 22 jedhamuufi Jordaan keessa jiru irratti raawwatameef kennitudha.

Haleellaa kanaan loltoonni US sadii ajjeefamanii, 30 ol ammoo madaa’aniiru.

Erga Onkololeessa 7 irratti waraanni Isra’eelfi Gaazaa eegale as loltoonni US yeroo biyya ormaatti haleellaa diinaan ajjeefaman kun kun jalqabaati.

Pirezdaantiin US Joo Baayden haleellaa kana duuba kan jiran hidhatoota Iraaniin deeggaramaniidha yoo jedhan, Kamisa ammo Ministeerri Ittisaa, Looyid Oostin, dorooniin haleellaa kanaaf fayyadamame maddisaa Iraanidha jedheera.

Dabalataanis hidhattoonni Iraaniin deeggaramanii naannicha keessa jiran erga Onkololeessa 7 as yeroo 160 ta’uuf humnootaa fi wiirtuu US irratti haleellaa raawwataniiru jechuun, haleellawwan kunneen harka caalaan isaanii midhaa hin qaqqabsiisne jedhaniiru.

Iraan irra daddeebiin haleellaa kana hin karaa qama biraan dursuushee haaluun, hidhattoonni kun ajaja isaanii Teehiraan (Iraan) irraa hin fudhatani jetteetti.

US halleellaa loltoota ishee ajjeesef deebii kennuuf akkamiin akka karoorfatte guutummatti ifa miti. Ministeerri Ittisaa Oostin, haleellaa US qiyyeeffannoowwan Iraan kan Iraaqifi Siiriyaa keessa jiran irratti taasiftu sadarkaa adda addaa akka qabuufi guyyootii hedduuf akka turuu danda’u ibseera.

Anga’oonni US haleellaa kanaaf waqxii foyyaa’aa eegaa akka jiran himama, kunis haleellaa kana yeroo samiin dummeessa hin qabnetti gaggeessuun yaaddoo lammilee nagaa rukutuu hir’isuu yaadameeti jedhameera.

Xiyyeeffannoon isaanii inni ijoo garuu wanta lola naannichaa babal’isuu danda’u raawwachuu dhiisuudha.

Mootummaan US kallattiin akka biyyuma Iraan irratti xiyyeefatuuf Rippaablikaanota irraa dhibbaan irra ga’aa jira. Rippaaplikaanotni deebiin cimaa kallattiin Iraaniif kennamu haleellaawwan gara fulduraatti fedhii US irratti gaggeeffamu danda’an hambisu jedhu.

Bulchiinsi Baayden garuu dachee Iraan irratti haleellaa gaggeessuu dhiisuuf murteesseera, kun ammoo US wantoonni to’annoo ala akka ba’an akka feenee erga Iraaniif kennitudha.

Iraan haleellaa US karoorsiteef akkamiin akka qophaa’aa jirtu ifa miti, garuu angaa’ota waraanaashee ijoo naannicha jiran hedduu gara biyyatti waamtetti gabaasotni jedhan ba’aa jiru.

Kanaan dura US fi Iraan lakkoofsa lammilee nagaa ajjeefamanii hir’isuuf haleella gaggeessan dursanii walitti himaa turaniiru.

Hogganaan gartuu Humna waraanaa cimaa Iraan Egdoonni Warraaqsaa jedhamu, Husseen Salamii garuu “dirree waraanaa irratti nu qoratanniittu nutis isin qoranneerra. Dorsiisa kamiifu deebii kennu hin dhiisnu… nuti waraanaa barbaadaa hin jiru garuu waraanaa hin sodannus irraas hin baqannu,” jechuun dhiyeenya Ameerikaa akeekkachiiseera.

Iraan hokkora jiru karaa biraan qabbaneessuuf waan yaala jirtu fakkaatti. Hoogganaan Humnoota Quds, kan qaama Revolutionary Guard Iraan ta’e, dhiyeenya Baagdaad daawwatee ture.

Jeneraal Ismaayil Qaani hidhatoonni achi jiran haleella humnoota US irratti haleellaa gaggeessan akka dhaabaniif gaafateera, gartuun hidhatootaa inni ijoo tokkos walii galeera.

Kataayib Hezboollaa, kan haleellaa buufata US irratti Dilbata gaggeeffame duuba jiraachuun shakamu, gaaffii Iraanii haleellaa humnoota US irratti gaggeessu dhaabuu isaa himeera.

Gartuuleen biroo garuu kayyoo humnoota US naannichaa ariyuuf qaban milkeessuuf haleellaa isaanii akka itti fufan ibsaniiru.

Ibsi isaan kennaan kun Iraan gartulee kanaaf maallaqaafi meeshaalee waraanaa kennuun alatti guutummaatti akka hin to’anneen agarsisa.

Kun hundi herrega ykn karoora US kan geeddareeru hin fakkaatu.

“Nuti yeroo hunda wanta ummatni jedhan ni dhaggeeffanna, wanta isaan hojjetaniis ni ilaalla,” jedha Ministeerri Ittisaa Oostin.

Iraan waraana bal’aa naannichatti uumamu danda’utti harkifamuurra of hambisuuf waan feetu fakkaata, garuu akkata wantoonni itti uumamuu danda’an irratti hunda’uun waranaa hammataa uumamu keessa hafuun cimaa ta’uu danda’a.

Deebiin Iraan dhumarratti kan murteeffamu hogganaashee cimaa Ayatolaa Alii Kameneetiindha. Ayatolaan humna Revolutionary Guard fayyadamuun qajeelfamoota Iraan Baha Giddu Galeessa keessatti qabdu uumuun hooggana.

Hanga ammaatti dhimma kana irratti hin dubbanne. Iraan humnaan Ameerikaa akka hin gitne beeka. Garuu humtootni isaa Eegdoonni Warraaqsaa (Revolutionary Guards) naannicha keessatti rakkoo guddaa uumuu akka danda’anis beeka.