Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Uhuruun yeroo jalqabaaf Ruutoodhaan baga gammaddan jedhan
Pirezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa pirezidantii haaraa biyyattii filataman Wiiliyaam Ruutootiif gammachuu isaanii ibsan.
Dubbiin baga gammaddee jedhan kuni erga biyyattiin filannoo gageessite yeroo jalqabaaf ta’uu isaati.
Biyyattiin baatii tokko dura filannoo gaggeessiteen ture Wiiliyaam Ruutoon pirezidantii ta’un kan filatamani.
Uhuruun itti-aanaa isaanii Wiiliyaam Ruutoo dhiisuun morkataa isaanii duraanii Raayilaa Odingaan akka injifatan deeggaraa turan.
Odingaan bu’aa filannoo mormuun dhimmicha mana murtii geessaniiru. Manni murtiis waliin dhahuun hin raawwanne jechuun murteesse.
Murtee mana murti booda Uhuruun ergaa dabarsaniin maqaa Wiiliyaam Ruutoo hin kaasne, mo'achuusaattis gammaduu hin ibsinee ture.
Erga aangawoonni lamaan waldhabanii bubbuleera.
Uhuuruun erga filannoo marroo lammataaf waggaa shan dura pireezidantii ta'anii filatamanii booda itti aanaa isaanii amma pireezidantii ta'an Wiiliyaam Ruutoo wajjin waldhabanii turan.
Uhuruun guyyaa har’aa masaraa mootummaatti Ruutootiin erga simatanii booda ummata biyyattiif ergaa isaanii kan dhaaman.
Wiiliyaam Ruutoon guyyaa Kibxataa pirezidantii biyyattii ta’uun ifatti muudamu.
Qophiin kanaaf taasifamullee xumuramuu ibsameera. Sagantaa kana irratti bulchitoonni biyyoota 20 ol akka argaman eegama.
Dubbii Uhuruun taasisaniin milkaa’ina bara bulchiinsa isaanii eeran. Dabaluunis, haala nagaa ta’en aangoo isaanii akka dabarsan ibsani.
Dubbii yeroo xumuraaf pirezidantii ta’uun lammiilee Keeniyaaf dabarsaniin bulchiinsi Keeniyaa haaraa aangotti dhufu lammiilee Keneiyaa ilaalcha siyaasaa isaaniin osoo hin qoodin akka tajaajilu dhaaman.
Dabaluunis, bara bulchiinsa isaanii biyyattiin jijjiirama bal’aa keessa darbuu himani.
Sirna qoodinsa aangoo biyyattii keessa bara bulchiinsa isaanii labsameefi Rippabliki Dimokiiraatawaa Kongoo Hawaasa Baha Afrikaa akka seentu gochuun kanneen akka milkaa’inaatti ibsan keessaati.