Tiraamp lammummaa US dhalootan argamu hambisuuf, seerri biyyoota kaanii akkami?

Paaspoortii USA

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidant Doonaald Tiraamp seerri haaraa lammummaan dachee US keessatti dhalachuu qofaan argamu akka haqamu ajaju maatii baqattootaatti yaaddoo uumeera.

Ajajni Tiraamp kun seera waggoota 160f tureefi heera US 14th Amendment jedhamuufi namni kamuu US keessatti dhalate lammii US ta'a jedhu fudhatama dhabsiisa.

Tiraamp duula godaantota irratti eegalan jabeessuuf ijoolleen godaantotaa lammummaa US akka hin qabaanne gochuuf deemu. Seerri haaraan kun godaantota seeraan ala dachee US keessa jiran ykn viizaa yeroo gabaabaa argatanii seeraan achi jiran ilaallata.

Adeemsi Tiraamp kun deeggarsa uummataa waan argate fakkaata. Yaadni uummataa Emerson Kollejjiin hojjetame dhimma kana irratti Tiraampiin mormuu caala ni deeggaru jedha.

Ofii seerri lammummaa kun kan biyyoota kaanii waliin wal biratti yeroo ilaalamu maal fakkaata?

Lammummaan bakka dhalootaan argamu addunyaarratti hedduu baratamaa miti.

US biiyyoota 30 addunyaarratti seera akka kanaa qaban keessaa tokko. Warri kaan hedduun isaanii warra Kibba Ameerikaati. Biyyoonni kun daa'imni kamuu daangaa isaanii keessatti dhalannaan maatiin lammummaa biyya kamiituu yoo qabaatan daa'imni lammii biyyattii ta'uu mirkaneessa.

Faallaa kanaan biyyootni Eezhiyaa hedduun, Awurooppaafi Afrikaa gariin seera hidda dhalootaa(Right of blood) bu'uura godhatu. Kana jechun daa'imman lammummaa kan argatan iddoo dhalatan irratti hundaa'uun soo hin taanee maatii irraa dhalatan irratti hundaa'uuni jechuudha.

Biyyootni kaan ammoo seerota lamaan olitti ibsaman hojiirra oolchu. Maatii hayyama jireenyaa dhaabbataa argatan irraa ilmaan dhalataniif lammummaa kennu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota dhiyoo darban biyyoonni hedduun seera lammummaa itti kennan haromsaniiru. Kaan seera jabeessan, gariin mirga lammummaa dhalootaan argachuu haqan.

Sababni ijoon ammoo rakkoo godaansaan walqabatu, waayee eenyummaa biyyaalessaa fi wanta 'turizimii dhalootaa'("birth tourism") jedhamaniidha. 'Birth Tourism' kan jedhamu namootni biyya biraa dahuuf imala godhaniidha.

Fakkeenyaaf Indiyaan yeroo tokko nama dachii ishee keessatti dhalate kamiifuu lammummaa kennuu eegaltee ture. Booda garuu godaansi seeraan alaa keessumaa Baangilaadeeshirraa itti hammaannaan dhorkite.

Erga bara 2004 daa'imni lammii Indiyaa kan ta'u yoo abbaafi haati lammiilee Indiyaa ta'an ykn ammoo abbaa ykn haati laammii Indiyaa ta'anii lamaan keessaa tokko ammoo godaanaa seeraan alaa hin taane qofadha.

Biyyootni Afrikaa hedduunis bara kolonii akkuma biyyoota kaanii nama dachee isaanii keessatti dhalateef lammummaa kennaa turan. Walabummaa argachuu boodas dhiisan. Amma hedduun isaanii maatii keessaa tokko lammii ykn hayyama dhaabbataa kan qabu akka ta'u dirqisiisu.

Lammummaan inumaa biyyoota Eezhiyaa keessatti seera jabaa qaba. Biyyoota akka Chaayinaa, Maaleezhiyaa fi Singapoor keessatti qaccee sanyii maatiitu ilaalama.

Awurooppaa keessattis dhimma kanaan walqabatee jijjiirama hedduutu ta'e. Ayeerlaand biyya dhumaa dhalootaan lammummaa kennituudha.

Ammoo filannoo bara 2004 booda namootni dhibbeentaa 79 ta'an heerri akka haaromsamu deeggaruu booda hafe. Booda lammummaa argachuuf maatii keessaa tokko lammii biyyattii, hayyama jireenyaa dhaabbataa kan qabu ykn ammoo hayyama hojii kan argate ta'uu qabu.

Seericha jijiiruun kan barbaachise dubartootni biyya biraatii garasitti imalanii mucaa dahaa jiraachuu ta'uun ibameera. Kunis daa'imman isaaniif viizaa EU argachuufi.

Danqaan Tiraamp mudatu maali?

Ajaja haaraa Tiraamp mllaeessan booda Isteetotaafi magaalota Dimokraatotaan bulan, falmitoota mirgaa fi namoota dhuunfaan himannaawwan banamaniiru.

Abbootiin murtii lama hadholii shan ilmaansaanii lammummaa dhabuu morman cinaa dhaabataniiru.

Ogeeyyiin seeraa hedduun Doonaald Tiraamp ajaja baasuun mirga iddoo dhalootaan lammumma argachuu haquu hin danda'an jedhanii amanu.

Dhimmichi Mana Murtiin deebii argata jedhu.

Ogeessi heeraa Yunivarsiitii Varjiiniyaa Mana Barnootaa Seeraa tokko ''kuni wanta inni ofiin murteessu miti'' jedhan.

Ajajni kun Mana murtii bira waan gaheef ammatti hojiirra oolaa hin jiru.

Manni Miurtii Olaanaa akkamiin labsii 14 heera biyyattii hiikee akka murtee kennu ifa miti.