Chaayinaan erga bara 1950 booda yeroo jalqabaatiif umurii soramaa dabaluuf

Chaayinaan erga bara 1950 ykn waggaa 70 booda yeroo jalqabaatiif umurii sooramni itti bahamu suuta suutaan dabaluuf ta'uu ibsite.

Biyyattiin murte kanarra kan geesse, ummanni biyyattii umuriin jaaran baayyachuufi bajanni soramaa hir'ataa dhufuusaarraati.

Guyyaa Jimaataa qaamni seera tumu olaanaan umuriin soramni itti bahamu dubartoota hojii indastirii humna gaafatu irratti bobba'aniif waggaa 50 gara 55tti akkasumas kanneen bulchiinsaa fi hojiiwwan ogummaa gaafatan irratti bobba'aniif ammoo waggaa 55 irraa gara 58tti akka guddatuuf wixiinee seeraa dhiyaate raggaasiseera.

Haala seerichaatiin umuriin dhiiroonni soorama itti bahan waggaa 60 irraa gara 63tti fooyya'eera.

Umuriin sooramaa amma Chaayinaan hojiirra oolchaa jirtu addunyaarratti kan gadaanaa jedhamu keessatti argama.

Haala seera guyyaa Jimaataa raggaasifame kanattis, jijiramni taasifame Ammajjii 1, 2025 irraa eegalee hojiirra kan ooluu akka ta'eefi waggoota ittaanan 15'f umuriin sooramaa wal jalaan akka dabalaa adeemu miidiyaale motummaa Chaayinaa gabasan.

Maddi oduu biyyattii Shiinwaan akka gabaaseetti, umuriin sooramaa seeraan kaa'ame, waggaa sadii yeroo hin caalleef dheereeffamuu kan danda'amu ta'ulleen, umurii kaa'ameen gadiitti garuu sorama bahuun hin hayyamamu.

Kana malees, bara 2030 irraa kaasee mindeeffamtoonni soorama argachuuf Wabii Nageenya Hawaasumaatiif dabalataan maallaqa kanfaluutu irraa eegama jedhameera.

Akaadaamiin Saayinsii Hawaasaa Chaayinaa mootummaan bulfamu waggaa shaniin dura bara 2035tti fandiin maallaqa sooramaa mootummaa biyyattiin taasifamu kuusaa maallaqa saa keessa akka hin jiraane ibse ture.

Kun kan ibsame weerara Covid-19n dura yoo ta'u, erga weerarichi mudateen booda diinagdeen Chaayinaa garmalee miidhameera.

Akka gabaasa Sziinwaatti, umurii sooramni itti bahamuu irrattii fi imaamata sooramaa irratti fooyya'insii kan taasifameef daangaan umurii jiraachuu, haalli fayyaa, caasaan ummataa, sadarkaan barnootaa fi dhiheessitii humna hojjataa irratti qorannoon erga taasifameen boodadha.

Ta'ees odichi fayyadamtoonni miidiyaa hawaasa Chaayinaa garee lamatti qooramuun falmii kaaseera.

Miidiyaan hawaasaa Chaayinaa tokko, fayyadamaa Weeboo, ''waggaa 10 ittaanan ammoo umuriin soorama itti bahamu hanga waggaa 80 qaqabsiisu seerri gara biraa ni baha'' jechuun ibseera.

Fayyadamaan gara biraa gamasaatiin ''waggaa burjaaja'aa akkamiiti. Hojjattoonni umuriin jidudugaleessaa irratti argaman, balaan mindaasaanii kutamuu mudachuuf. Umuriin sooramni itti bahamu ammoo dabaleera.

Kanneen mindeeffamtoota hin taane ammoo, hojii argachuun rakkoo itti ta'eera,'' jechuun waan itti dhagame ibseera.

Kaan gamasaanitiin, oduu kana eegaa akka turan himan. ''Kun waan eegamaa tureedha. Dhimma marii barbaachisuu miti,'' jedhan.

Fayyadamaan miidiyaa hawaasaa kan biraa ammoo, ''biyyoota Awurooppaa irra caalaa keessatti dhiiroonni sorama kan bahan waggaa 65 fi 67 yoo ta'an yoo ta'u, dubartoonni ammoo waggaa 60tti bahu. Kun biyya keenya keessatti baramuu qabaata'' jedhan.

Ummanni Chaayinaa guddaan waggaa walitti aanu lamaaf hir'ataa kan jiru yoo ta'u, baayyinni dhalootaa hir'ateera.

Kun osoo kanaan jiruu, daangaan umuriidhaan jiraachu jidduugalaan, gara 78.2 ol ka'uunsaa jalqaba bara kanaarratti aanga'oonni dubbataniiru.