Bulchiinsi Traamp Yunivarsiitiin Haarvaard barattoota idil-addunyaa akka hin fudhanne dhorke

Bulchiinsi Traamp Yunivarsiitiin Haarvaard barattoota idil-addunyaa akka hin fudhanne dhorkuun, waldhabdee yunivarsiitii Ameerikaa beekamaa fi bulchiinsa Tiraamp gidduu jiru hammeessera.

Barreessituun Nageenya Biyya keessaa Kiriistii Nooham fuula X ishee irratti akka barreessitetti bulchiinsi kun seera kabajuu dhabuu isaatiin mirkaneessaa "Sagantaa Daawwattoota Barattootaa fi Jijjiirraa" Harvard'n kenne addaan kuteera.

''Kun yunivarsiitiiwwanii fi dhaabbilee barnootaa guutuu biyyattii hundaaf akeekkachiisa ta'ee haa tajaajilu,'' jechuun Kamisa darbe fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniiru.

Harvard ibsa kenneen murtee kana balaaleffachuun ''seeraan alaa'' jechuun ni yaadatama.

"Barattootaa fi hayyoota keenya idil-addunyaa, kanneen biyyoota 140 ol irraa dhufanii fi yunivarsiitii fi biyya kana haala qixa hin qabneen badhaadhessan simachuuf kutannoo guutuu qabna," jechuun Yunivarsiitichi ibsa isaan deebii kenneera.

"Miseensota hawaasa yunivarsiitichaaf qajeelfamaa fi deeggarsa kennuudhaaf saffisaan hojjechaa jirra. Tarkaanfiin haaloo bahuu kun hawaasa Harvard fi biyya keenya irratti miidhaa guddaa kan geessisu yoo ta'u, ergama barnootaa fi qorannoo Harvard ni miidha."jedhe

Murteen bulchiinsi Traamp kun barattoota idil-addunyaa kumaatamaan lakkaa'aman Yunivarsiiticha keessatti baratan irratti dhiibbaa uumuu danda'a.

Ragaan yuunivarsiitii akka agarsiisutti bara barnootaa darbe barattoonni idil-addunyaa kuma 6 fi 700 ol dhaabbatichatti galmaa'aniiru.

Kunis baay'ina barattoota yunivarsiitichaa keessaa dhibbeentaa 27 bakka bu'a.

Kamisa darbe oduun kun hawaasa addunyaaf yunivarsiiticha keessatti saffisaan babal'ateera.

Kunis barattoota kumaatamaan lakkaa'aman kanneen egereen isaanii akka tasaa shakkii keessa gale biratti sodaa fi mufannaa guddaa uumeera.

Yunivarsiiticha keessatti barattuun digrii lammaffaa kan taate lammii Awustiraaliyaa Saaraa Deevis BBC 'tti akka himtetti, ''Dhimmicha irratti burjaajjiin guddaan jira,'' jetteetti.

"Oduun kun kan dhufe baay'een keenya eebbifamuu keenya guyyoota shan dura yoo ta'u, dandeettii Ameerikaa keessa turuu fi hojjechuu keenya irratti dhiibbaa hamaa akka qabu ifaadha," jedhan Deevis, pirezidaantii Waldaa Barattoota Awustiraaliyaa fi Niwuu Ziilaand Mana Barumsaa Keeneedii Harvard.

"Hundi keenya tarkaanfiin itti aanu maal ta'uu akka danda'u odeeffannoo yunivarsiitii irraa qofa eegaa jirra."jedhu

Liyoo Gerden, dargaggeessi ganna 22, Digirii jalqabaa Siwiidin irraa kan fudhate, yoo ta'u guyyaa Yunivarsiitii Haarvaarditti fudhatamuu isaa xalayaan isa ga'u guyyaa jireenya isaa keessatti isa gaarii ta'uu yaadata.

Eebbifamuuf torban tokko hin guunne kan hafe Gerden, yeroon yunivarsiitii keessa ture akkasitti xumurama jedhee yaadee hin beeku jedha

''Waraana Waayit Haawusii fi Haarvaard gidduutti taasifamaa jiru keessatti barattoonni idil-addunyaa akka 'saanduchii' ta'anii walakkattii miidhamaa jiru,'' jechuun Gerden BBC'tti himeera.

Itti dabaluudhaanis, "Haala nama ajaa'ibuun namummaa kan hin qabnedha," jedheera.

Bulchiinsi kun yunivarsiitiiwwan hedduu guutuu biyyattii keessa jiran biroo kanneen akka Yunivarsiitii Kolumbiyaa Niiw Yoorkitti qorachuu eegaleera.

Ji'a Eblaa keessa bulchiinsi Tiraamp Yunivarsiitii Haarvaard wantoota hojjechuu qabu tarreessuun kenneera, Yuunivarsiitichi garuu ajaja kana fudhachuu didee himata bane. Ergasii ammoo haalotni hammataa deeman.

Boodarra Waayit Haawus ibsi bal'aan gara Haarvaarditti ergame sirrii miti jedheera.

Ministeerri Nageenya Biyya keessaa (DHS) Harvard gaaffii galmee bal'aa bulchiinsa irraa barattoota idil-addunyaa ilaallatu yoo hin kabajne dandeettii barattoota idil-addunyaa keessummeessuu dhabuu akka danda'u akeekkachiisee ture

Yuunivarsiitichi gibira irraa bilisa ta'uun isaa ajajamuu diduu isaatiin akka haqamu akeekkachiifamee kan ture yoo ta'u, deeggarsa doolaara biiliyoona 2.2 fi maallaqni kontiraataa Doolaarri miiliyoonni 60 irraa hir'ateera.

Tiraamp baajata Harvard doolaara miiliyoona 256 fi baajata waggaa doolaara biiliyoona 8.7 akka ilaalu dubbataniiru.

Haaromsa Waayit Haawus Harvard maallaqa federaalaa akka argatu hayyamuuf yaada dhiheesse keessaa tokko barattoota Ameerikaaf "balaa" ta'a kan jedhuudha

Akkasumas ogeeyyii walaba ta'an kanneen gochaalee kutaalee barnootaa "farra Yihudootaa hammeessa" jedhaman qoratan of keessatti qabata.

Barattoota waggoota lamaan darban mormii dhageessisan adabuus kan dabalatu ture.

Harvard jalqaba bara kanaa farra Yihudootaa furuuf tarkaanfiiwwan hedduu fudhachuu isaa ibsee ture, garuu gaaffii mootummaan kun ''bilisummaa sammuu yunivarsiitichaa'' to'achuuf yaaliin godhame jechuun balaaleffateera.

Walitti bu'iinsi kun hammaatee itti fufee jira.

Ji'a Eblaa keessa itti gaafatamaan yunivarsiitichaa bulchiinsi kun tarree barattoota idil-addunyaa gaafate yoo hin kennine sagantaa viizaa barattootaaf kennamu akka haqu akeekkachiisee ture.

Xalayaa Kamisa darbe barreesseen, Noham akka jedhanitti, Harvard barattoota idil-addunyaa fudhachuuf ''carraa'' deebisee argachuuf ulaagaalee guutuu qaba.

Kunis galmee gocha badaa barattoota godaantota hin taane waggoota shanan darban keessatti Harvard keessatti galmaa'an kamiyyuu dhiyeessuu dabalata.

Akkasumas galmee elektirooniksii, viidiyoo, ykn sagalee barattoota godaantota hin taane kanneen mooraa keessatti amala "seeraan alaa" fi "balaa ykn jeequmsaa" irratti bobba'an akka dhiyeessu gaafataniiru.

Xalayaan kun Harvard akka ajajamu sa'aatii 72 kenneera.

Nohem fuula X isaanii irratti barreeffama isaanii irratti tarkaanfiin kun ''yunivarsiitiiwwanii fi dhaabbilee barnootaa biyyattii hundaaf akeekkachiisa ta'ee tajaajiluu qaba'' jechuun akeekkachiisan

Bulchiinsi Tiraamp barattoota idil-addunyaatiif viizaa daangessuuf yaalii godheera.

Murteen kun yunivarsiitiiwwan Ameerikaa keessatti burjaajii uumuun himannaa illee akka banamu taasiseera.

Dhimma mana murtii biraa Kamisa darbe irratti abbaan murtii federaalaa Kaalifoorniyaa bulchiinsi Tiraamp sadarkaa seeraa barattoota idil-addunyaa guutuu Ameerikaa akka hin haqne uggure.

Bulchiinsi kun imaammata isaa irratti himata fi uggura mana murtiitti isa mudachaa jira.

"Sababni as dhufneef Ameerikaan bilisummaa dubbii, bilisummaa barnootaa fi hawaasa hayyootaa socho'aa uumuuf waan dhaabbatteefidha," jechuun Gerden hiriyyoota isaa barattoota idil-addunyaatti himeera

"Amma ammoo Tiraamp gatiiwwan kana hunda balaadhaaf saaxiluu sodaachisaa jiru; Harvard salphaatti barattoota idil-addunyaa malee Harvard hin ta'u ture," jedhan.

Yuunivarsiitiin Kolumbiyaaiiraas kanaan dura maallaqni federaalaa doolaarri miiliyoonni 400 irraa citee ture

Yuunivarsiitiin Kolumbiyaa yeroo muraasa booda haaromsa Waayit Haawus dhiheesse hojiirra oolchuuf walii gale.