Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eenyuutu mirga baqattummaa argata, innis eenyuun murtaa'a?
Dhiheenya kana lammiileen adiin Afrikaa Kibbaa 59 ta'an erga mirga kooluu galtummaa argataniin booda buufata xiyyaaraa Dallas kan naannoo Waashingitan D.C'tti argamu waayita ga'anitti simannaan taasifii jira.
Pirezidaantin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Afrikaanonni garee xiqqaa hundeen isaanii Awurooppaa koloneeffannaan Afrikaa kibbatti ''miidhamtoota loogii sanyummaa haqa qabeessa hin taane'' kessa jiru jechuun kan yaadatamuudha
Faallaa kanaatiin Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa ragaan waan kana deeggaru akka hin jirre ibsuun himannaa kana ni mormaniiru.
Gareen dhiirota, dubartootaa fi daa'imman of keessaa qabu kun, alaabaa Ameerikaa mirmirsaa aanga'oota U.S.n simannaa ho'aan kan taasifameef yoo ta'u, qeeqxonni garuu kun ejjennoo amma bulchiinsi Traamp baqattoota irratti qaburraa waan baay'ee faallaa ta'eedhsa jechuun qeequ.
Ji'a Amajjii darbe keessa Pirezidaanti Tiraamp sagantaa baqattoota keessummeessuu biyyattii adda kutuu ajaja hojii raawwachiiftuu dabarsaniiru. Kunis haalli baqattoota 100,000 ol ta'anii yaaddoo fi gaaffi jala akka galu taasiseeraa.
Haata'u malee, ajajni kun gaaffii godaantotaa tokko tokko haala adda ta'een akka ilaalaman hayyameera.
Ji'a Guraandhalaa darbe keessa ammoo Pirezidaanti Tiraamp ajaja hojii raawwachiiftuu kan biraa Ameerikaan lammiilee Afriikaa kibbaaf eegumsa baqattootaa kennu mallatteessan.
Murteen kun guutuu Afrikaa Kibbaa keessatti qeeqa fi aarii bal'aa kan uume yoo ta'u, lammiileen Afrikaa lakkoofsa ummata biyyattii keessaa %7 qofa ta'an lafa qonnaa biyyattii keessaa walakkaa qabatu.
Pirezidaanti Raampaahoosaan garee gara US deemaa jiru kana ''sodaattota'' jechuun ibsaniiru.
"Saboota biyya keenya keessa jiran hunda yoo ilaalle, gurraachaas ta'ee adii, biyya keenya waan ta'eef biyya kana keessa waliin jiraanna, rakkoo keenya jalaa baqachuu hin qabnu, as turree furachuu qabna malee," jedhan.
Falmitoonni mirga namoomaa fi yaada kennitoonni tarkaanfii kana qeeqaniiru.
BBC'n Ameerikaan namoota lammii biraa akka Afgaanistaanfaa gara US'tti baqatan hari'aa lammilee Adii Afrikaa Kibbaaf maaliif eegumsi baqattootaa akka kenne Ministira Dhimma Alaa Joon Laandaawu gaafateera.
Ministirri Dhimma Alaa kun ulaagaaleen godaantotni hangam salphaatti hawaasa keessatti makamuu akka danda'an ilaalcha keessa galfamaniiru jedhan.
Ibsi kun eenyu akka eegumsa baqattootaa argatu murteessuu keessatti gahee siyaasaa fi dantaa tarsiimoo qabu irratti falmii kaaseera.
Baqataan eenyu?
Konveenshiniin Baqattootaa bara 1951, baqataa jechuun nama "biyya saba isaatiin ala ta'ee fi sababa sanyii, amantii, sabummaa, miseensummaa garee hawaasummaa murtaa'e tokkoo ykn yaada siyaasaatiin ari'atama argachuuf sodaa bu'uuraa qabu" jechuun ibsa.
Akkasumas baqataa jechuun nama "eegumsa biyya sanaa fayyadamuu kan hin dandeenye ykn sodaa irraa kan ka'e fayyadamuu kan hin barbaanne; ykn lammummaa dhabuu fi biyya duraan jireenya isaa duraan tureen ala ta'uu isaatiin gara biyyaatti deebi'uu kan hin dandeenye ykn sodaa irraa kan ka'e fedhii kan hin qabne" jechuun ibsa.
Hiikni jalqabaa jecha baqataa jedhu lammiilee Awurooppaa Waraana Addunyaa Lammaffaa booda baqatan qofa irratti kan daangeffame yoo ta'u, fooyya'iinsa Konveenshinicha bara 1967 hordofuun garuu daangeffamni teessuma lafaa kaafamera.
Waliigaltichi haala baqattootaa ibsuu bira darbee mirga baqattootaas tarreessa.
Baqattoota lakkoofsaan
Akka Komishinarri Olaanaa Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) jedhutti, hanga Waxabajjii 2024tti addunyaa guutuutti baqattoonni miiliyoona 43.7 ta'u.
Baqattoonni dhaabbaticha jala jiran keessaa dhibbeentaan 65 biyyoota afur irraa kan dhufanidha; Sooriyaa, Veenzuweelaa, Yukireen fi Afgaanistaan irraa.
Baqattoonni dhibbeentaa 71 biyyoota galii gadi aanaa fi giddu galeessaa qaban keessatti keessummeessamu. Iraan, Turkii, Kolombiyaa, Jarmanii fi Yugaandaan biyyoota baqattoota simatan shanan keessaa tokkodha.
Baqattoonni gara dhibbeentaa 70 ta'an biyyoota ollaatti kooluu galaniiru.
Bulchiinsa Pirezidaantii Joo Baayiden jalatti waggaatti lakkoofsi godaantota Ameerikaa seenan kuma 125 akka ta'u murtaa'eera.
Waggaa dhumaa Baayiden pirezidaantii ta'uun namoota kuma 100 ol ta'aniif baqattoota ta'uun kan kenname yoo ta'u, kunis waggoota kurnan sadii keessatti lakkoofsa olaanaa ta'uu ibsameera.
Garaagarummaan baqattootaa, koolu galtootaa fi godaantotaa gidduu jiru maali?
Baqataan nama sababa lola, jeequmsa, ykn ari'atama irraa kan ka'e biyya isaa baqate jechuudha. Namni tokko eegumsi baqattootaa yeroo argatu eegumsi seeraa argata.
Koolugaluu jechuun nama sababa jeequmsa, waraana, ykn ari'atama irraa kan ka'e biyya isaa baqate jechuudha. Garuu nama hanga ammaatti baqataa ta'ee beekamtii seeraa hin arganneedha.
Akka Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) jedhutti jecha "godaantota" jedhuuf hiikni walfakkaataan hin jiru.
Garuu hiikni waliigalaa fudhatama qabu; "Biyya keessas ta'e daangaa idil-addunyaa qaxxaamuree; bakka yeroo hunda jiraate irraa sababoota adda addaatiin yeroodhaaf ykn dhaabbataadhaan yoo gadhiisee deemedha."
Wantoonni eenyu akka eegumsa baqattootaa argatu murteessan maali?
Baqattoonni beekamtii kan argatan hiika seera addunyaa keessatti kaa'ameeni.
Garuu biyyoonni eenyu akka mirga kanaaf ulaagaa guutuu qabu murteessuuf adeemsa mataa isaanii qabu.
Yunivarsiitii Istaanfoorditti piroofeesara seeraa fi gabaasaa qoodinsaa fi Loogii Sanyii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan turan Tendayi Achiwume; Eenyuutu sadarkaa baqataa argata? isa jedhu Ilaalchisee loogiin jira jedhu.
Akkuma piroofeesarii kun jettutti, Biyyoonni tokko tokko namoota walitti dhufeenya qaban, yeroo baayʼee warra adii godaantota taʼan gargaaruu filatu.
"Faayidaa fi eegumsi addaa" kan godaantotni adii hin taane hin arganne warra adiif ni kennamaaf. Yukireen fakkeenya ifaafi sirrii ta'e kanaati,'' jedhu.
''Namoota Yukireeni baqatan adii fi adii hin taane irratti ilaalchi ilaalchi jiru yeroo arginu iyyi idiladdunyaa sirrii ta'etu ture,'' jedhan.
Dantaan tarsiimoo biyyootaa eenyummaa baqattoota fudhatan boca kan jedhan Pirofeesarittiin biyyi tokko namoota rakkoo mataa isheetiin buqqa'an fudhachuuf fedhii adda ta'e agarsiisuu dandeessi.
Piroofeesar Achiwumen, "Yeroo tokko tokko biyyoonni godaantota saaxilamoo ta'an kanneen akka dubartoota, daa'imman ykn maanguddoota yaala addaa isaan mudatu fudhachuun filannoo isaanii ta'uu ibsu," jedhu.
"Haa ta'u malee, seerri idil-addunyaa sababoota loogii kan akka sanyii, amantii ykn eenyummaa sabaa irratti hundaa'uun filannoo addaan baasuu dhorkadha."
Baqattootni Ameerikaa keessa jiran taateewwaan kanarratti maal jedhu?
Ameerikaatti godaantota Afriikaa kan gargaaru 'African Communities Together' tti daayreektara imaammata federaalaa kan ta'e Nils Kinne, hawaasni godaantota Ameerikaa keessa jiran jijjiirama imaammataa tasa mudateen sodaa guddaatu jira jedhu.
"Namoonni maaltu akka ,muudatu kan hin beeknee fi jireenya isaanii akkamitti akka karoorfatan ni burjaaja'u," jedhu.
Akkasumas, namoonni kumaatamaan lakkaa'aman adeemsa mirga baqattootaa argachuuf waggoota dabarsaa wayita jiranitti, Afrikaanota Adiif eegumsi baqattootaa saffisaan kennamu ''ergaa nama jeequ'' akka dabarsu dubbata.
"Ameerikaan biyya simannaa namoota balaadhaaf saaxilamaniif eegumsa kennitu ta'uu ishee yaada jedhu irratti ijaaramte. Ejjennoo bulchiinsi kun amma fudhachaa jiru eegumsi sun namoota baayyee mirga qabaniif kennamaa jira," jedha.
Kinneyi, murteen bulchiinsi Tiraamp kenne ''sanyummaa'' irraa akka ta'e dubbata.
Pirezidaanti Tiraamp iyyanni koolu galtummaa Afriikaa Ameerikaa gareewwan biroo wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu maaliif saffisaan raggaasifame yeroo gaafataman, Sababni isaa sanyummaa irratti hundaa'ee mitii jedhan.
Tiraamp, "Qonnaan bultoonni ajjeefamaa jiru; [namoonni ajjeefamaa jiran] adiidha. Garuu adiis ta'e gurraacha ta'uun garaagarummaa naaf hin qabu," jedhan.
Kinneyi gama isaaniin murteen Tiraamp imaammata biyya keessaa amma jiru kan tarkaanfiiwwan akka 'tarkaanfii mirkaneessaa' kan sanyummaa Ameerikaa keessatti furuuf qophaa'an duubatti deebisee wajjin kan walsimudha.
Tenday Achiwumees yaada kana irratti walii galu.
''Bulchiinsi Tiraamp sagantaalee haaromsa lafaa fi Tarkaanfii Mirkaneessaa akka tarkaanfii lammiilee Afrikaa adda baasuuf fudhatameetti kaasa,'' jedhu.
"Tarkaanfiiwwan farra Appaartaayidii akka murtii sanyummaa namoota adii irratti kennanitti agarsiisa. Kun gatiiwwan bu'uuraa walqixxummaa fi farra loogii jallisuu kana nama rifachiisudha," jechuun qeequ.