Israa’el yoom, akkamitti Iraan haleeluu dandeessi?

Pireezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan, preezdaantiin US Baayiden fi MM Israa'el Netaaniyaahuu

Iraan waggoota 30 as ifatti kallattiin waraana keessa galuu baattus, maqaan ishee garuu waraana kamiyyuu duubaa dhabamee hin beeku.

Baha Giddu-galeessaa keessatti humnoota diinotashee ta'an keessumaa ammoo Israa'elii fi Ameerikaa waliin wal-lolan deeggaruu fi hidhachiisuu keessatti seenaa dheeraa qabdi.

Meeshaan waraanaa Iraan, waraana Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessitu keessatti hojiirra ooluun ijjannoo Iraan gara Raashiyaa goru kan agarsiisudha.

Hamaas Gaazaa keessatti, Hezboollaah Libaanos keessatti, Huutii Yaman keessatti fi kanneen biroo Jordan, Iraaq, Paakistaan, Sooriyaa fi Baahireen keessatti hidhattoota deeggaruun yeroo hedduuf waraana taasisaa turte.

Israa'el garuu amma tokkuma tokkoon gareewwan kana barbadeessuun fuula gara Iraanitti naanneffachuuf waan deemaa jirtu fakkaata.

Bal'ina lafaatiinis ta'ee lakkoofsa ummataatin, Iraan Israa'eliin baayyee caalti.

Meeshaa waraanaa kan mataashee ta'es heddu kan qabdu fi misaa'elaa fi dirooniiwwan ammayya hidhattee jirti.

Meeshaaleen waraanaa gara Hezbollaa, Huutii fi Hamas ergamaa turan amma baay'een isaanii Loltoota Israa'eliin barbabadaa'aniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sirna ittisa humna qilleensaa fi jeettiiwwan waraanaa irrattis hir'ina qabdi.

Hanqina qabdu kana fooyyeeffachuuf Raashiyaa waliin waliif tumsaa jiru.

waraana Raashiyaa fi Yuukireen itti jiran keessatti deeggersa meeshaa waraanaan Raashiyaa bira dhabbachuun ishee Raashiyaan gaafa rakkinaa akka bira dhaabattuufi.

Faallaa kanaan ammoo, Israa'el addunyaarratti humna qilleensaa cimaa ta'e qabdi. Akka gabaasaleen ibsanitti jeettiiwwan ammayyaawaa F-35 jedhaman raadaariin ala ta'an qabdi.

Kana malees, humna basaasaa jabaa addunyaa irratti taatewwaan ajaa'ibsiisaa hojjatufi daangaa biyya kamuu keessa seenee haleellaa gaggeessuurratti muuxannoo qabu Mossad qabdi.

Waraana amma itti jirtu kana akkuma goolabdeen gara boqonnaa waraanaa Iraan waliin qabdutti ce'uun ishee akka hin hafne eegama. kanaaf Israa'el iddoowwan gabbisa niwukilaraa, dhaabbilee boba'aa fi keemikaalaa, kan dinagdee Iraan irratti miidhaa geessisuu danda’u kamiyyuu irratti haleellaa raawwachuu akka dandeessuu sodaatama.

Yeroo biraa Iraan wayita dhaabbileen nikulaaraashee haleelaman, Hezbollaa Libaanos keessaa, meeshaa waraanaa baayyee hammayyaa'aa ta'an hidhatanin haaloo deebifatti.

Amma garuu gareen Hezbollaa hedduuN ajjeefamuun, meeshaaleen waraanaa isaanis walakkaan barbadaa'uu fi Libaanos fi yaman keessatti ammalee tarkanfii sun akka itti fufe aanga’oonni Ameerikaa fi Israa’el beeksisuu miidiyaalen gabaasaa turaniiru.

Ministirri Muummee Israa'el Beniyamiin Netaaniyaahuu tibba darbe yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti ''Iraan keessaa bakki harki Israa'el qaqqabuu hin dandeenye hin jiru'' jedhanii ture..

Tarkaanfii Israa'eliif michoota isheef, deebii Iraan

Kaartaa Iraani fi Israa'el Agarsiisu

Madda suuraa, CBC

Iraan hanga haleellaa qilleensaa Ebla 1 gamoo qoonstilaa Iraan, kan Magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo keessa ture irratti rawwatamutti kalattiidhaan Israa’el irratti hin dhukaasne ture. Sana booda garuu haleellaa haaloo bahuu diroonii fi misaa’elii gara Israa’eliitti dhukaafte.

Dura garuu Israa’elii fi Iraan barootaaf waraanaa al-kallatiin kara bakka bu'oota isaaniin haleellaa walii isaanirratti raawwataniif ifatti itti gaafatamummaa fudhatanii hin beekan.

Haleellaawwan kunneenis yeroo waraanni Gaazaa muddama cimaa keessa turetti, kan raawatmee ture.

Iraan ajjeechaa dhiheenya kana hoggantoota Hezbollaah fi Hamaas irratti raawwachuun, libaanositti duultu haaloo ba’uuf haleellaa misaa’ela balistikii guddaa Onkoloolessa 3, 2024 Kibxata galgala gara Israa'elitti dhukaafte

Haata'u malee, miisaa'elaa fi dirooniiwwan Iraan Israa'el irratti dhukaafte 300 ta'an humna ittisa Israa’elii fi Ameerikaatiin qilleensa irraa fashaleeffaman jedhaman.

Haleellaan kun muddama biyyattii kan duraaniyyu rakkoo dinagdee hamaan raafamaa jirtuufi tasgabbiin siyaasaa dhabamuu fi akkasumas wal qoqqoodinsaa rakkachaa jirtu daran hammeessa jedhamuun lammilee biyyatti giddutti mormii uume.

Amma ergasii Torban tokko ta'eera, Israa'el haaloo ishee deebifachuuf akkamin hanga kana turtee kan jedhu ammo dhimma xiyyeeffannoo guddaan eegamuudha.

Harkifannaan ishee kun gamtokkoon waraana Hezbollaa waliin qabdu cuftee gara sanatti darbuu dandeessi kan jedhu jira.

Gama biraan ammoo marii humni waraanaa fi siyaasaa Israa’el waliin taasisan, akkasumallee michuu dhiyoo Israa’el kan taate US waliin taasifamuutti akka jirutu himame.

Kunis waa’ee xiyyeeffannoo haleellaa qofa osoo hin taane, dhaabbilee boba’aa irraa kaasee buufataalee misaa’ela balistikii fi dhaabbilee qorannoo niwukilaraa Iraan irratti dhiibbaa taasifamu maluu fi deebii Iraan kennuu dandeessu irratti marii taasifamuudha.

Wanti biraa Waayit Haawus barbaaddu filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa ji’a tokko hafe asitti waraanni guutuun Ameerikaa yaaddessu akka hin jiraannee fi gatiin bob'aa ol ka'uu US hin barbaaddu. Garuu Waanti Iraaniif hin oolle qoqobbiin tokko akka eeggataa jirudha.