Israa'el maaliif West Bank keessatti qubsuma babal'ifachuu itti fufte?

Dargaggoota Filisxeem dallaa yaabaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Filisxeemoota dallaa keenyaa Israa'el ijaarte yaabaa jiran tibba mormii Weest Baank Adu Dis

West Bank kan humnaan keessa qubatametti, Yihudoonni gara walakkaa miliyoonaa ta’an qubsuma 130 ol keessa jiraatu. Kunis kan Baha Yerusaalem osoo hin dabalatin.

Akkasumas lammiileen Filisxeemotaa miliyoona sadiitti tilmaamaman keessa jiraatu. Hawaasni Filisxeemotaa fi Yihudootaa irra caalaansaanii walirraa adda ba’aniiru.

Qubsumni falmisiisaa kunis waggootaaf UN’n akka seeraan alaatti kan ilaalamaa ture yoo ta’u, ejjennoo kanas murteen Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) ji’a Adooleessaa keessa kenneen irra deebi’ee mirkaneesseera.

Garuu, Israa’el maaliif qubachiisuu itti fufti?

Qubsumni Israa'el maaliidha?

Qubsumni hawaasa Israa’el lafa Waraana Guyyoota Jahaa bara 1967'tti qabatan irratti hundeessitedha. Kunis West Bank, Baha Yerusaalemii fi Gaarreen Golaan dabalata.

West Bank fi Baha Yerusaalem kanaan dura Waraana Arabaa fi Israa’el bara 1948-49 irraa eegalee Joordaaniin qabamtee turte.

Akkasumas Israa'eel Gaazaa Istirippi kan waraana bara 1967tiin Masrii irraa boojite keessattis qubsuma hundeessite ture. Booda garuu bara 2005'tti naannicha keessaa wayita baatu diigde.

Kana malees, Siinaa Peninsulaa, kan bara 1967'tti Masrii irraa fudhatte keessattis qubsuma ijaarte ture. Haata'u malee haaluma qaama waliigaltee nagaa Kaayiroo waliitiin bara 1982tti qubattoota baasfte.

Qubsumni kunneenis dachee Filisxeem keessatti faca’anii kan argaman yoo ta’u, isaanis loltoota Israa’eliin eegamu. Sababii kanaatiifu, yoo dhaabbilee daldalaa Israa’eliin kan qacaraman ta'een alatti Filisxeemoonni akka laayyootti qubsamoota kanneen keessa seenuu hin danda'an.

Sababa kanaatiin magaalonni Filisxeem walirraa kan adda bahaniidha. Kun ammoo haala geejibaafi ijaarsa bu’uuraalee misooma daangaalee Filisxeem keessaarakkisaa taasisa.

Dallaa Israa'el

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dallaa nageenya Israa'eel Beetiliheemiifi Weest Baank adda baasu

Qubsumni Weest Baankii keessatti argamu buufatawwan alaa wajjin wal hin fakkaatan.

Seera addunyaa jalatti qubsamni seeraan ala jedhame fudhatama, garuu akka seera Israa’elitti seera qabeessaadha.

Buufataaleen alaa ammoo akka seera Israa’elitti seeraan alaa yoo ta’u, hayyama mootummaa Israa’el malee ijaarsi hin danda'amu.

West Bank eenyutu bulcha?

Bara 1993 fi 1995 keessa, Israa’el Filisxeemota waliin waliigaltee Osloo, kan mootummaan yeroo Abbaa Taayitaa Filisxeem jedhamuun beekamu Weest Baankii fi Gaazaa keessatti akka hundeeffamu taasise, mallatteessite.

Abbaan Taayitaa Filisxeem (PA) magaalota gurguddoo Filisxeem kan bulchu yoo ta’u, Israa’el ammoo %60tti Weest Baankii kan (Naannoo C jedhamuun beekama) qabattee jirti. Naannicha keessattis hojiiwwan seera kabachiisuu, karooraa fi ijaarsa ofiin hojjataa jirti.

Filisxeemoota hiriira galanii dhaabbatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Filisxeemoota karaa sakkata'iinsa Qaalaandiyaa, kan kibba Raamaalaa, Weesti baankiitti cee'aa jiran

Qubsumoonni kunneen hangam guddaadhaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qubsumniwwan jiranis garaagarummaa baayyee qabu. Kaan saanii kan namoonni dhibba muraasa qofti keessa jiraatan yoo ta'an, kaan ammoo lammiilee Israa'el kuma kudhaniin lakkaa'aman keessa jiraatu.

Gabaasni Komishinii Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhiheenya bahe akka agarsiisutti, Sadaasa 1, 2022 hanga Onkololeessa 31, 2023 gidduutti, naannoo C Weest Baankii qubsumuma Israa’el turan keessatti manneen jireenyaa gara 24,300 ta'an fooyyeeffaman ykn raggaasifaman.

Kunis bara 2017 erga hordoffiin eegalee as isa olaanaadha. Lakkoofsi kunis manneen jireenyaa haaraa Baha Yerusaalem keessatti argaman gara 9,670 kan hammatedha.

Suuraaleen saatalaayitiis yeroodhaa gara yerootti attamiin qubsumni akka guddate mul’isu. Fakkeenyaaf, bara 2004 keessa, qubsumni Givat Zeev gara namoota 10,000 qaba ture. Amma garuu namoota 17,000 qaba.

Bakkichi gara dhihaatti babal'atee manneen, mana sagadaa fi giddugala daldalaa haaraan itti dabalamaniiru.

Inni guddaan, Modi'in Illit kan jedhamu yoo ta'u, ummata 73,080 qaba. Waggoota 15 darban keessatti baay'inni ummata bakkichaa dachaa sadii dabaleera.

Daataan kunis garee duula filannoo kan qubsuma mormu Peace Now jedhamun kan walitti qabameedha.

Loltuu Israa'el

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltuu Israa'el seensa bakka qubsuma Israa'elootaa Hebroon West Bank keessaa eegaa jiru

Israa'eloonni maaf West Bank jiraachuu fedhu?

Gariin isaanii gara qubsumaatti deemuu kan filataniif, sababii deeggarsi mootummaa Israa’el irraa argamuf gatiin mana jireenyaa xiqqaadha. Kanaaf achiitti jireenyaa fooyya’aa ta’e argachuu danda’u jechuudha.

Kaansaanii ammoo hawaasa amantii cimaa keessa jiraachuuf garasitti imalu. Haala macaafa qulqulluu afaan Ibrootaatiin Waaqayyo achi akka qubatan aangoo akka isaaniif kenne amanu.

Hawaasni qubsiistotaa harka sadii keessaa tokko hordoftoota amantaa Yuhiid (ultra-Ortodoksii)ti. Yeroo baayyee hawaasni kun maatii hedduu waan qabaniif hiyyeeyyii ta’u. Kanaafuu jireenya fooyyee qabu barbaaduun isaaniif dhimma olaanaadha.

Haata'u malee, hawaasni tokko tokko qubsuma akka ilaalchaa (ideology)tti amanu. Daangaa abbootii Yihudoota ganamaati jedhanii waan amananiif achi jiraachuuf mirga akka qabanitti fudhatu.

Nama alaabaa Israa'el qabatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qubattoonni Israa'eel erga bara 1967 kaasee dabalaa jira

Qubattoonni Weest Baankii keessaa bulchiinsa siiviilii Israa’el jala waan galaniifu, daandiifi geejjibaa mataasaanii qabu. Filisxeemonni naannoo sana keessa jiran garuu bulchiinsa waraanaa Israa’el jalatti waan kufaniif buufata sakatta’iinsa waraanaa Israa’el keessa darbuu qabu.

Qubattoonni hedduun hidhannoo kan qaban yoo ta’u, Filisxeemoota nagaa irratti dhukaasa banuun lubbuu galaafatu. Ji’a Hagayyaa keessa, Ameerikaan miidhaa qubattootaan Filisxeemootarratti raawwatamu dabaluu sababeeffachuun, garee qubsiistota Israa’el, Hashomer Yoosh fi waardiyyaa tikaa siiviilii, Yitzhak Levi Filant irratti qoqqobbii keessee jirti.

Ameerikaanis jalqaba bara kanaa, “Filisxeemota lafasaanii keessa jiran hordofuu fi haleeluu fi humnaan ari’uuf” jechuun Israa'el himatteetti.

Akkasumas Hashomer Yosh ganda Filisxeem Khirbet Zanuta dallaa itti ijaaruun jiraattonnishee buqqa’an gara qe’eesaaniitti akka hin deebine taasiseera jetteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa baaseen, “Jeequmsi qubattoota finxaaleeyyiin Weest Baankii keessatti raawwatamu, gidiraa dhala namaa hamaa kan fidu, nageenya Israa’el kan miidhuufi abdii nagaa fi tasgabbii naannichaa kan miidhudha'' jedhe.

“Mootummaan Israa’el namoota dhuunfaa fi qaamolee namoota nagaa Weest Baankiirratti haleellaa raawwatan kamiiyyuu itti gaafatamummaa gochuun murteessaadha.”

Deeggarsi siyaasaa qubsumaaf taasifamu maali?

Waraana Arabaa fi Israa’el bara 1967n booda, namni siyaasaa Israa’el Yigaal Alloon karoora siyaasaa nageenya Israa’el cimsuu, Araboota Israa’el bicuu ta'an akka hin daballeef xiqqeessuu irratti xiyyeeffate qopheesse.

Karoorri Alloon kunis kan ilaalcha abbaa biyyummaa Israa’el naannoo bal’aa Israa’el qabatte irratti qabdu ittisa Israa’eliitiif barbaachisaa ta’uurratti hundaa’e ture.

Erga waraana bara 1967 as, mootummaan Israa’el hundi ummata qubsiistotaa naannoo humnaan qabame babal’isuu itti fufaniiru.

Mootummaan Israa’el ammaas qubsuma cimsee jajjabeessa. Mootummaashee ammaas lakkoofsa qubattotaa dachaadhaan gara miliyoona tokkootti guddisuuf yaadda qabaachu ifatti kan labse yoo ta’u, hojiin qubsumaa yeroo-dheeraas sadarkaawwan kaabinee ijoo ta’an keessatti argama.

Ji’a Eblaa keessa, Chaanaaliin Israa’el 12 akka gabaasetti, Ministirri Maallaqaa Israa’el Beezaleel Smotrich, adeemsa buufataalee seeraan alaa 68 Weest Baankii keessatti seera qabeessa taasisuu jalqabuuf dhiibaa taasisaa jira.

Gariin isaanii duraanuu duubatti deebi’anii ilaaluun hayyamameefiira.

Seerri addunyaa maal jedha?

Biyyoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Awurooppaa keessa jiran irra caalaansaanii qubsumni Israa’el Weest Baankii seera addunyaa kan cabsu ta’uu himu.

Murtoon Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara 1979 fi 2016 qubsumni kun seeraan ala ta’uu kan murteesse yoo ta’u, Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) ammoo ji’a Adoolleessaa keessa, Israa’el naannoo Filisxeem qabachuun ishee seera idil-addunyaa kan faallessu ta’uu ibseera.

ICJn Israa’el sochii qubsumaa Weest Baankii fi Baha Yerusaalem keessaa dhaabuun, atattamaan naannoowwan sanaa fi Gaazaa Istiriip kan “seeraan alaa” qabatte dhaabuu qabdi jedhe.

Muummichi ministeera Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun kanaaf deebii kennaniin, manni murtichaa ''murtee sobaa'' dabarseera jedhe.

Mormaafi poolisii Israa'el

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nama Israa'el mormiidhaaf seensa ollaa Beet Saahuur kan Weest Baank keessaa biratti poolisii Israa'eliin dhaabsiifame

Yaadni gorsaa mana murtichaa seeraan dirqamsiisaa ta’uu baatullee, garuu dhiibbaa siyaasaa guddaa qaba.

Mootummoonni hedduun qubsumni Israa’el keewwata 49, waliigaltee Jenevaa Afraffaan kan bara 1949 kan faalleessu ta'u ni fudhatu. Keewwata 49 irratti: “Daangaa humnaan qabatame keessatti aangoon qabachuu kan garee ummata siiviilii irra turanii irraa ari’uu ykn gara biraatti dabarsuun hin danda’amu” jedha.

Israa'el garuu qubsumni ishee seeraan alaa ta'uu ni mormiti. Bara 2012 keessa, mootummaan Israa’el Gabaasa Komishinii Leevii maxxansee tureen, Konveenshiniin Jeeneevaa Afraffaan Weest Baankii irratti raawwatamu kuffiseera.

Gabaasnichi Weest Baankiin gonkumaa qaama seera qabeessaa mootummaa Arabaa kamiyyuu akka hin taane falmeera.

Innis mirgi seerummaa qubattoota Yihudootaa, Liigii Biyyoota Aanga'oo Filisxeemii (League of Nations Mandate for Palestine) bara 1922n beekamtii argatetti, chaartara UN jalatti akka eegame dubbata.