Waraana dhuma hin qabneeen burjaajofne, jireenyi keenya bade- Jiraattota Gaazaa

Suuraa Gaazaa barbadoofte

Madda suuraa, Reuters

Israa'el haleellaa magaalaa Kaan Yuunis keessatti eegalte cimsitee itti fufteetti. Lammiileen Filisxeem Gaazaa keessa jiran sodaa fi yaaddoo guddaa keessa galaniiru.

Dhiheenya kana jeequmsi kan hammaatee jiru ammoo Kibba Gaazaatti.

Buqqaatonni naannoo Hospitaala Naasir qubatanii turan ammas bakka biraatti godaanuuf dirqaman.

Hospitaalli kun hospitaala guddaa naannoo Kaan Yuunis sana tajaajiludha.

Hanga ammaatti lammiileen Filisxeem 24,000 caalan haleellaa Israa’eliin ajjeefamanii, miiliyoona 2.3 ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Nyaata, bishaanii fi qoricha argachuuf guyyuu rakkatu.

Mohammad Al-Kaldi abbaa ijoollee lamaati. Qe'ee isaa Gaazaa irraa buqqa'e.

''Mana koo dhabe. Suuqii (Dukkaana) koo fi galii koo dhabe. Fedhii ijoollee koo guutuu hin dandeenye,'' jedha.

''Rakkoo guddaa kanaaf kan itti gaafatamtu Israa'eli. Garuu Hamaas balaa mudate keessaa harka hin qabu hin jedhu," jedha namani kun.

Waggaa lama ykn saditti waraanni deddeebi'ee mudachuun balaa guddaa qaba jedha Mohammad.

''Haalli jiru waraana durayyuu hammaataa ture. Amma ammoo daran hammaateera,'' jechuun ibsa.

Meeshaaleen bu'uuraa gatiinsaanii akkaan dabaleera jedha. Kanneen argachuunuu hin danda’amu.

"Ijoollee koo wayitan argu, ammoo nyaachisuu akkan hin dandeenye wayitan yaadu guyyaatti si'a kuma tokko du'uu naaf wayya," jedha Mohammad.

Jiraattonni magaalaa Kahan Yunus akka jedhanitti haleellaan Israa’el kun naannoo giddu galeessa Gaazaattis babal’achaa jira.

Najii Mahmuud wayita dhukaasi torban tokkoof dhaabbatee ture kibba Gaazaa irraa gara Kaan Yuunis imale.

''Kirkira lafaa fakkaata. Haleellaan kun halkan hunda raawwatama. ''Bombiin daandiiwwan geejjibaa irratti xiyyeeffachuun ni darbatama,'' jedha.

Gaazaa keessa osoo jiranii yeroo baayyee haleellaan qilleensarraa akka ture dubbata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaazaatti saamichi baay'achaa akka jirus jiraattonni ni dubbatu.

Akka gaazexeessaan BBCn dubbise tokko ibsetti, yeroo inni Rafaadhaa hojiirraa deebi'utti namoonni haguuggii fuulaa uffatan haaduu fi qawwee qabatanii dhaabanii saamuuf yaalaniiru.

''Konkolaataa keenya keessa wanti gatii guddaa qabu yoo jiraate jedhanii sakatta'an. Isaan keessaa tokko gaazexeessaa ta'uu koo hubatee akkan deemu naaf hayyame," jedha.

Poolisiin daandii Rafaa daldaltoota gatii meeshaalee dabalan sirnaan to'achaa hin jiru jechuun jiraattonni komatu.

Jiraataan magaalaa kanaa Mohammad Sheek Kaliil, "Qamadii doolaara 100n bitadhe. Kunis gatii isa sirrii dachaa kudhan ta'a,'' jedhan.

"Poolisiin warra waraanaan daldalan maaliif hin hidhu?" Qamadii Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii kenne hatanii gurguru,'' jechuun aariin dubbatu namni kun.

''Daa'ima kootiif aannan argachuu hin dandeenye. Ilmi koo otizimii qaba. Ji'ootaaf wal'aansa hin arganne. Tasgabbeessuu hin dandeenye. Waraana kana booda fayyummaansaa yaaddessaa ta'e,'' jechuun BBC'tti himaniiru.

Hamaas kanaan dura haala hatattamaa keessatti socho’uuf mala isa dandeessisu qabaatus amma garuu kana gochuu hin danda’u.

Weerarri Israa'el caasaa mootummaa isaa diigeera. Poolisiifi qaamoleen tikaas heddumminaan ajjeefamaniiru. Buufataaleen poolisiis barbadaa'aniiru.

Neevaan Imadedin haadha Gaazaa jiraattu, qe'eeshee keessaa baafamtee amma magaalaa Raafaa jiraatti. Sana dura Kaan Yuunis turte.

''Waraanni akka dhaabbatu barbaanna. Furmaanni siyaasaa waarawaa ta’e argamuu qaba. Biyyi keenya naannoo nagaa fi waraanni hin jirretti akka deebitu filanna," jette.

''Waan nu mudate ilaalaa. Hattoonni mana koo keessaa waan hunda hataniiru. Uffata, meeshaalee manaa illee,'' jetti Neevaan.

''Maallaqa hin qabnu. Mana hin qabnu. Lolli addaan hin cinne kan Hamaas fi Israa'el gidduutti uumame jireenya keenya jeeqeera,'' jetti.

"Waggaa 16 oliif haqa malee turre," jedhan Gaazaa keessatti daldalaa beekamaa kan ta'an Sheek Muhaammad.

''Hamaas gibira guddaa nurratti fe'a. Amma immoo waraana keessa jirra. Qabeenya keenya, mana keenya, maallaqa keenya dhabne" jedhan.

“Mana bareedaa qaban ture. Ani daldalaan ture. Amma maaltu naaf hafe? Wanti hundi cufaadha,'' jedha Sheek Mohaammad.