Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aayyoo Finfinneetti beelofnaan masoobii buddeenaa saanii gurgurachuuf karaatti bahan
Aadde Habtaam Sajaaw jedhamu. Dhalatanii kan guddatan godina Shawaa kaabaa Aanaa Dharraa Magaala Gundoo masqalitti. Isaan amma maanguddoo ganna 63’ti. Ijoolee 12 dahaniiru.
Bakka durii kaasee jiraachaa turan aanaa Dharraatti hojii qonnaatiin nama jireenya fooyyee qabu jiraatan akka turanis dubbatu.
Ergasii naannawaa sanatti sochiin hidhattootaa jireenya rakkiisaa akka itti godhee fi saamichaa fi dararaa dadhabnaan Waxabajii bara 2013 qe’ee isaanii dhiisanii maatii isaanii waliin Finfinneetti akka godaananis himu.
Aadde Habtaam Ijoollee isaanii shaniifi abbaa warraa isaanii walumatti maatii torba waliin akkuma Dharraadhaa dhufaniin kan qubatan Gulallee naannoo Qacaaneeti.
Finfinnee erga galanii maddi galii isaanii daandii cinaatti bahanii kadhachuu akka ta’e gaaffiifi deebii BBC waliin taasisan irratti himan.
“Anis abbaan warraa kiyyas karaatti baanee kadhanna. Ijoolleen kaan mana namaa uffata miiccu. Abbaan warraa kiyya ijaanis baayyee hin argu. Karaatti yeroo bahes xiqquma yoo ture achitti hirriibni isa fudhata. Wanti argannu baayyee xiqqaadha,” jedhan.
Masoobii buddeenaa ofii gurguruu
Aadde Habtaam yeroo Dharraa turan hojii qonnaatiin waan jiraataniif masoobii isaanii keessaa buddeenni dhabamee akka hin beekne yaadatu.
Amma erga Finfinneetti galanii garuu “Buddeenni nyaata si’a tokkoorraa hafee masoobii keessa bulu dhiisii kan si’a tokko nyaatamuyyuu eessaa argama” jedhu miira gaabbiitiin.
Erguma Finfinneetti galanii mana namaa yeroo deemanitti haati tokko masoobii buddeenaa moofa’e tokko “Kana suphii itti fayyadami” jedhanii akka kennaniif yaadatu.
Masoobii kana erga manatti fudhataniin boodas ogummaa Ggundoo hodhuu duruma waan qabaniif masoobicha migiraan suphanii haaromfatanii mana isaanii kaa’atan.
“Masoobii kana suphee manan kaa’e. Buddeenni keessa kaa’amu hin jiru. Inumaa hojiin kadhaa kunis baayyee waan qorreef beelli nutti cimaa dhufe. As laalee achi laalee homaa dhabnaan masoobiin buddeenaa kuni maaf akkanumaan mana taa’a jedheetan yaade,” jedhan Aadde Haabtaam.
Fulbaana 17,Bara 2015 guyyaa masqalaatiin yeroo akkuma baratame namoota kadhachuuf daandirratti bahan masoobii buddeenaa isaaniis qabatanii bahan.
“Silaa rakkanne masoobiin kun homaa nun fayyadu jedheetan gurguruuf murteesse. Manatti bakka qabachuu malee tajaajila nuuf hin kennu.
''Yoo 200 baasees fooyyee miti jedheen fudhadhee bahe. Bakkan kadhadhu sanatti of cinaan kaa’e. Garuu nama bituuf na gaafatuu nan dhaabe. Dubartiinis dhiiriis gaafatanii darbu malee hin binnee ture,” jedhan.
Ergasii baraattuu tokko waammatanii masoobiin Bbuddeenaa kun kan gurguramu akka ta’e akka waraqaarratti barreesitee itti maxxansituuf gaafatan.
Afaan Amaaraatiin “kan gurguramudha” barreeffama jedhu irratti maxxanfatan.
“Barreeffama sana erga irratti maxxanee namoonni bituuf na gaafatan. dhiirris dubartiinis kan nagaafatan turaniiru. Ani jalqaba 350 jedheenii 250 gurguruu barbaadeen ture. Garuu hundumtuu na gaafataniituma darbu malee kan narraa bitu hin arganne,” jedhan. Ergasii ga’eessi guyyaa masqalaa sana mana amantaa deemaa ture itti goree erga dubbiseen booda masoobii buddeenaa isaanii kana akka hin gurgurre itti himuun yeroodhaaf birrii muraasa akka isaan gargaaree gara manaa fudhatanii akka galan godhuus himan. Namni haadha beelofnaan masoobii buddeenaa isaanii gurguruuf karaatti bahan kana argee suura kaasuun miidiyaa hawaasummaa irratti qoode ammoo jiraataa magaala Finfinnee Obbo Zakkaariyaas Wadaajeeti. Obbo Zakkaariyaas dhimma kana ilaalchisuun BBC’tti akka himetti, haadha masoobii buddeenaa isaanii gurguruuf karaatti bahan kana wayita argetti gaaffii boqonnaa na dhorketu sammuu kiyya keessa deddeebi’aa ture jedha. “Dura calliseen saantima muraasa kenneen darbuuf yoon jedhun barreeffamaa fi masoobii sana arge. Ilaaleetuman darbee mana amantaa seenee. Ergan mana amantaa seenees gaaffiin sammuukoo keessa deddeebi’uu jalqabe.”
“Harmeen kun hammam yoo rakkattanidha kan masoobii buddeenaa saanii gurgurachuuf karaatti bahan kan jedhu gaaffii natti uume. Isaanittan deebi’ee bira taa’ee gaafadhe. Seenaa isaanii yoo natti himan baayyeen gadde. Waanin kiishaa qabu nan gargaare. Masoobicha hin gurgurinaa deebi’een sin argadha jedheen,” jedhu.
Erga isaan heeyyamsiiseen boodas harmee kanaa fi masoobii buddeenaa isaanii barreeffama “kaan gurguramu” jedhu qabu suura kaasuun seenaa isaanii kana miidiyaa hawaasummaa irratti qooduu hima.
Ergasii namootni hedduun “masoobichi hin gurguramu” jechuun akkaataa gargaaramu irratti gaaffiin nama baayyee dhufe. Ayyaana barii baankii fudheen dabtara herreegaa baneefii amma namoonni gara hundarraa isaan gargaaruu jalqabaaniiru jedhan Zakkaariyaas.
Aadde Habtaam kan “Osoon ilaaluu qoonqoon qooda nu ajjeesu masoobii buddeenaakoo gurguree daabboo maatii kiyyaaf bita” jedhan ammalleen gargaarsa argatanii rakkoo kana keessaa bahu danda’aniif gaafachaa jiru.