'Utubaa uumamaa'- suura hawaa ajaa'ibaa teleskooppii James Webb‘n kaafame

Taateen hawaa argaaf namatti tolu kuni teleskooppii Jeems Weeb dhiyeenya garas ergameen akka haaraatti daawwatamee suuraa kaafame.

Hurriin gaasii haayidiroojiinii fi awwaarri ‘Pillar of creation’ (utubaan uumamaa) hawaa keessatti heemisfeera kaabaa, iddoo tuutni urjiiwwanii jiraniifi lafarraa waggaa biiftuu 6,500 fagaaturratti mula’te.

Teleskooppiiwwan gurguddoo taatee kana, kana dura bara 1995 fi 2014 mul’isanii turan.

Teleskooppiin Jeems Weeb jedhamu immoo kallattii addaan taatee kana nutti agarsiise.

‘Utubaan uumamaa’ kuni tuuta urjiiwwanii ‘Eagle Nebula' jedhamu irraati mul’ata.

Teleskooppiin Weeb jedhamu kuni urjii akka haaraatti uumaman mil’ateera.

‘’Eagle Nebula bara 1990 irraa kaasee qo’achaan ture, kaayyoon koos urjiiwwan haaraa barbaaduu ture, kanas suuraa teleskooppiin duraanii Hubble jedhamu kaasenan yaalaa ture.

Teleskooppiin ammaa kuni gaafa suuraa kaasu waan addaa akka tahu nan beekan ture,’’ jechuun Piroofeesar Maark Maakgriin Ejansii Hawaa Awurooppaatti gorsaa tahuun hojjetu BBCtti himeera.

Utubaan kuni kan isaan ifatti mul’ate ifa guddaa (altiraavaayoleetii) urjii itti dhihoo jiru irraa argatuuni. Carallaan ifaa kuni utubaa haayidiroojinii arginu kana adda adda babaaseera.

Amma otooma hojii falfalaan achi geeffamnee utubaan amma teleskooppiin argine kuni jiraachuu dhiisuu mala.

Kan isa argine yeroo keessa garaduubaatti deebineeti. Ifti teleskooppii kanaan kaasame waggaa 6,500 imaleetu deebisee balaqqise.

Teleskooppiin Jeems Weeb jedhamu Ejansiiwwan Hawaa Ameerikaa, Kanaadaa fi Awurooppaadhaani gara hawaatti ergame. Bara darbe Mudde keessa hojii kan jalqabe yoo tahu, teleskooppii kanaan dura garas kan ergame ‘Hubble Space Telescope’ kan jedhamu dha.