Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teleskooppiin guddichi addunyaa Jemis Webb gara hawaatti ergame
Teleskooppiin abbaa doolaara biiliyoona 10 Jeems Webbi jedhamu ergama urjiiwwan jalqabaa agarsiisuufi fi hawaa ibsuu fudhachuun deemeera.
Teleskooppichi rookkeettii Ariyaan jedhamuun Fireench Giyaanaa jedhamurraati gara samiittii kan furguggifame.
Imallii gara orbiitiitti taasises sa’aatii walakkaa kan fudhate yoo tahu anteenaa Maalindii Keeniya jiruun ergaan fudhatame akka agarsiisuttis mallattoon milkaa’inaa argameera.
Teleskoppichi maqaa Webbi jedhu kan argate injinaroota ergama ji’a irra qubachuu Appooloo jedhamu hirmaatan keessaati. Kunis teleskooppii Hubble jedhamutti aanee kan dhufe dha.
Injinarooti dhaabota hawaa Ameerikaa, Awurooppaa fi Kanaadaa teleskooppiin kuni kan warra duraarra dachaa 100'n jabaa godhameeti kalaqame jedhan.
‘’Naannoo rooba tirooppikaalaa irraa gara yeroo mataasaatti adeemuufi, Jeems Webbi gara jalqabbii hawaattii imala eegaleera,’’ jedhe gaazexeessaan TV Nasa yeroo rookkeettiin lafa gadhiise.
Yeroo rokkettiin lafa gadhiisu baayyee kan eegamaa ture dha.
Tahus yaaddoon tokko jira, hojii teleskooppii kanarratti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman waggaa 30 dalaganiiru, rookkeettiin Ariyaan amanamtuu taatus, rookkeettiiwwan irratti amantee guutuu qabaachuun rakkisaa dha.
Webbi gara hawaatti erguun jalqabbii dalagaawwan wal-xaxoo baatii jahan dhufan keessatti taasifamuuti.
Teleskooppichi lafarraa kiloomeetira miiliyoona 1.5 fagaachuun buufata waal ilaalutti kaa’ama.
Gara iddoo sanaatti erga imaleen booda teleskooppichi iddoo dadachaafamee kaa’ameetii akka billaachaatti of diriirsuun hojii jalqaba.
Hogganaan Nasa waan salphaa hin tahu jedhu, ‘’ wanti beekuu qabnu, wantootni baayyee sirriitti hojjechuu qabu.
''Garuu immoo hojiin si badhaasu tokko balaas qabaachuu mala. Nutis kanatti amanneeti jalqabne,'' jedhan.