Teleskoppiin Jeems Weeb suura Juuppitarii "dinqisiisaa" ta'e argisiise

Teleskoppiin hawaa addunyaa irratti guddaa ta'e Jeems Weeb jedhamuun beekamu suura Juuppitarii kana dura argamee hin beekne kaasuu danda'e jedhame. Teleskoppiin hawaa Jeems Weeb (JWST) kun suura sirna hawaa guddaa ta'e ji'a Waxabajjii keessa kaasee ture.

Suura kana irraa akka mul'atutti bissii ifaa halluu garaa garaa, dambalii cimaa, ji'ii fi qubeellaa kan fakkaatan Juuppitariitti marsanii mul'atu.

Waantonni achi irratti ka'an akka sirriiti mul'ataniif suurichi odummaan nam-tolchee itti dabalameera jedhame. Kana gochuun kan barbaachise ammoo ifni guddaan (infrared light) ija namaatti mul'achuuf rakkisaa waan taa'ef.

"Juuppitarii bifa kanaan arginee hin beeknu. Waanuma ajaa'ibaati," jedhu Yuunivarsiitii Kaalifoorniyaatti astironomarii pilaaneetii kan ta'an Imke de Paater.

"Dhuguma dubbachuuf bifa kanaan waan gaarii akkasii ta'e jennee hin eegne," jedhu.

Astiromomariin kun pirojektii kana keessattis gahee guddaa tapahatan jedhama.

Teleskoppiin hawaa Jeems Weeb (JWST) jedhamu pirokektii doolaraa biliyeena 10 yoo ta'u ergama idil-addunyaa kan qabuu fi NASAdhaan kan gaggeeffamu ta'ee Ejansii yoo ta'u ejansii Hawaa US kan ta'e NASA dhan gaggeeffama.

NASA qofa osoo hin taane, Ejansii Hawaa Awurooppa fi Ejansii Hawaa Kanaadaa wajjin wal ta'uun hojjatu.

NASAn akka jedhetti suura Juuppitarii adda ta'ee mul'ate kana argachuun kan danda'ame suurawwan garaa garaa teleskoppii irraa fudhataman akkasumas bissiiwwan ifaa bantiiwwan kaaba fi kibba Juppitaraa irraa fudhachuudhani.

Bisiiwwan ifaa halluu garaa garaa qaban (Auroras) sababa biiftutiin samii keessatti mul'ataniidha.

Teleskoppiin hawaa Jeems Weeb (JWST) bara 2021 tti kan hojii eegalte yoo ta'u, amma lafa irraa kilomeetira 1.6 kaa'amtee jirti.

Teleskoppiin kun ifa yeroo Big Bang irraa kaasee waggoota biliyeena 13 dura gara lafaa dhufuu eegale arguu ni danda'a jedhama.

Teleskoppiin Jeems Ween kun waggoota 20 dhufaniif qorannoo argannoowwan hedduutif dadda dureen hojiirra oola jedhamee eegama.