Biil Geets daldala deefuu loonii hir’isuu irratti xiyyeefatu deeggaran

Madda suuraa, Getty Images
Dureessota addunyaa kanaa keessaa tokko kan tahan Biil Geets daldala teeknolojii Awustiraaliyaa, gaasii meeteen jedhamu kan deefuu loonirraa bahu hir’isuuf hojjetu irratti invest gochaa jiru jedhame.
Hundeessaan ‘Microsoft’ faalama naannoo oomisha foonii irraa dhufu irratti sagalee isaanii dhageessisaa turan.
Meeteeniin kaarbondaayioksaayidiitti aanuun gaasii naannoo faalan keessaa isa tokko dha.
Bineeldonni manaa kanneen akka loon, re’eefi kaan garaacha isaanii keessatti yeroo bulla’insi nyaataa adeemsifamutti gaasiin meeteen jedhamu oomishama, kanas bifa deefuutiin gara naannootti gadhiisu.
Qorannoowwan yunivarsiitiiwwanii akka agarsiisanitti loon biqiltuu galaana keessaa sooruun meeteenii gadhiifamu hir’isa.
Daldalli haaraa Rumin8 magaalaa Awustiraaliyaa Peert keessatti jalqabe, nyaata nam-tolchee bifa biqiltuu galaanaan qophaa’eefi gaasiin meeteenii garaacha keessatti akka hin oomishamne gargaaru irratti hojjeta.
Daldalli haaraa kuni ibsa baaseen dhaabbata invastimeentii Biil Geets bara 2015 hundeessan Breakthrough Energy Ventures fayyadamuun maallaqa doolaara miiliyoona 12 tahu walitti qabuu himeera.
Dhaabbanni kuni hogganaa Amaazoon Jeef Beezoosiifi abbaa qabeenyaa Aliibaabaa Jaa Maadhaanillee deeggarama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Daarektarri daldalaa Rumin8' Deeviid Meesiinaa ‘’dhaabota dhimma kunuunsa naannoo irratti hojjetanirraa deebii arganneen gammadoo dha,’’ jedhan.
''Gaasii meeteenii hir’isuuf tattaafii godhamu gama deeggrauun fedhii qajeelaatu jira, akka Rumin8’tti immoo bu’aa teeknolojii keenyaa nuu arguu danda’aniiru,’’ jechuunis dubbata.
Onkololeessa darbe, Niiw Ziiland qonna gaasii meeteenii gadhiisu gibira kaffalchiisuu yaada jedhu dhiyeessitee turte.
Sagantaa Niiw Ziilaand deefuufi fincaan looniif gibira kaffalchiisuun akka addunyaatti kan jalqabaa tahe kanaan, bara 2025tti qonnaan bultoonni gibira akka kaffalan eegama.
Gaasii gara qilleensa naannootti makamu keessaa Niiw Ziilanditti walakkaa ol meeteenii deefuufi fincaaniin bahudha.
Bara 2019tti hammi meeteenii atimoosifeerii keessatti mul’ate rekardii cabseera, kunis bara indaastirii dura irraa dachaa lamaafi walkaa oli dha.
Hunda caala saayintistoota kan yaaddessu immoo meeteeniin gama pilaaneetii keenya ho’isuun jabaataa tahuusaati.
Gama kanaan moolokiyuliin meeteenii baaqqee tokko Kaarboondaayoksaayidii caalaa atimoosifeeerii irratti dhiibbaa qaba.
Waggaa 100 keessatti meeteeniin dacha 28-34 CO2 caala lafa keenya ho’issuu mala.















