Miseensi poolisii Dirree Dhawaa daa’ima lafaa argame harma hoosisuun lubbuu itti horan jajaman

Madda suuraa, SM
Gargaartuu Saajin Beteliheem Mitikkuu magaala Dirree Dhawaa Waajjira Poolisii ‘Poolis Mareet’ jedhamutti qorattuudha.
Tibbana daa’ima erga dhalatee ji’a tokko ta’ufi riiqicha jalatti gatamee laafee argame harma hoosisuun lubbuu itti horuu isaaniitin marsaalee hawaasaa irratti jajamaa jiru.
Maxxansa Poolisiin Dirree Dhawaa dhimmicha ilaalchisee fuula Feesbuukii isaarratti barreesse jalattis namootni heddu gara laafummaa poolisii tanaa dinqisifataniiru.
Yaadawwan taatee kana ilaalchisee kennaman keessaayis, “fakkeenya miira namoomaan tajaajiluuti, lubbuu daa’ima tokkoo oolchuun gootummaadha, beekamtii fi badhaasni ni malaaf akkasumas gochaa namoota biroof fakkeenya ta’udha” kan jedhan keessatti argamu.
Galgala Caamsaa 10, 2015 riiqicha magaala Dirree Dhawaa ganda 09 iddoo Ganda Garaadaa jedhamutti argamu jalaa sagaleen boo’icha daa’imaa dhagahame.
Sagalee daa’imaa kana dhagahanii gara riiqichichaa kan deemanis jiraattuu naannoo sanaa kan ta’an Aadde Faaxuumaa turan.
Wayita Aadde Faaxumaan riqicha bira gahanitti wanti isaan argan rifaasisaa akka ta’e dubbachuu isaanii gabaasni poolisii magaalichaa ni hima.
Sababni isaas riqicha jalaa sagalee boo’ichaa dhageesisaa kan ture daa’ima erga dhalatee ji’a tokko ta’u fi huccuun haguugamee iddichatti gatameedha.
Sana boodas Aadde Faaxumaan daa’imicha lafaa kaasanii gara mana isaanii qajeelan.
Haa ta’u malee wanta daa’ima kanaaf soorata ta’uu danda’u manaa waan hin qabneef daa’imni agabuu buluuf dirqame.
Jimaata Caamsaa 11, 2015 jiraattuun kun daa’ima lafaa argan kana qaama seeraaf kennuuf gara Waajjira Poolisii imalan.
“Daa’immni laafee ture…”
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wayita Aadde Faaxumaan daa’imicha qabatanii waajjira poolisii gahan qorattuu yakkaa Waajjira Poolisii 'Poolis Mareet' kan ta’an Gargaartuu Saajin Beteliheem Mitikkuu hojii idileerra turan.
Daa’imni Aadde Faaxumaan gara waajjira poolisii fidan gatamee kan argame ta’uu wayita dhagahanittis miirri isaanii jeeqamuu Gar. Saajin Beteliheem himaniiru.
“Daa’ima gatamee argamedha yommuu jedhanitti keessikoo ni jeeqame,” jedhan.
“Nyaata osoo hin nyaatin waan tureefis laafee ture. Wanti nyaatamu akka laatamuuf yommuun gaafadhuttis namni daa’imicha fiddee dhufte hoomaa akka hinqabnefi halkanis aannan harma osoo hin hodhin buluu natti himte” jedhan.
Kanaafis lubbuu daa’ima kanaa baraaruuf murteessuu isaanii himu.
“Daa’imni kun osoo ijaan agarruu lubbuunsaa darbuu hinqabu” kan jedhan Gar. Saajin Beteliheem, “haadhummaan koo na dhiibee daa’imicha harma hoosisuu akkan qabu yaade” jechuun harma akka hoosisan dubbatu.
Daa'imni gatamee laafee ture erga harma hodhee booda bayyanachuus himu.
Daa’imchi yeroo ammaa haala fayyaa guutuurratti akka argamus Poolisiin Dirree Dhawaa fuula Feesbuukii isaarratti beeksiseera.
Gar. Saajin Beteliheem ofii isaanii mucaa waggaa lamaa qabu. Daa'ima isaanii harma hoosisaa kan jiran ta'uurraa kan ka'e daa'ima lafaa argame kanas harma akka hoosisan dubbatu.












