Israa’el mormiin raafamaa jirti, MM Netaniyaahuu dhiibbaa jabaa jala jira

Madda suuraa, Reuters
Humna waraanaa biyyattii keessatti dabalatee Israa’elitti jijjiiramni sirna haqaa hawaasa Israa’el guutuu biratti dheekkamsa guddaa uume.
Rifoormii sirna haqaa kana kan jalqabsiisan ministirri muummee Israa’el Benjaamiin Netaniyaahuu ammoo dhiibbaa jabaa jala galeera.
Netaniyahuun ministira ittisaa biyyattii hojiirraa ar’iuu hordofee Dilbata galgalaarraa kaasanii lammileen biyyattii kumaatamaan daandiitti ba’uun mormaa jiru.
Netaniyahuun jijjiiramni haqaa karorsan kun manneen-murtii aangoo isaaniif kennameen ol akka hin gargaaramne taasisa jedhe.
Haaromsi kun karoorawwan akka mootummaan koree abbootii seeraa muudan irratti ol-aantummaa qabaatuufi to’atu taasisa jedhamaa jira.
Qeeqxonni garuu tarkaanfii sirna haqaa haaromsuu kun yakka malaammaltummaan himatamee qorannoo isarratti gaggeeffamaa jiru keessatti akka isa gargaaruuf kana gochaa jira jedhu.
Poolisoonniifi loltoonni mormitoota mana Netaniyaahuu Yerusaalem keessatti argamu fuuduratti walitti qabaman bittinsuudhaaf bishaan itti biifaa turaniiru.
Waamicha mormii biyyattii keessatti dhaga’ame hodofee hojjetoonni Buufata Xiyyaaraa Tel Aviv's Ben Gurion hojii dhiisanii ba’uu isaanii hordofee xiyyaarri
Wixata ganama, Pirezidantiin Israa’el Isaaq Herzog mootummaan rifoormii sirna haqaa jalqabe kana akka dhaabuuf gaafateera.
“Tukkummaa uummata Israa’eliif akkasumas, itti-gaafatamummaan akka jiraatuuf jecha adeemsa sirna haqaa jijjiiruu atattamaan akka dhaabdan isin nan gaafadha,” jechuun fuula Tiwiitara isaarratti kan barreesse Pirezidant Isaaq, “iji uummata Israa’el hundinuu sirra jira,” jedhe.
US ammoo gamasheetiin wantonni Israa’el keessatti akka ishee yaaddesse ibsuun wal dhaggeeffachuun akka jiraatuuf waamicha taasifteetti.
Seera haaraa kana dura dhaabbachuudhaaf mormiin torbaniif itti fufa jedhamaa jira.
Rifoormiin sirna-haqaa Israa'el maaliif mormii kaase?

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkaataa sirni haqaa biyyattii ittiin hojjetu jijjiiruu hordofee Israa'el seenaa ishee keessatti mormiin biyya keessaa baayyee hamaadha jedhame ishee mudateera.
Erga bara haaraatii rifoormii sirna-haqaa mootummaan karoorse mormuun torban torbaniin hiriirri gaggeeffamaa jira.
Sadarkaan mormii hammaachaa dhufuun hiriirtonni magaalaa daldalaa guddoo biyyattii Tel Aviv dabalatee magaalota biyyattii hunda keessatti babal#'ateera.
Mormitoonni karoorri sirna haqaa jijjiiruu akka haqamuufi MM Benjaamin Netaniyaahuu akka aangoo gadhiisaniif gaafachaa jiru.
Masaanota siyaasa mormii kana ta'an mormii kana dura bu'uun gaggeessaa kan jiran ta'ullee, dhimmi kun paartilee siyaasaa hunda keessatti dheekkamsa jabaa kaaseera.
Hunda caalaa ammoo loltoonni eeggatoo warri lafee dugdaa humna Israa'el jedhaman hojii deemuu dhaabuudhaan mormii dhageessisaa jiru. Kun ammoo nageenya Israa'el balaaf saaxiluu mala jedhamee akeekkachiifni dhiyaataa jira.
MM Netaniyaahuun gaggeessitoonni mormii kanaa mootummaa fonqolchuu barbaadanii kana gochaa jiru jechuun hanga ammaatti mormii kana ilaalee karoora isaarraa duubatti deebiyee hin jiru.
Haata'u malee, guyyaadhaa gara guyyaatti dhiibbaan itti cimaa kan jiru yoo ta'u, ministirri ittisa biyyaa faallaa karoora isaa dhaabbatee dubbates hojiirraa akka ar'iamu ta'eera.















