Filannoo UK'n Paartiin Riishii Suunaak waggoota 14 booda mo'ame

Siir Kiir istaamer filannoo UK mo'achuun MM haaraa tahuuf

Filannoo waliigalaa UK gaggeesiteen paartiin 'Labour' injifannoo gudda aragate.

Filannoo kana irratti paartiin 'Labour' ol aantummaa paartii Konzervaatiiv waggoota 14 qabatee ture cabse.

Sir Kiir Istaamer dursaan paartii Labour ministira muummee UK haaraa tahuun filatamu jedhamee egama.

Paartii Konzervaatiiv irraa waggoota 14 keessatti namootni adda addaa shan biyyattii gaggeessaniiru.

Riishii Sunaak filannoo kan airratti mo'amuu amananii, Sir Kiir Istaameriin bagfa gammadde jedhaniiru.

Paartiin Labour bara 2019 nama siyaasaa Jeremii Koorbiniin durfamuun filannoo irratti kan dorgome yoo tahu, waggoota 100 keessatti mul'atee kan hin beekneen sagalee xiqqaa argachuun mo'ame.

Labour ''haaromsa biyyaalessaa'' akka fidu waadaa galuun ''fedha biyyaa jalqaba irra fedha paartii lammaffaa''' gochuun akka hojjetu hime.

Waggoota 200 keessatti sagalee warri Konzervaatiivii argatan isa xiqqaadha.

Paarlaamaan UK 'House of Commons' jedhamu miseensota paarlaamaa [taa'umsa] 650 qaba.

Taa'umsi tokko tokkoo isaa naannoo irraa filataman akka bu'a.

Tilmaama BBC hojjetame akka agarsiisutu Labour taa'umsa 410, Konzervaatiiv taa'umsa 144, akkasumas Liberal Dimokiraatis kan jedhaman 58 argataniiru.

Labour taa'umsa 170 argachuun mootummaa isaanii hundeessuuf gahaadha. Garuu kan Toonii Bileer bara 1997 argatan 179 bira hin geneye.

Paartiin taa'umsa caalmaa argate seera kamiyyuu dabarsuuf sagalee miseensota paartii kaanii argachuu irratti hin hirkatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministira muummee UK tahuun guyyoota 49 qofa kan hojjette Liiz Tiraas mo'amteetti.

Saawuz West Noorfokitti kan dorgomte Liiz Tiraas taa'umsa paarlaamaa osoo hin argatiin hafte.

Ministira Ittisaa UK kan tahan Giraant Shaapsi Saawuzern Ingilaanditti dorgomuun taa'umsa isaa dhabe.

Dursituun Paarlaamaa Peenii Moordaanti kan Riishii Sunaak waliin dorgomuun kana dura mo'amtee aangoo ministira muummee tahuu dhabde taa'umsa paarlaamaa dhabdeetti.

Qondaalonni paartii Konzervaatiiv jajjaboon suuta suutaan mo'amuun taa'ums aisanaii dhabaniiru.

MM UK aangoo gadhiisaa jiran Riishii Suunaak bakka dorgoman Yoorkishaayer keessatti sagalee 12,000 argachuun mo'ataniiru. Suunaak taa'umsa paarlaamaa ragataniin kan itti fufan taha.

Siyaasa UK keessatti waanti hunduu ariitiin jijjiirama. Amma filannon gaggeeffame lakkaa'maee xumuramuun guyyuma itti aanu ammoo ministirri muummee haaraan muudama.

Riishii Suunaak masaraa mootummaa UK '10 Downing Street' jedhamu keessaa sa'a 24tti baha.

'10 Downing Street' Waayit Haawus UK akka jechuuti. Akkuma inni baheen Sir Kiir Istaamer kan bakka qabatan taha.

Garuu adeemsa keessa darbu qaba. Suunaak aangoo gadhiisuu isaa Mootii UKtti xalayaa galfachuu qaba. Sir Kiir Istaamer ammoo mootichaan afeeramuun akka mootummaa hundeessan godhama.

Wal gahichi ammoo masaraa Bakiingihaam keessatti gaggeeffama.