Filannoo Raashiyaa: Putiin yeroo shanaffaaf filatame, dimokiraasii warra lixaatti qoose

Madda suuraa, Getty Images
Vilaadmiir Putiin filannoo kana morkattootasaa sagalee hedduun caalee yeroo shanaffaaf pirezidantii akka ta'u himataa ba'e. Bulchiinsi Kireemlin jiru duraanuu kaadhimamtoota kaan sadan akka Putiin fedhutti qajeelcheera.
Wayita qondaaltonni filannoo sagalee kenname keessaa dhibbeentaa 87 argachuusaa ibsan, dimokiraasiin Raashiyaa kan biyyoota lixaa caalaa iftoomina qabaachuu ibse Putiin.
Dhugaan ture garuu, morkataan Putiin dura dhaabbatee aangoosaa qore tokkollee akka hin jirredha.
Filannoo kanaan walqabatee mormiin bakka garaagaraatti gaggeeffamaa ture.
Deeggartoonni morkataa Putiin kan dhiheenya addunyaa kanarraa du'aan boqatee- Aleeksii Naavaalnii, mormii cimaa Putiin irratti dhageessisaniiru.
Kanneen Putiin mormuun magaalota Mooskoo fi St Petersburg dabalatee magaalota gurguddoo Raashiyaa fi imbaasiiwwan biyyattii biyyoota alaa garaagaraa jiran duratti ba'an garuu, bu'aa filannoo irratti dhiibbaa uumuu hin dandeenye.
Gareen to'attootaa (Monitoring group OVD-Info jedhamu) filannoo kanarratti yoo xiqqaate lammiileen Raashiyaa 80 ta'an hidhamuu ibse.
Jimaata darbe buufataalee filannoo muraasa irratti haleellaan gaggeeffamee ture, sun garuu Sambataa fi Dilbata irra hin deebi'amne.
Biyyoonni lixaa filannoon kun haqa qabeessaa fi bilisa miti jechuun qeeqaniiru.
Jarmaniin ''filannoo fakkeessaa'' kan mootummaan abbaa irree fakkeessaaf gaggeessedha jette.
Ministirri Dhimma Alaa UK Loord Kaameeruun daangaa Yukireen keessatti filannoon Raashiyaa gaggeeffamuu balaaleffatan.
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii ''mootummaan abbaa irree Raashiyaa akka waan filannoo haaraa gaggeessee fakkeessaa jira,'' jechuun qeeqan.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lammiileen Raashiyaa guyyoota sadiif filannoo kana filataa turan, kanneen daangaa Raashiyaan Yukireen keessaa qabatte keessa jiraatan ammoo guyyaa sadii oliif filataa turan.
Uummanni naannawa sana jiraatu akka filannoo kanarratti hirmaatu amansiisuutu yeroo fudhate.
Qondaalli komishinii filannoo tokko magaalaa Raashiyaan Yukireen irraa fudhatte jedhamu- Berdyansk keessatti ajjeefameera.
Pirezidant Putiin karaa TV mootummaa biyyattii wayita waa'ee bu'aa filannoo kanaa dubbatan, ''filannoon kun akkaan iftoomina kan qabuu fi dhoksaa tokkollee kan hin qabneedha. Dimokiraasiin Raashiyaa iftoomina qabaachuun kan warra lixaa akka caalu kun agarsiistuudha,'' jedhan.
Morkattoonni filattoonni baayyinaan ba'anii mirgasaaniitti fayyadamuun akka filatan gochuusaaniitiifis galateeffataniiru Putiin.
Putiin amma akka ta'e ta'ee filannoo irra aaneera, yoo xiqqaate hanga 2030 aangoorra akka turu mirkanaa'eera jechuudha.
Namni siyaasaa biyyoota llixaatti mataa jabaachuun beekamu kun erga abbaa irree bara Sooviyeet Jooseef Istaalin as aangoorraa bu'ee hin beeku.
Bara 2000 irraa kaasee biyyattii bulchaa jira, nama yeroo dheeraaf Raashiyaa bulchedha.
Ammas filannoon pirezidantummaa kanuma isaati, dirree kana keessa kan cimee taphatu hin jiru.
Kireemlin sirna siyaasaa, miidiyaa fi filannoo hunda to'attee harkaa qabdi.
Kaadhimamaan paartii Koministii Nikolaay Karitonov sagalee kenname keessaa harka afur qofa argate.
Kaadhimamaan isa waliin ture ammoo kanaa gadi argate.
Kaadhimamtoonni sadeenuu kan Putiiniif qormaata ta'an hin turre. Inumaa Nikolaay Karitonov ammoo filannocha dursuun Putiin leellisaa ture.
Kanaaf lammiileen Raashiyaa miiliyoonaan lakkaa'aman ba'anii kan filatan Putiin qofa ture, filannoo biraa waan hin qabneef.












