Israa’el hospitaala guddicha Gaazaa weeraruu ilaalchisee waan beeknu

Madda suuraa, ISRAEL DEFENCE FORCES
Waraanni Israa'el hospitaala guddicha Gaazaa weeraree sakkatta'insa ''duula Hamaas irratti xiyyeeffate'' jedhe gaggeessuu ibse.
Hospitaala Al-Shifaatti namni taatee sana ijaan arge tokkoo BBC'tti akka himanitti, loltoonni Roobii galgala edaa hospitaalicha seenuudhaan namoota gaafachaa turan.
Guyyaa Roobii darbe, Israa'el hospitaalicha keessatti ''wiirtuu opporeeshinii hidhattoota Hamaas'' argachuu ibsuun, suuraa meeshaa waraanaafi meeshaalee kan Hamaas jette qoodde.
Hamaas hospitaalicha keessaa haleellaa raawwataa jiraachuu kan haale yoo ta'u, BBC‘nis himannaa gama lachuurraa dhiyaate kana addatti hin mirkaneessine.
Hoogganaan gargaarsa namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Maartiin Giriifiitis weeraraafi sakkata'iinsa Israa’el hospitaalicha keessatti raawwatatte kanaan ''rifachuu'' yoo himan, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ammoo dhukkubsattootaafi hojjettoota isaa qunnamuu dadhabuutti ''baay'ee yaadda‘uu'' ibse.
BBC'n gaazexeessaafi hakiima hospitaala keessa jiran, haala hospitaalicha keessatti ta'aa jiru kan gaafatee yoo ta'u, raayyaan Ittisa Israa'elis (IDF) odeeffannoo haaraa kennaa jira.
Namni hospitaalicha keessa ture maal hima?
Gaazexeessaan Hospitaala Al-Shifaa keessa jiru, Kadir jedhamu gaazexeessaa BBC Rashid Abuhalufitti akka himeetti, loltoonni Israa'el hospitaalicha ''guutumaan guutuutti kan to'atan'' yoo ta'u, dhukaasni tokkollee dhukaafamaa hin turre jedhe.
Akka gaaxezessaan kun jedhetti, halkan keessa taankonni jahaafi komaandoowwan 100 ta'an gamoo hospitaalichaa seenan.
Sana booda ammoo humnoonni Israa'el kutaa kutaa irra deemuun hojjettootaafi dhukkubsattoota gaggaafataa turan.
Waraanni Israa‘el ogeeyyii kutaalee baqaqsanii wallaanuufi balaa tasaarraa kan hafe dhiironni umuriin isaanii waggaa 16-40 gidduu jiran hundi gamoo hospitaalichaa keessaa akka gadhiisanii dirree mooraa hospitaalichaatti bahan ajajan.
Loltoonni Israa’el namoonni keessatti hafan akka gadi bahan dirqisiisuuf qilleensatti ol qabanii dhukaasaa turan jedha Kadir.
Haata'u malee, Ministeera fayyaa Hamaasiin durfamuutti Daareektarri hospitaalota Gaazaa, Muhaammad Zaquut, taateen sun ''rasaasa tokkicha dhukaasuu qofa miti.''
Sababiin kan isaaniin ''morman ykn kanneen to'ataman'' hospitaalicha keessa hin jiran'' jechuun Al Jazeeraatti himan.
'Wiirtuun opporeshinii waraana Hamaas argamuu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Roobii ganama Waraannii Israa’el loltoonnisaa ''iddoo murtaa'etti haleellaa Hamaasirratti xiyyeeffate gaggeessaa jirra jechuun ibse.
Sakatta'iinsi kun ''odeeffannoo basaasaafi barbaachisummaa oppereshinii waraanaa gaggeessurratti kan hundaa'e'' jechuun Waraanni Israa’el ibse.
''Shororkeessitoonni Hamaas hundi'' achitti argaman harka kennachuu qabu,'' jechuun gaafate.
Loltoonni Israa‘el gamoo hospitaalichaa yeroo seenan miseensota Hamaas wajjin wal loluun hedduu ajjeesuusaanii beeksisan.
Roobii galgala Waraanni Israa‘el akka jedhetti, loltoonni gamoo MRI keessaa ''wiirtuu ajaja waraanaa, meeshaa waraanaafi teeknoloojii waraanaaf oolan'' kan Hamaas argataniiru.
''Gamoo hospitaalichaa keessatti sakatta’insa gaggeessuu ittifufna'' jechuun suuraafi viidiyoo meeshaa waraanaa Hamaas jedhan qoodan.
Viidiyoo daqiiqaa torba qabu keessatti Dubbi-himaan Waraana Israa’el Joonataan Koornikas kaameeraa nageenyaa haguugametti quba qabaa, qawwee kilaashii AK47 meeshaa wal’aansa fayyaa MRI duuba dhofkamuu himan.
BBC'n hanga ammaatti viidiyoo kanas ta'e bakka inni jiru addatti mirkaneessuu hin dandeenye.
Garuu Israa'el waan dabalataa beeksifte malee, sakatta’insi waraanaa falmisiisaa hospitaala keessaatti gaggeefame meeshaa waraanaa guddaa hin galmeessine jetti gabaastuun BBC Orlaa Guurin Yerusaalemirra.
Hamaas akka Israa’el achi dhaqxu beeka, kanaaf yoo hospitaala jala ture, neetworkii boolla lafa jalaa Gaazaa bal’aa qulqulleessuuf turtii torbanitti lakkaa’amu itti fudhata jette Orlaan.
Raadiyoon Waraana Israa’el akka gabaasetti, loltoonni Israa’el namoota 240 Hamaas haleellaa Onkoloolessa 7 Israa’elitti raawwateen bute eessaa akka jiran hanga ammaatti mallattoo agarsiisu hin arganne jedhe.
Al-Shifaa sakatta’uun kan eegalame Ameerikaan Hamaas hospitaalicha jalatti bu’uuraalee misoomaa tolfate jettee Israa’el ifatti erga deeggartee yeroo muraasa booda.
Haata'u malee, ogeessi baqaqsanii wal’aanuu Al-Shifaa Dr Ahimad Mokallalati BBC'tti akka himanitti, hospitaalicha keessa namoota nagaa qofatu jira.
Hospitaala Al-Shifaa dabalatee gamoo Gaazaa hunda jalatti bolli lafa jalaa jiraachuu himan.

Madda suuraa, Rooyitars
Rakkoo namoomaa Gaazaatti hammaate
Dr Mokallalatiin Roobii darbe BBC'tti akka himanitti, hospitaalichi ibsaa, oksijiiniifi bishaan hin qabu.
Kibxata darbe baqaqsanii wallaanuun qoricha dhukkubbii nama dagachiisu anisteezhiyaa malee raawwatame, dhukkubsattoonni ''iyyaa turan'' jedhan.
Doktoroonni dhukkubsataa qaamnisaa gubate tokko gargaaruu hin dandeenye, achumaan du’e jedhan.
Dr Mokallalatiin akka jedhanitti, guyyoota muraasa darban keessa daa'imman otoo hin gahiin dhalatan jaha du'aniiru.
"Maaliif daa’imman kana hospitaalicha keessaa baasuu dadhaban? Afgaanistaanitti sarootaafi adurreellee baafataniiru" jedhan.
Waranni Israa’el inkubaatarii, nyaata daa’immaniifi meeshaalee wal’aansaa nan dhiyeessaa jedhee ture.












