Kaampaanonni Hindii Itoophiyaatti carraa hojii namoota 75,000 tahaniif uumaniiru- Naarendiraa Moodii

''Itoophiyaan biyya leencotaati. Akkan qe'ee jiruutti natti dhagahame. Sababni isaa qe'een dhalootakoo Guujiraat Hindi keessaa qe'ee leencotaati,'' jedhan MM Hindii Naarendiraa Moodii.

Kabaja paarlaamaa keessanii fi imala dimokiraasii keessaniif qabuun fuuldura keessanitti argame'' jedhan.

Itoophiyaan bakka argama Luusii tahuu himuun bakka argama hunda keenyaati jedhan Moodiin.

Dabalataan Itoophiyaa fi Hindi bakkatti qaroominni durii jalqabedha jedhan.

Itoophiyaa fi Hindiin hariiroo jabaa durii jalqabanii akka qaban himan.

Hariiroo dippilomaasii garasitti barsiisonni Hindii kumaatamni kutaalee Itoophiyaa garaagaraa keessa barsiisaa akka turanii fi har'as akka hojjechaa jiran himan.

Qaroomina durii biyyoota lamaan wal isaan fakkeessus himaniiru. Daladalli Itoophiyaa fi Hindii waggaa 2000 dura akka jalqabes himaniiru.

Kaampaanonni Hindii Itoophiyaa keessatti gara doolaara biliyoona shanii oliin akka invasti godhan himan. Carraa hojii namoota 75,000 uumaniiru jedhan Naarendiraa Moodii.

Ministerri Muummee Indiyaa Naarediraa Moodii Mudde 16, 2025 daawwannaa hojiif Finfinnee yoo galan sirna ho'aan simataman. Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad jila isaanii waliin buufata xiyyaaraa deemuun simatan.

Naarendiraa Moodii yaada miidiyaa hawaasa isaanii gubbaatti maxxansaniin simannaa ho'aan godhameefiitti kabajani akka itti dhagaahame ibsaniiru.

''Itoophiyaan biyya biyya seenaa guddaafi aadaa jabaa qabduudha'' kan jedhan Moodiin biyyootni lamaan ''qaroomina walfakkaatu qooddataniiru'' jedhan.

Aanga'oota Itoophiyaa waliin mariyachuun hariiroo biyyoota lamaanii daran cimsuu haala danda'amurrattis mariyataniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gama isaaniin ''daawwannaan kabajamoo Ministira Muummichaa hariiroo biyyoota keenya lamaan gidduutti guddachaa dhufe kan agarsiisuudha''jedhan.

Dabaluunis mariin gaggeessan ''dhimmoota waloo dursa laannuuf walta'insa keenya kan cimsu akka ta'u nan amana jedhan.

Ministioonni Muummee biyyoota lamaanii addatti ''marii milkaa'aa'' gaggeessuu isaaniis himaniiru.

Marii jila biyyoota lamaanii wajjin godhame irratti ammoo hariiroo isaanii sakatta'uun mariyachuu himaniiru.

Aanga'oonni lamaan guyyaa jalqabaa daawwannaa Moodiirratti sanada waliigaltee walhubannaa adda addaas mallatteessaniiru.

Isaan keessaa ijoon deeggarsa bulchiinsa waliinii Gumruukii fi Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa keessatti gidduugala daataa hundeesuu akka ta'e Abiy barreessaniiru.

Dabalataan nagaa eegumsa Mootummoota Gamatoomaniirratti akkasumas nagaafi tasgabbii idila adunyaa irratti murannoo waloo cimsuurratti waliigaltee walhubannoo mallatteessuus beeksisan.

Galagaluma kaleessaa sagantaa hirbaataa gaggeeffame irratti Ministirri Muumee Abiy gitasaanii Indiyaa kanaaf Nishaanii kabaja Olaanaa Itoophiyaaba dhaasaniiru.

Moodiin badhaasa kana booda ''biyya addunyaarraa qaroomina duraanii heddu qabdu kanarraa badhaasa kabajaa kana argachuun koo hedduu na boonsa'' jedhan.

Uummata Itophiyaafi Ministirri Muummee Abiy badhaasa kabajaa kennameef galateeffatan.

''Kabajaan kun kan lammiilee Indiyaa waggoota hedduu darban keessa hariiroo Indiyaa fi Itoophiyaa warra eegalaniifi cimsanii dhaaban hedduuti'' jedhaniiru.

Moodiin ''sii achi michummaan Indiyaa fi Itoophiyaa daranuu jabaachaa adeema'' jedhan.

Moodiin akkuma Finfinnee gahaniin sirna buna danfisuu Itoophiyaarratti argamaniiru.

Suura miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaa qoodaniin sagantaan kun hambaalee hedduun badhaatuu ta'uu agarsiisa jedhaniiru.

Naarediraa Moodii Itoophiyaa yeroo daawwatan kun kan jalqabaati. Finfinnee galuu isaaniin dura ammoo Jordaaniifi Omaan turanii garan dhufan.

Moodii dura yeroo dhumaatiif Ministirri Muumee Indiyaa Itoophiyaa kan daawwate bara 2011 waggaa 14 dura.

Yeroos Ministira Muummee Indiyaa kan turan Maanmohaan Siing yoo ta'an Ministirri Muummee yeroo sanii Itoophiya ammoo Mallas Zeenaawii turan.

Kaampaniiwwan Indiyaa 650 ta'an daameewwan investimeentii akka maanufaakcheriingii, huccuu, faarmasii, ICT fi aagroo piroosasiingiirratti hojjachaa jiru.

Inveestimeentiin kaampaniiwwan Indiyaa Itoophiyaa keessa jiran kanaa waliigaltti doolaara biliyoona shan baasa.