Pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa aangorraa dhorkaman hidhuun maaf rakkisaa ta'ee ture?

Madda suuraa, Getty Images
Har'a Roobii ganama poolisoonni 3,000 ta'an mana jireenyaa Kooriyaa Kibbaa aangorraa kaafaman Yoon Suuk Yeol deemanii ture. Kaayyonsaanii isa hidhuuf ture.
Manni pirezidaantichaa dallaa fi eegumsa cimaa kan qabu waan ta'eef poolisoonni dallaa cabsanii seenuf yaalii eegalan.
Sa'aatii muraasa booda torbanootaf to'annoo seeraa jala hin oolu jedhee kan dide Yoon Suuk poolisiin to'annaa jala olche.
Poolisiin jalqaba ji'a kanaa to'annaa jala oolchuf yaalii godhanii turanis sa'aatii jahaaf poolisiifi eegdota pirezidaantii gidduutti muddamni erga uumamee booda to'annaa jala oolchuu dadhabanii deebi'an.
Yeroo sana pirezidaanticha to'annoo jala oolchuf kan deeme poolisii 150 qofa ture. Har'a garuu isa qabuuf poolisii 3000 tu ramadame.
Yoon Suuk amma barcuma pirezidaantummaarraa dhorkamee, murtee mana murtii heeratu isa eeggata.
Manni murtii heeraa itti murraan guutummaan itti gaafatamummaasaarraa ni kaafama.
Garuu yeroo hamma kana to'annoo jala oolchun maalif rakkisaa ta'e?
Eegdota pirezidaantii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaafa Mudde 3, pirezidaantiin biyyattii Yoon Suuk Yeol labsii muddamaa heerri hin hayyamneef labseera jechuun mormiin cimaan erga dhalatee Kooriyaa Kibbaa keessatti torbanoota darban muddama cimaatu ture.
Pirezidaantichi aangoo akka hin malletti fayyadameera jechuun miseensonni paarlaamaa biyyattii sagalee kennuun akka aangorraa dhorkamu murteessan.
Qorattoonni yakkaa gaaffif akka barbaadan gaafannaan dhiyaachuu dide. Kuni ammoo ajaji hidhaa akka irratti bahuuf sababa ta'e.
Haa ta'u garuu to'annoo seeraa jala galchuun salphaa hin turre. Danqaa guddaa kan ta'e eegdota pirezidaantiti. Gaafa Amajjii 3, poolisoonni pirezidaantii aangorraa dhorkame to'annoo jala oolchuf yeroo deeman karaa itti cufuun ittisan.
Xinxaaltonni akka jedhanitti eegdonni kun akka inni hin to'atamne kan ittisan amanamummaa isaaf qabaniifi. Gama biraan ammoo gaggeessitoota Tajaajila Nageenya Pirezidaantii heddu kan muude pirezidaanticha.
Yoon dursee yeroo rakkoo akkanaa akka isaaf ta'utti namoota isaaf amanamoo ta'an akka qacare hima dhimma Kooriyaa xiinxaluun kan beekamu Kiritofar Juumin Lii.
Eegdonni pirezidaantichaa marsaa kana akka isa jalqabaa muddama hin uumne.
Miidiyaan Kooriyaa Kibbaa Yonhap akka gabaasetti, miseensonni Tajaajila Eegumsa Pirezidaantii hedduunsaanii har'a boqonnaarra jiru, kaan ammoo manaa hin bahin turan.
Eegdota isaatin alatti, gaggeessaa garee leellistootaa ta'e kun kanneen isa deeggaran heddu qaba.
Deeggartoonni isaa BBCn dubbise tokko tokko pirezidaantii aangorraa uggurame ittisuuf lubbuusaanii akka kennaniif himu. Himanni irratti dhiyaates bu'uura kan hin qabnee himu.
Gaafa Yoon Suuk poolisiidhan akka hin to'atamneef deeggartoonni kun kumaatamaan hiriira bahanii ture.

Madda suuraa, Reuters
Ejensii 'gahumsa hin qabne'
Dhaabbati dhugaatti xiyyeeffannoo jala gale Waajjira Qorannoo Malaammaltummaa Qondaaltota Olaanoo (CIO) biyyattii, kan poolisii waliin ta'uun qorannoo kana hoogganaa jirudha.
Yaaliin jalqabaa Yoon to'achuudhaaf taasisfame akkamitti akka hin milkoofne irratti gaaffiin ka'aa kan ture yoo ta'u, qeeqxonni hanqina qophii qabaachuu fi qindoomina kan hin qabne ta'uu himatu.
Ejensichi waggoota afur dura bulchiinsa duraaniitiin kan hundeeffame yoo ta'u, kunis aarii ummataa pirezidaantii duraanii Paarkii Geeun-haayi kan aangoo irraa kaafamanii fi boodarra himmannaa malaammaltummaatiin hidhameed deebii kennuuf ture.
Yaaliin ji'a kanaa fashalaa'unsaa, CIO ''kan duraanuu sababii sayaasaa fi dandeettiidhaan maqaa gaarii hin qabneef caalaa maqaan baduudhuudha,'' jedhu Saa'ooliitti Yunivarsiitii Haankuukiitti gargaaraa piroofeesara Qo'annoo Alaa kan ta'a, Meeson Richeey.
Waajjira Qorannoo Malaammaltummaa Qondaaltota Olaanoo to'annoo har'aa akka milkaa'inaatti galmeessuu danda'a ta'a. Haata'u malee, gara fuulduraatti attamiin qorannicha akka gaggeessan kan ilaalamu ta'a jedhu, Pirofessarri kun.
''Waa'ee qorannoo ilaalchisee ergaa isaanii namoonni baayyeen hin amanan'' jedhu itti dabaluudhaan.
"Dhaabbileen garaagaraa faayidaa mataasaaniif jecha qorannoo kana dursuuf erga wal dhabaniin booda ture kan jeequmsa kana keessa seenne," jedha miseensi dhaabbata aktivistii Oggeessoota Seeraa Hawaasa Dimookiraasii kan ta'an ogeessi seeraa Lee Chaang-miin.
"Qaamni qorannoo waloo jiraatulleen, dhimmichi poolisiif dabarfamuu qabaata. Poolisiin ammoo aangoo isaa mirkaneessuu qaba," jechuun itti dabaluun.
Dhugaa dubbachuuf CIO, Yoon irratti himannaa banuuf aangoo hin qabu, qorannoo isaa booda dhimmicha abbootii alangaa kutaa biyyattiif dabarsee kenna jedhamee eegama.
Abokaatoowwan Yoon gamasaanitiin CIOn akka ejjansii farra-malaamaltummaatti, himannaa finiciluu Yoon irratti dhiyaate qorachuudhaaf aangoo hin qabu jechuun falmu.
Kooriyaan Kibbaa amma daangaa hin beekamne keessa kan jirtu yoo ta'u, Yoon pirezidaantii hojiirraa jiran keessaa isa jalqabaa to'annoo jala ooledha.
Akkasumas qorannoon isarratti gaggeeffamuus gamtaa konsarvaatiivii keessaa "qaamolee leellistoota, qaamoolee ilaalcha nuti sinii beekan jedhanii (populist) fa'i sochoosuudhaan dhiibbaa guddaa" gochuu danda'u jedhu Aab Lee.












