Itoophiyaatti namoonni miliyoona afur gargaarsa 'nyataa hatattamaan barbaadu’-Komishinii

Namoota gargaarsa fudhachaa jiran

Komishiniin Ittisa Balaa Itoophiyaa biyyattii keessatti namoonni miliyoona afuritti siqana gargaarsa ‘nyaataa hatatamaa barbaadu’ jedhe.

Komishinichi ibsa Qindeessaa Dhimma Namoomaa Biyyoota Gamtooman (UN) waliin baaseen, bakkawwan hongee mudateen haalaan midhaman naannoolee Affaar, Amaaraa, Tigraay fi Oromiyaa, akkasumas kibbaafi kibba-lixaa dabalata jedheera.

“Hanqinni wabii nyaataa, rakkoo nyaata madaalawaa hamaa, hanqina bishaaniifi weerara dhibee (busaa, gifiraafi koleeraa), akkasumas miidhaan horiirra gahe naannolee hongeen miidhaman kanneen keessatti haala jiru hammeesseera," jedhe Komishinichi.

Waraana waggaa lamaatiin akka malee kan miidhamte naannoo Tigraay keessatti ummanni miliyoonaan lakkaa’amu gogiinsaafi beelaaf saaxilameera.

Sababa lola mootummaa giddu galeessaafi humnoota isaa maddii hiriiraniifi humnoota Tigraay gidduutti waggoota lamaaf geggeeffameen lubbuun namoota kuma dhibbaan lakkaa'amanii darbeera.

Waraanni kun gaaga’ama jireenyaa guddaa fideera, hojii qonnaa gufachiiseera, namoota kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’ee isaaniirraa buqqiseera.

Gogiinsi iddoowwan tokko tokkootti uumame, weerara hawaannisaa dabalatee, haala kana daran hammeesseera.

Angawoonnis sababa hanqina roobaafi dhaabbileen gargaarsa kennan gargaarsa namoomaa addaan kutaniin namoonni beela’aa akka jiran irra deddeebiin dubbataa turan.

Qondaaltonni naannichaa gogiinsa godinaalee shan keessatti uumameen namoonni miliyoonaan lakkaa’aman beelaaf saaxilamuu kan himan yoo ta’u, qondaaltonni federaalaa garuu himannaa kana haalaniiru.

Gareen addaa dhimma gargaarsa namoomaa kan Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraayiin durfamu hundaa'uun lubbuu namoota sababa gogiinsaan beela'aa jiranii baraaruuf deeggarsa kennaa ture.

''Tigraay keessatti gogiinsi hamaan bara 1951 fi 1977 [Itoophiyaa] ture; kan sana caalaa hammaatu nu mudachaa jira.''

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetachoo Raddaa rakkoo kana gogiinsa bara 1977 [Itophiyaa] mudateen wal bira qabuun ''Tigraay dhibbeentaa 91 balaa du’aafi beela keessa jirti,'' jedhan.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa garuu sababa balaa uumamaafi walitti bu'insaan hanqinni nyaataa jiraatus beela bara '77' waliin wal bira qabanii dhiyeessuun sirrii akka hin taane ibsuun ibsa bulchiinsa yeroo Tigiraay qeeqeera.

Gogiinsi bara 1977 hammam suukaneessaa ture? ​

Bara moototaafi sana boodas Itiyoophiyaa keessatti, keessattuu kutaa kaaba biyyattiitti hongee fi gogiinsi yeroo garaagaraatti mudachaa ture.

Inni hamaan bara 1888 fi 1892 gidduutti kan mudate yoo ta'u, ummata biyyattii keessaa tokko sadaffaan sababa kanaan du'aniiru.

Jaarraa 20ffaa keessas namoonni kumaatamaan lakkaa’aman biyyattii keessatti ammas kutaa kaaba biyyattiitti – yeroo adda addaatti gogiinsa fi beelaan du’aniiru.

Gogiinsi bara 1984 (ALI 1977 ) garuu hunda caalaa hamaa akka ta’e himama.

Yeroo sanatti torbanitti daa’immaniifi ga’eessonni kumaatamaan lakkaa’aman akka du’an seenaan ni hubachiisa.

Qondaalli gargaarsaa tokko yeroo sanatti naannoo hongeen itti mudate kanaan ''si'ool lafarraa'' jechuun ibseera. Garuu dubbiin kun garmalee kan dhaadheffame hin turre.

Gogiinsi kun Ityoophiyaatti lubbuu namootaa hanga miliyoona 1 kan galaafate yoo ta’u, lammiileen miliyoona 2 ol qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru jedhamee amanama.

Beela kana maaltu fide? Maaltu hammeesse?

Beela 1984 Itoophiyaa mudate
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo sanatti beela kanaaf sababa ta’an babbadoon adda addaa turaniiru.

Isaan keessaa muraasni gogiinsi irra deddeebiin mudachuu, midhaan sassaabuu dadhabuu, hanqina oomishaa, sababa waldhabdeetiin namoota rakkatan qaqqabuu dhabuu fi imaammata mootummaa naannoo murtaa’etti daangeffameefi gargaarsa kennuu daangessuudha.

Sadaasa bara 1984tti namoonni tilmaamaan miliyoona 6 hanga miliyoona 10 taʼan beelaaf saaxilamaniiru.

Kanneen keessaa miliyoona 2.5 haala hatattamaa lubbuu namaa balaarra buusu keessa akka turan Ejensiin Misooma Idil-addunyaa Yunaayitid Isteetis beeksiseera.

Birraa bara 1984 naannoleen haalaan miidhaman Tigraay, Wolloo, fi Eertiraa – naannoowwan daandii fi geejjibaa baay’ee daangeffame kan qabsoo farra mootummaa yeroo dheeraa fi haalli nageenyaa hin eegamne ta’e.

Mootummaan abbaa irree waraanaa (Dargii) kan Mangistuu Haayilamaariyaamiin durfamu hongee kana Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) dadhabsiisuuf akka tooftaatti fayyadame jechuun himannaan dhiyaachaa ture.

Kunis Tigraay keessatti dhiyeessii nyaataa, maqaa ''jijjiirama hawaasummaa (Social change)'' jedhamuun beekamu daangessuuf ture jedhu.

Kanneen himannaa kana dhiheessan imaammatoonni mootummaa bifa gurmaa'een, karooraan, hojiirra oolaa turan kunneen itti yaadanii miidhaa hongee kana hammeessuu kaasan, kanaanis lakkoofsi namoota du’anii gara miiliyoona 1.2 akka ga’e himu.

Jalqaba mootummaan Itoophiyaa balaa beelaa kana qolachuu fi hawaasa addunyaatti beeksisuu dadhabuu isaatiin addunyaarratti guddoo qeeqame.

Uummanni bakkeewwan beelaa fi gogiinsaan kanaan miidhaman keessa jiraatan hedduun beelaan alattis dhukkuba sababa kanaan mudateen du'aniiru.

Haalli garmalee namaan guutamee fi qulqullina hin qabne kaampii keessatti mul’ate dhukkubni daran saffisaan akka babal’atu taasiseera.

Hongee mudate booda roobni bara 1985 roobe illee dhukkuba koleeraa fi dhukkuboota garaagaraa biroo babal’iseera.

Miidhaan hongee fi waraanni biyya keessaa walitti dabalamee yeroo sanatti dinagdee biyyattii kufaatii hamaaf saaxileera.

Tigraay qofatti bara 1983-1985tti yoo xiqqaate namoonni kuma 400 akka du’an himama – kanneen gogiinsa kanaan miidhaman irra caalaan isaanii dhalattoota Tigraay turan.

Yeroo sanatti qaama Itoophiyaa kan turte Eertiraan, isheen walqabatee halli ture hanqina nyaataa hammeesseera.

Haala nageenyaa walxaxaa akkasumas mootummaan Itiyoophiyaa ‘naannoo finciltootaa keessatti’ nyaata raabsuuf fedhii dhabuun rakkoo kana daran hammeesse.

Kanarraa kan ka'e lammiileen Eertiraa kumaatamaan lakkaawaman gara kaampii baqattootaa baha Sudaan magaalaa Kassalaatti argamutti miilaan imaluuf dirqaman.

Daa'ima beelaan hubame, lafarra quphanee taa'u

Madda suuraa, Getty Images

Seenaan bara beelaa sun ammas deebi'uu malaa?

Komishinarri Komishinii Qophiifi Balaa Tasaa Tigraay Doktar Gebrehiwot G/Igzaabeer akka jedhanitti, gogiinsi godinaalee shan keessatti mudate haalaan hammaataa ta’uu ibsaniiru.

''Gogiinsi hamaan kun zooniiwwan shan, aanaalee 32 fi buufataalee 196 miidhaa jira. Lafti (kan qotamu) Tigraay keessaa dhibbantaa 48 qofatu misoomee jira. Tigraay Lixaa fi Kibbaa humnoota biroo harka jira. Dhibbeentaa 48 kana keessaa keessumaa bakkawwan sadii keessatti hanqina roobaarraa kan kale homtuu hin jiru.''

Sadaasa darbe qofa daa’imman 25 dabalatee namoonni 400 hongeen du’uu komishinarri kun himaniiru.

Gareen qorannoo gargaarsa namoomaa kan ta’e Famine Early Warning Systems Network dhiheenya kana Tigraay keessatti beelli hamaan dhiheenyatti akka mudatu tilmaameera

Qondaaltonni Tigraay akka tilmaamanitti qonnaan bultoota miiliyoona 2.3 dabalatee ummanni miiliyoona 3.5 gargaarsa hatattamaa barbaadu.

''Hongeen kun miidhaa geessisaa jiraachuun ifaadha, lakkoofsi namoota miidhamanii dabalaa jira, kan nama dhibu ammoo deebiin kennamu xiqqaadha,'' jedhan.

Bara 2017 hanga 2021tti qindeessaa gargaarsa namoomaa fi balaa tasaa UN ta’uun kan tajaajilan Maark Lookook rakkoo mudate ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru.

''Ogeeyyiin muuxannoo fi beekumsa qaban ragaa bakka garaagaraatii argaa jiran fi dhiheenya kana gara kutaalee baadiyyaa Tigraayitti imalanii waan argan bu'uura godhachuun, bara 2024 balaan beelaa kan bara 1984-85 waliin wal madaalu gaaga’ama fiduu akka danda’u natti himaniiru,'' jedhan.

''Warri imaammata baasan yeroo ammaa kan arginu caalaa saffisaa fi hatattamaan deebii kennuu, akkasumas warra rakkataniif gargaarsa qabatamaa baay’inaan kennuun barbaachisaa dha.”

Waraanni Gaazaa fi Yukireen xiyyeeffannoo addunyaa wayita dhuunfatu, rakkoo Tigraay keessatti mul’ateef xiyyeeffannoon kennamaa jiru baayyee xiqqaateera.

Mootummaan Itiyoophiyaas uggura imalaa miidiyaalee irra kaa’ee jira, kunis ammallee Naannoo Tigraay keessatti bilisaan akka hin sochoone dhorka.

Baadiyyaa naannichaa keessattis interneetiin hin jiru jechuun ni danda’ama.

Namoonni gariin humnoonni Eertiraa kutaalee naannichaa tokko tokko to’achuun isaaniis gargaarsa argachuutti gufuu ta'uu mala jedhu.

Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) fi Ejensiin Misooma Idil-addunyaa Yunaayitid Isteetis (USAID) raabsa nyaataa addaan kutaniiru.

Kun hundi walitti ida'amee, balaa beelaa yeroo ammaa naannichatti mudataa jiru waliin, seenaan beelaa hamaan sun deebi’uu akka hin oolle baay’een ni sodaatu.