Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormitoonni Beelaarus xiyyaara waraanaa Raashiyaa haleeluu himan
Dureewwan mormituu Belaaruus biyya alaatti argaman haleellaa diroonitiin dhiheenya magaalaa guddoo Miniskiitti xiyyaara waraanaa Raashiyaa haleeluun miidhaa irraan gahuu himan.
Dureen dhaabbata farra motummaa Beelaarus- BYPOL, Aliksaandar Azaarov karaa teelegraamii irratti haleellaa raawwatameef itti gaafatamummaa fudhatan.
Xiyyaarri waraanaa akeekkachiisa jalqabaa Beriev A-50 jedhamu buufata xiyyaara Machulishchy'tti haleellaan hedduu raawwatameera.
Haleellaan kuni yeroo hariiroon Minisk fi Mooskoo jidduutti dabalaa dhufe mudate.
Haleellichis fulduraa fi qaama jidduu xiyyaarichaa akkasumas raadarii fi anteenaa isaa kan barbadeesse ta'u garichi telegraamiirratti hime.
''Diroononni turan. Opireeshinicha keessatti kan hirmaatanis lammiilee Belaarusidha'' jedhan Aab Azarov.
Gorsaan hogganaa Mormituu Beelaaruus Firaank Vikoraakaa BBCtti akka dubbataniitti, haleellichi ''ammayya'aadha'' jedhan.
''Sababii lammiileen Belaarus haala shororkeessaa guutuu keeesatti argamaniifu kuni baayyee waan gaariidha'' jedhan.
Itti dabalunis paartiin mormituu kun, ''dhugaattis namoota naannichaafi waraanaan gargaaramne’’ miidhaa kana xiyyaaricha irra qaqqabsiifne jedhe.
Haata’u malee, waan gareen mormituu jedhe mirkaneessuun ni rakkisa.
Dhimma kana irratti waraanni Raashiyaa fi Belaarus waan jedhan hin qaban.
Dhaabbanni TV Kirimiliin waliin hidhata qabu tokko akka mirkaneesseetti, buufata xiyyaarichaarratti haleellaan diroonii raawwateera.
Garuu, haleellichaaf waraana Yukireen balaaleefate.
Xiyyaara A-50 irra miidhaan qaqqabuu himulleen garuu gadi fageenyaan waan mudate hin ibsine ture.
Ogeessi ittisa qilleensaa Raashiyaa, Yuri Kinutov buufata TV’tti akka himaniitti, sababii ta’een buufanni qilleensaa misaa’elota farra xiyyaaraa biyyattiin hin ittifamne.
Raashiyaan xiyyaara kana akka jidduugala ajaja humna qilleensaatti akka itti fayyadamaa turte himan.
BYPOL -gareen mormituu Velaarus kan amma haleellaa raawwatameef itti gaafatamummaa fudhate kuni qondaaltota seera raawwachiftoota duraanii kan amma Pirezidanti Aleeksaandar Lukaashenko morman kan hammateedha.
Gareen kuni mootummaa biyyattiin akka dhaaba shororkeessaatti farrajameera.
Belaaruus kallattiin waraana Yukireen keessatti hirmaachu baattulleen, Obbo Lukaashenkon loltoonni Raashiyaa akka karaa Belaarusiin gara Yukireeniitti dhukaasaniif hayyamaniifiiru.
Akkasumas biyyoonni lamaan baatiiwwan dhihoo keessa leenjii waraanaa waloo gaggeessaa turan.