Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ummata Boranaa hongeen itti hammaate dandamachiisuuf hunduu tumsa akka cimsuuf mootummaan waamicha taasise
Hongee Godina Booranaa dabalatee Oromiyaa keessatti mudate dandamachuuf hunduu tumsa akka cimsu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dhiheesse.
Waamichi mootummaa kun yeroo qaamoleen hawaasaa garagaraa gahee isaanii gumaachaa jiraniitti dhagahame.
Pirezidantiin I/Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsa Dilbataa Guraandhala 26, 2023 miidiyaaleef kennaniin, hunduu gahee ofii akka gumaachu gaafatan.
''Kanneen biyya keessa jirtan, diyaasporaa ala jirtan, hojjettoonni mootummaa naannolee ollaa jirtan, raayyaa ittisa biyyaafi poolisii keessa jirtan marti hanga dandeessaniin,’’ akka deeggartan jechuun waamicha taasisan.
Hongee godinoota Naannoo Oromiyaa 10’tti mudateen lammiileen miiliyoona 4.3 deeggarsa atattamaa akka barbaadan mootummaan ibseera.
Waggaa darbe kanneen deeggarsi taasifamaaf ture ummata miiliyoona 7.3 irraa kan xiqqaatedha jechuun Obbo Awwaluun ibsaniiru.
Bakkeewwan hongeen haalaan hube keessaa tokko Godina Booranaadha. Aanaaleen 13 godinichatti argaman hundi hongeedhaan hubamaniiru.
Godini Booranaatti qofa lammiileen 800,000 deeggarsa nyaataa atattamaa barbaadu.
Roobni waqtii roobaa shan osoo hin robin ture horsiisee bultoota Booranaa kan horsiisa looniin beekaman loonsaanii dhabuun harka qullaatti akka hafan taasiseera.
Hongeen kun horiirra darbee lubbuu namaa gaaga’u jiraattonni BBC’n dubbise himaniiru.
Aangawoonni mootummaa garuu hongee kanaan horii malee lubbuun namaa hin dabarre jechuun mormu.
Xumura 2021 eegalee Itoophiyaatti horiin miiliyoona 4.5 sababa hongeen lubbuu dhabuu dhaabbati UN dhimma godaantotaa irratti dalagu IOM baatii kana beeksiseera.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) hongeen waggoota 40 keessatti hamaadha jedhame biyyoota Gaanfa Afrikaa kanneen akka Itoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaa hubuu ibseera.
Itoophiyaa keessas Naannoo Oromiyaan alatti Naannoon Somaalee, Afaar, Naannoo Amaaraa, akkasumas Kibba keessa hawaasi hongeen hubame jiru.
Deeggarsa itti fufe
Namoonni adda addaa wal ijaaruun deeggarsa ummata Booranaafi kaanif ta’u biyya keessaafi alaa qabaa jiru.
Gumaachi kun dureeyyii, weellistootaafi namoota kaanillee dabalata.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa herreegawwan baankii namoonni itti galii taasisan ifa taasiseera.
Gama kaaniin deeggarsi qaamolee garagaraan walitti qabamaa jiru hangam ummata bira gaha jedhanii kan gaaffii kaasan jiru.